Seera haaraa mana jireenyaa kireessaniifi kireeffataniif baheerratti qabxiilee ijoo

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan Itoophiyaa waa’ee kiraa mana jireenyaa ilaalchisee seera haaraa baaseera. Labsiin haaraa ragga’e kuni namoota mana jireenyaa kireessan irratti dirqama haaraa kaa’e.
Kanneen kireeffataniif immoo mirga duri hin qabne kenne. Akkaataa seera kanaan kanneen mana kireessan akka fedhan gatii mana kiraa dabaluu hin danda’an.
Warri mana kiraa kireessan gatii mana kiraa kan dabalan murtee mootummaani yookiin qajeelfama qaamni to’atu baasu bu’uura godhachuuni waggaatti si’a takka dabaluu danda’u.
Labsiin To’annoofi Bulchiinsa Mana Kiraa lakkoofsa 1320/2016 Bitootessa 02/ 2024 sagalee caalmaan ragga’eera. Miseensonni paarlaamaa sadii sagalee kennuurraa of qusataniiru.
Labsiin kuni maal fidee dhufe? BBC’n wixinee seeraa kana argateera. Qabxiileen ijoo waa’ee nama kireessuufi kireeffatu seera kana keessatti eeraman kunooti.
Maaliif barbaachise?
Dhimmi mana kiraa keessumaa magaalaa Finfinneefi kaan keessatti dhimmoota mata dhukkubbii ta’aniifi jiruu namaa qoran keessaati.
Hanqina manneen jireenyaa furuuf mootummaan Finfinneefi kaanitti ijaarsa manneen waliiniifi tarkaanfii kaan fudhatuus guututti hin furamne.
Seerri kuni kan barbaachise ‘’gatiin mana kiraa humna hawaasichaa kan giddugala godhate, waqtiifi haala jiru bu’uura kan godhate akka ta’u,’’ labsicha keessa ibsameera.
Dabalataan labsichi ‘’daballii mana kiraa sirrii hin taaneefi waliigaltee mana kiraa adda kutuu,’’ akka hambisu ibsa. Akkaataan waliigalteen adda cituu danda’us ibsa.
Labsiin kuni kaffaltii mana kiraa ‘’tasgabbii hin qabneefi haqa qabeessa hin taane’’ sirreessuf kan qophaa’e ta’u aangawoonni ibsaniiru.
Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii hojjettoota mootummaa fi jiraattota magaalaa galii gad-aanaa qaban gargaaruuf seerri kuni bahuu ibsan.
Labsiin kuni manneen jireenyaa qofa ilaallata. Kanaaf manneen daldalaa hin ilaallatu jechuudha.
Aadde Caaltuun akka jedhanitti, labsiin kuni yoo hojiirra oole magaalonni galii dabalataa akka argatan taasisa. Galii damee kanarraa mootummaan argachuu dhabe sirreessa.
Aangawaan kuni lammiileen galii argatan keessaa 25 % - 30% caalaa mana kiraaf baasuu hin qaban jechuunis paarlaamaatti dubbachuun isaanii gabaafameera.
Seerichi maal jedha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa seera kanaan waliigalteen nama kireessuufi kireeffatu gidduu taasifamu waggaa lamaa gadi ta’uu hin danda’u.
Kireessitoonni waggaatti si’a takka qofa mana kiraa dabaluu danda’u. Kunis adeemsa ofii qaba. Sababni kanaas gatii mana kiraa tasgabbeessuuf akka ta’e seerichi eera.
Labsichi kaffaltii mana kiraa ‘’baankiin yookiin karaa elektironikii bu’uura seeraa qabu biroon qofa,’’ akka raawwatamu dirqisiisa.
Kana jechuun maallaqa callaan mana kiraa kanfaluun ni hafa jechuudha.
Yeroon waliigaltee osoo hin xumuramiin wantoota labsii keessatti eeraman alatti gatii dabaluunis ta’e kireeffataa mana kiraatii baasuun hin danda’amu.
Haa ta’u malee, akkaataan kireessaan waliigaltee kireeffataa walin qabu akeekkachiisa malee baasuu danda’us seera keessa eerameera.
Daballii gatii kiraa gara fuulduraatti taasifamuuf kiraan amma jiru ilaalamee mootummaan shallagama.
Qaamoleen mana kiraaf ta’u ijaaran waggoota afuriif mariidhaan gatii murteessuu danda’u. Kunis isaan jajjabeessuuf yaadameeti jedhameera.
Kanaan ala garuu seerri labsii kana keessa jiru isaanirrattis ni raawwata.
Labsiin kuni hojiirra akka ooluf galmeen baatiiwwan sadan dhufan keessatti ni xumurama jedhamee akka eegamu ibsame.
Naannoleefi bulchiinsota magaalaatti hojiiwwan hubannoo uumuu hojjetamuun isaanii ibsameera.
Waliigaltee kiraa galmeessisuu dhabuun adabbii bulchiinsaa qaba. Akka seera kanaatti gatii mana kiraa ji’a sadii ta’u nama adabsiisuu danda’a.
Erga waliigalteen adda citee booda haala labsii keessa ibsameen yoo gatiin kiraa dabale malee manichi nama biraaf gaafa kireeffamu gatii duraan turerra dabaluun hin danda’amu.
Yoo kuni irra gahame qajeelfama qaama to’atuun adabbii darbuun ala namni haaraa kireeffatu gatiin gara duraanitti akka deebi’u iyyatee deebisiisuu danda’a jedha.
Yeroon turtii waliigaltee mana kiraa gaafa xumurame wal hubannoo kireessaafi kireeffataan waliigalteen barreeffamaan haaromfamuu danda’a.
