'Yunaayitid hin moone, namichis rifeensa hin muranne'

Madda suuraa, The United Strand
Maanchistar Yunaayitid akka Firank Ilett rifeensa isaa sirreeffatu gochuu hin dandeenye.
Namichi kun hanga kilabni kun walitti aansee yeroo shan mo'atutti rifeensa akka sirreeffanne ibsuun kan inni viidiyoo maxxanse Onkoloolessa 5, 2024 ture.
Taateen akka salphaatti jalqabe amma kunoo guyyaa 493 ta'eera. Amma sadarkaa namichiyyuu hin eegnerra ga'eera.
Namichi kun yoom akka rifeensa sirreeffatu kan murteessu Maanchistar Yunaayitid ta'uu jala muree ibseera.
Yoom akka ta'uu danda'u garuu hin barre. Kanaaf yaada hordoftoota isaa gaafateera.
2024, 2025 moo 2026? kan jedhurratti hordoftoonni isaa yaada kennaniiru.
Sagaleewwan kennaman kuma 27 keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'u bara 2026 sirreeffatta jedhaniin.
Dhugumayyuu bara kana itti dhihaatee ture, garuu Kibxata galgala Yunaayitid fi West Ham goolii tokko walqixa waan ba'aniif ammas eeguusaatti deebi'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchistar Yunaayitid taphoota Piriimer Liigii darban afran injifateera. Isaanis Maanchistar Siitii, Arsenaal, Fulhaam fi Tootanhaam yoo ta'an injifannoon kunis erga leenjisaa haaraa Maayikil Kaarik argateeti.
Namni akkuma salphaatti yaada kana fide Ilett yeroo ammaa miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota miiliyoona 2.3 qaba.
Tapha kaleessaas karaa YouTube isaa kallattiin dabarsaa ture. Namoonni kuma 100 ta'an daawwachaa turan.
Ilett 'yoo him mo'anne, rifeensa hin muradhu' jechuun duulli inni eegale jalqabarratti akka qabiyyee bashannanaa qofatti ilaalamaa ture.
Yero kilabichi ga'umsi isaa gadi bu'ee haala rakkisaa keessa turetti ''miira gaarii ta'een simatamee ture,'' jedhe.
''Yeroo sana deeggartoonni Maanchistar Yunaayitid akka miira gammachuu qabaataniifan kana eegale. Wayita kilabichi rakkoo hamaa keessa turetti jaallattoonni kilabichaa akka gaddaan hin liqimfameef,'' jedhe.
Ilett wayita gocha kana eegalu hanga kana tura hin seene, hangana xiyyeeffannaa addunyaa argatas jedhee hin yaadne.
''Ji'a sadi ykn afur keessatti waan xumuramu natti fakkaatee ture. Yeroo sanatti namoonni akka kolfaniif ture. Garuu akkas hin taane. Akkan yaadetti naaf hin deemne,'' jechuun BBC Ispoortitti hime.
Maanchistar Yunaayitid yeroo xumuraaf taphoota shan walitti aansee kan injifate bara 2024 ture.
Amajjii 28 hanga Guraandhala 18 Newsport County, Wolves, West Ham, Aston Villa fi Luton Town injfate.
Yunaayitid taphoota shan walitti aansee osoo hin mo'atin yeroon inni dabarse inni dheeraan guyyoota 902, Ilett kana hunda eeguuf karoora waan qabu hin fakkaatu.
Viidiyoon namni kun haala salphaan ykn bifa qoosaan eegale kun mallattoo wal'aansoo Maanchistar Yunaayitid ta'eera.
Yeroo Yunaayitid tapha qabu hunda rifeensa nama kanaatu waliin qoodama. Taphattoonni kilabichaa kana ilaalanii akka injifannoon galan hoji manee akka itti kennuuti.
''Rifeensi kiyya Maanchistar Yunaayitid bakka duraan ture keessa turuu akka hin qabne mallattoo ta'eera,'' jedhe.
Namni kun wayita xiyyeeffannaa argataa deemu hordoftoonni isaas miidiyaa hawaasummaarratti heddummaataniiru.
Kana hordofee maallaqa argachuus akka eegale odeeffama. Firaan Ilett wayita dhiibbaa uumuunsaa baayyee guddatu jaarmiyaalee komershaal ta'an waliin hojjechuu eegale.
''Kanaan booda dhimma kiyya qofa ta'uu dhiiseera. Namoonni hedduun waan kana faana bu'aniiru. Ammuma ka'ee dhaabuu hin danda'u,'' jedha.
Yoo abjuunsaa milkaa'e rifeensa isaa eessatti akka sirreeffachuu danda'u wayita gaafatamu, bakki tokko qofti akka sammuusaa keessa jiru dubbate.
''Jechuun, yoo naaf eeyyaman, istaadiyemii Old Tiraafoord irratti osoo ta'ee baayyee ajaayiba. Taphattoota keessaa nama tokkoon ykn namuma ta'een dirree keessatti osoo ta'ee natti tola. Garuu wayita yeroon dhihaatu kan ilaallu ta'a,'' jedhe.
Amma garuu wanti Ilett abdiin eegaa ture galma hin geenye. Maanchistar Yunaayitid West Ham injifachuu dhabuun mufannaa hin malle uume.
Kilabichi ammallee ga'umsa gaariirra jira, taphoota darban afur injifateera, amma ammoo qabxii qooddateera.
Dursaan garee taphattoota Yunaayitid Biruunoo Fernaandez fi leenjisaan kilabichaa Maayikil Kaarik wayita injifannoosaanii afraffaa Tootanhaam irratti argatan dhimma gurbaa rifeensa sirreeffachuu dhiisee kana gaafatamuun tuffatanii bira darban.
Kaarik garuu daa'imasaarraa oduu kana dhagahuu dubbateera. Kanuma.
Amma wanti Ilett miidiyaa hawaasummaasaarratti maxxansu, suuraan rifeensa isaa- kan durii fi kan ammaa, madda bashannanaa fi mata duree oduu ta'aniiru.
Ammoo kilabicha irrattis dhiibbaa guddaan akka uumamu taasiseera.












