Tilmaama Piriimer Liigii: Arsenaal v Sanderlaand, Yunaatid v Tootenhaam, Liiverpuul v Siitii, eenyu mo'a?

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota ja'a darban keessaa tokko qofa kan mo'ate Maanchester Siitiin Dilbata Liiverpuul waliin morkata.
Torban darbe tapha Tootenhaam waliin taphaterratti 2 fi 0'n dursaa turee walqixa xumuruun isaa gahumsa Siitii yeroo ammaa kana gaaffii keessa galcheera.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan Maanchester Siiitiin dorgommii kamirraayyu fagaateera jechuun hin danda'amu jedha.
Taphoota Piriimer Liigii torban 25ffaa irratti falmiin Liiverpuul Maanchester Siitii waliin, Maanchester Yunaayitid Tootenhaam waliin taasisan, akkasumas kan dursaan Liigchaa Arsenaal Sanderlaand waliin qabaatu warra eegaman keessaati.
Taphoota jajjaboo kana ilaalchisee maaltu jedhame? Eenyufaatu tilmaam injifachuu argatan?
Suutan tilmaama taphoota torban kanaa akka itti aanutti kaa'eera.
Jimaata
Liids v Notingihaam Fores
Morkiin kufaatiirraa ooluu amma waan cimeeru fakkaata.
Ani gama kootiin Woolvisiifi Barnileen kufaniirun jedha, haata'u malee, West Haam moo kilaba sadaffaa biraati kufa kan jedhudha gaaffiin jiru.
Liids fi Notingihaam Forest walqixa qabxii 26 qabatanii waan jiraniif taphni kun lamaan isaaniif murteessaadha.
Liids torban darbe Arsenaaliin goolii baayyeen mo'amullee, bara dorgommii kana dirree isaarratti garee fooyyee qabudha.
Notingihaam Forest ammoo faallaa kanaan dirreesaatiin ala cimina agarsiisaa jira.
Taphni kun morkiin akka itti cimu nan tilmaama. Morkii kana ammoo Liids akka mo'atun tilmaama. Haata'u malee, walqix akka ta'us kessikoo natti hima.
Tilmaam: 2 - 1

Sambata
Maanchester Yunaayitid v Tootenhaam
Bor sa'aa sagaliifi walakkaatti Yunaatiid Totenhaamiin keessummeessa Yunaayitiid torbee darbe Fulhaamiin akkitti injifate carraa qabeesummaas keessaa qaba.
Ammoo Maayik Kaariik jalatti tapha walitti aanu sadii injifataniiru. Akka gaarii jiruu.
Totenhaamiis torbee darbe Siitii duubaa ka'ee 2-2n qixa bahe.
Solaankeen akka gaarii taphate.
Kiriis Saatan taphani kun kan morkiin jabaan akka irratti mul'atu akka ta'u tilmaameera. Ammoo Yunaayitiid karaa itti injifatu hindhabu.
Tilmaama: 2-1
Bornimaawoz v Aston Viilaa
Taphni itti aanee gaggeefamu Boornimaziifi Astoonviilaa gidduuttidha.
Bara kana xiqqoo rakkachaa kan ture Boornimaz taphoota darban afur keessaa sadii injifateera. Astoonviilaan ji'oota dura dirreesaa Viilaa Paarkitti 4-0n injifatee ture.
Boornimaz tapha dirreesaatti gaggeessu kana ni mo'ata jedhen tilmaama.
Tilmaama: 2-1

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal v Sanderlaand
Liigicha kan dursaa jiru Arsenaal ammo Sambata xiqqaa galagala sa'aa 12 irraa eegalee Sandarlaandiin keessummeessa.
Tapha kanarratti Arsenaal goolii hin keessummeessu jedheera. Zhaakaan kilaba isaa duraanii morkachuuf hiree hin qabu.
Torbee darbe Liidsiin 4-0n kann injifatee gargaagartummaa qabxii ittiin dursuu afur irraa jahatti kan bal'ise Arsenaal tapha kanas ni mo'ta.
Tilmaama: 2-0
Barnilee v West Haam
Ani barnileen kufeera jedhee cufullee yaada kiyya kufaa taasisuuf taphni kun carraa gaariidha.
Dirreesaaniirratti sadarkaa tkko qofaan garee isaan caalee jiru waliin taphatu. Deeggartoonni barnilee mo'achuu yeroo dheeraaf dheebotaa turan argachuuf yeroon isaa ammadha.
Ani garuu kun ni ta'a jedhee hin yaadu. West Ham gahumsa dhaabbataa agarsiisuu baaus, torban dhiyoo keessa fooyya'insa agarsiiseera.
West Haam gooliin irratti ni lakkaa'ama. Haata'u malee, Barnileenis ni mo'ata jedhee hin yaadu.
Tilmaama: 1 -1
Fuulhaam v Everten
Taphni kunis morkiin cimaan kan irratti mulatudha. Morkiin kun 2 fi 1'n xumurama jedhee yaadullee, Everten salphaa ta'ee natti hin mul'atu.
Fuulham Manchester Yunaayitidiin mo'amus morkataa salphaa hin turre.
Tilmaama: 1-1
Woolvis v Chelsii
Chelsiin leenjisaa haaraa jalatti cimaa jira. Karabaa'oo Kaappiin Arsenaaliin mo'ame ebahus tapha kanaan garuu harka hin kennu.
Wolvis torban darbe Bornimaawoz waliin walqixa bahu jedhee tilmaameen ture. Amma dogongora biraa hin dabalu, Woolvis ni mo'ama.
Tilmaama: 1 -2
Niiwukasil v Bireentifoord
Roobii Siitii waliin karabaa'oo Kaappiif taphatee kan mo'ame Niiwukasil waan baayyee dadhabeeru fakkaata.
Bireentifoord ammoo tapha torban darbeen Aston Viilaa haala ajaa'ibaatiin taphatoota kudhaniin mo'ateera. Tapha kana garuu waan mo'an natti hin fakkaatu.
Tilmaama: 3 -1
Dilbata

Biraayiten v Kiristaal Paalaas
Dilbata taphoota lama qoftu gaggeeffama kan jalqabaa morkii Biraayitaniifi Kiristaal Paalaasi.
Akka kana duraatti taphni kun walqixaan xumurama jedhee tilmaamullee, tapha kanaan garuu Biraayiten akka moatu nan amana.
Tilmaama: 2 -0
Liiverpuul v Maanchester Siitii
Taphataan duraanii Liiverpuul Jeemsi Miilneer tapha Dilabataa kana irratti kilabasaa ijoollummaa Biraayitaniif yoo hiriire yeroo 653fffaa tapha piriimiyeer Liigiirratti hiriiruun riikardii Gaareez Baarii qooddata.
Gareen lamaan ji'oota dura morkii Paalaasitti qixxee bahan alana garuu Biraayitan 2-0'n injiufata jedheera.
Taphni torbee kanaa inni eegamaan fi inni dhumaa Anfiilditti Liiverpuuliifi Maanchister Siitii gidduutti gaggeefama.
Gareen Peep Gaardiyoolaa Eerliing Haalaand malees Maarmuush, Semeniyoofi Cheerkiitiin deeggaramaa sodaachisaa ta'aa dhufeera.
Liiverpuulis Hugoo Ekitiikee fi Filooriyaan Wiirtiz waliin hiree goolii hedduu uumaa jira.
Tilmaama 2 -2












