Yunaayitid 'ulfina duriitti kan deebisaa jiru' Maayikil Kaarik turuu fedhaa?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Saayiman Istoon
- Gahee, Rippoortara Maanchistar Yunaayitid
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2
Erga Ruuban Amoorim Maanchistar Yunaayitid keessaa ari'amee bakka isaa kan bu'e taphataan duraanii Yunaayitid Maayikil Kaarik milkaa'aa jira.
Ta'us, inni yeroof leenjisuun itti fufamoo egereen isaa maali kan jedhu hin baramne.
Ta'us, Kaarik leenjisaa Maanchistar Yunaayitid ta'e bara dorgommii baranaa darbee leenjisuu akka barbaadu waan akeeku dubbateera.
Amajjii keessa yeroof Amoorim bakka bu'ee kan muudamee Kaarik egeree isaa Old Tiraafolditti qaburratti dubbachuurraa of qusatee ture.
Kaarik akka Amoorim nama baay'ee hin dubbannee ta'uun isaa yaada isaa kana gatii jabeessa godha.
Ganna keessa waan Yunaayitid yaade kan gaafatame Kaarik, ''waan jijjiirame hin jiru'' jedhe.
''Itti gaafatama asitti qabu sirriittan beeka. Milkaa'uu barbaanna, bara dorgommii kanarra darbees kilabichi akka milkaa'u nan barbaada.
''Yoo ana ta'es, yoo nama biraa ta'es,'' jechuun hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchistar Yunaayitid erga Kaarik leenjisuu eegalee walitti aansee tapha sadiii mo'ateera.
Osoo mo'chi kun ittii fufee maaltu ta'a jedhamee kan gaafatame Kaarik akkana jedhe; ''Wanta hojjedhu nan jaaladha.''
''Akka nama qe'ee juruutu nattii dhagahama. Garuu, haalicha guutummaan nan hubadha, baay'ee gammachuun of hin wallaalu.''
Maanchistar Yunaayitid Amoorim bakka buusuuf yeroo fudhatee leenjisaa ta'u barbaadaa, qorataa ture.
Haa ta'u malee, maddi amanamaa leenjistoota kilabootaafi garee biyyaalessaatti muuduu itti dhiheenyaan beekaniifi BBC'tti dubbatan akka jedhanitti, Waancaa Addunyaa dura leenjisaa Waancaa Addunyaarra taphachiisu waliin waliigaltee mallatteessuun qormaata ofii qaba.
Sambata sa'aa sagaliifi walakkaatti Yunaatiid Totenhaamiin keessummeessa.
Yunaayitiid torbee darbe Fulhaamiin akkitti injifate carraa qabeesummaas keessaa qaba.
Ammoo Maayik Kaariik jalatti tapha walitti aanu sadii injifataniiru. Akka gaarii jiruu.
Totenhaamiis torbee darbe Siitii duubaa ka'ee 2-2n qixa bahe.
Solaankeen akka gaarii taphate.
Kiriis Saatan taphani kun kan morkiin jabaan akka irratti mul'atu akka ta'u tilmaameera. Ammoo Yunaayitiid karaa itti injifatu hindhabu.












