Abbaan qabeenyaa Maan Yunaayitid "godaantonni UK koloneeffataniiru" jechuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, PA Media
Abbaan qabeenyaa Manchestar Yunaayitid Sar Jiim Raatkiliif "UKn godaantotaan koloneeffatamte" jedhee dubbachuu hordofee dheekkamsa uume.
Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar dubbiin abbaan qabeenyaa Yunaayitid dubbate "kan nama mufachiisufi dogoggora" jechuun ibse.
Biliyeenara UK kan ta'e Sar Jiim Raatkiliif "dhiifama gaafachuu qaba" jedhan gaggeessaan biyyattii.
Jiim Raatkiliif dubbii dheekkamsa kaase kan dubbate Roobii, Guraandhala 11, turtii miidiya biyyattii Sky News waliin taasiseen yoo ta'u, "UKn godaantotaan koloneeffatamteetti" jechuun waa'ee Ministiira Muummee biyyattii ammoo "wantoota cimoo ta'an hojjachuu nama danda'uufi nama gaarii" jechuun ibse.
Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar Roobii galgala ibsa kennaniin dubbii abbaan qabeenyaa Maan Yunaayitid dubbatetti gadduu ibsuun Biriteen biyya namoonni bakka garaa garaa dhufan keessa jiraataniifi kanatti akka boonan dubbatan.
Yaadi Jiim Raatkiliif kenne ilaalcha warra biyyattii gargar qoodaniiti jechuun abbaan qabeenyaa Maan Yunaayitid kun dhiifama akka gaafatus waamicha godhaniif gaggeessaan UK.
Jiim Raatkiliif Sky News irratti dhiyaachuun yaada kenneen: "Godaantonni miliyeena sagal fayidaa [mootummaarraa] osoo argatanii diinagdee ijaaruu hin dandeessu. Godaantonni lakkoofsan guddaa ta'anis [gara UK] dhufaa jiru.
"UKn godaantotaan koloneeffatamtee jirti. Kuni ammoo maallaqni guddaan akka bahu taasisaa jira," jechuun lakkoofsi uummata UK waggoota jaha hin guunne keessatti miliyeena 12 dabaluu dubbate abbaan qabeenya Maan Yunaayitid.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Bara 2020 lakkoofsi uummata UK miliyeena 58 ture; amma garuu miliyeena 70 galeera. Kana jechuun miliyeena 12 [dabale]," jechuun lakkoofsi godaantotaa UK keessatti akkaan dabaluu ibse.
Waldaa Deeggartoota Maanchestar Yuunaayitid dabalatee gareewwan heddu yaada godaantota balfu abbaan qabeenyaa kilabichaa kenne mormaa jiru.
Waldichi ibsa karaa miidiyaa hawaasaa baaseen, deeggartoonni kilabichaa kamiyyuu yaada Jiim Raatkiliif kenneen akka hin mufanneefi wal-bira akka dhaabbatan waamicha godhe.
Gareen Show Racism the Red Card jedhu ammoo yaada tokkummaa hawaasaa balfuufi sanyummaa leellisuuf iddoo kennuu hin qabnu jechuun morme.
Ministiira Muummee UK dabalatee namoonni siyaasaa biyyattii yaada isaa kana mormaniiru.
Abbaan qabeenyaa Manchestar Yunaayiti Jiim Raatkiliif bara 2024 irraa kaasuun kilabicha dhibeentaa 27.7 bitee ture.
Barruun Sunday Times jedhamu akka gabaasetti Jiim Raatkiliif paawundii biliyeena 17 qabaachuun tarree dureeyyii UK keessaa sadarkaa 7ffaa irratti argama.