Kireessaa ni miidhaa?
Seerri kuni yeroo ragga’u kan argaman Ministirri Haqaa Dr Gediyoon Ximootewoos labsiin kuni mirga warra kireessuufi warra kireeffatu wal simsiisa jedhan.
Labsii kana keessatti kireessitoonni akeekkachiisa malee karaatti waliigaltee mana kiraa seenan adda kutuu danda'anis ni eera.
Qaamolee lamaan gidduu dhibdeen yoo dhalate qaama to’atuun tarkaanfii bulchiinsaan kan furamu malee dhimmichi kallattiin mana murtii akka hin geenye ibsan.
Labsiin kuni magaalota rakkoo mana jireenyaa qabanitti kan hojiirra ooludha. Raawwiin isaa garuu bulchiinsota magaalaafi naannoleef akka kennamu ibsameera.
Seera kana baasuuf Awuroppaarraa Jarman, Eeshiyaarraa Chaayinaafi Hindii, Afrikaarraa Gaanaa, Keeniyaa, Masriifi kaanirraa muuxannoon fudhatamuu seerichi ibsa.
Qaamni mana kiraa to'atu eenyu?
Akka labsichi ibsutti, qaama to‘atu jechuun waliigaltee mana kiraafi gatii akka to’atuuf naannoleen yookiin bulchiinsota magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaan kan hundaa’udha.
Labsiin mana kiraa kuni haala kana dura tureerraa addatti ragga’e. Dur labsiin qophaa’e ragga’uu dura akka ilaalamuuf koree dhaabbiif ergama. Labsiin kuni garuu kallattiin ragga’e.
Paarlaamaatti bakka bu’aa mootummaa kan ta’an Tasfaayee Beljigee mooshiniin dhiheessan mana mareen erga fudhatama argate booda kallattiin ragga’eera.
Kireessitoonni akkamiin gatii dabalu?
Labsiin kuni kireessitoonni akka fedhan kiraa manaa dabaluu hin danda’an jedha. Gatii mana kiraa dabaluuf wanti hordofuu qaban akka jiruus eera.
‘’Kiraa manaa dabaluu kan danda’an qaamni to‘atu waggaatti si’a takka dhimmoota dinagdeefi kaan giddugala gochuun daballii kiraa murteessu danda’u bu’uura gochuuni,’’ jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Dabaluunis, akkaataa labsii kanaan daballiin kiraa taasifamu ‘’qaama to’atuun Waxabajjii 01 ummataaf ifa taasifamee Waxabajjii 30 eegalee waggaa tokkoof hojiirra oola,’’ jedha.
‘’Waliigalteen mana kiraa osoo hin xumuramiin kireeffataa manaa baasuun yookiin labsii kanaan haala eeyyamameen alatti gatii dabaluun hin danda’amu,’’ jechuun labsichi lafa kaa’a.
Kanaan ala namni kireessu gatii mana kiraa kan ji’a lamaa ol dursee kireeffataan akka kanfalu gaafachuu akka hin dandeenye seerichi ni ibsa.
Waa'ee waliigaltee kiraa
Akka kana dura namoonni afaaniin qofa waliigalanii mana hin kireessan, yookiin hin kireeffatan.
Namni kireessuufi kireeffatu sanadoota kaffaltii mana kiraa qindeessanii kaa’uuf dirqama qabu jedha.
Waliigaltee mana kiraa kamuu barreeffamaan taasifama. Kunis, qaama to’atuun galmaa’uufi mirkanaa’uu akka qabu dirqamsiisa.
Akkasumas, qaamoleen lamaan waliigalteen erga raawwatee guyyoota 30 keessatti ‘’waliigalee dhiheessanii akka mirkanaa’uufi galmaa’u gochuuf dirqama qabu,’’ jedha.
‘’Waliigalteen mana kiraa hin mirkanoofneefi hin galmoofne akka waliigalteen hin raawwanneetti ilaalama,’’ jechuunis ifa godha.
Osoo mana gadhiisuu feetanoo?
Waliigalteen mana kiraa kan diigamu tokko osoo yeroon waliigaltee hin xumuramiin qaamoleen waliigalan waliigaltee diiguuf yoo waliigalanidha.
Yookiin immoo kireeffataan yoo gadhiisuu fedhe baatii lama dursee kireessaaf beeksisuu qaba.
Gama kaaniin waliigalteen mana kiraa akeekkachiisa malee karaawwan ittin diigamuu danda’us jira.
Yoo nama kireessuufi kireeffatu gidduu rakkoon jiraate qaamni to’atu beeksifamuu qaba.
Qaamni to’atu erga murtee irratti kennee booda komiin yoo jiraate koree hundaa’uun akka ilaalamu ta’a.
Murtee koreerratti qaamni komii qabu dhimmicha mana murtii geessuufi guyyoota 30 keessa murtee akka argatu seerichi ibsa.
Labsiin kuni qaamoleen waliigalan osoo waliigaltee diiguu barbaadan wantoota hordofuu qabanis ni kaa’a.
Sababoota torba akeekkachiisa malee
Gama kaaniin, namni kireesse akeekkachiisa malee waliigaltee mana kiraa nama kireeffate waliin seene adda kutuu danda'a.
Kunis, sababoota torba qofaani ta’uu ibsa seerichi.
Yeroo kanfaltii mana kiraa ilaalchisuun akkaataa waliigalteen yeroo jalqabaaf yoo ta’e guyyoota 15’f yoo dabarse
Yeroo lammataaf akkaataa waliigalteen guyyoota 7’f yoo dabarse kireessaan waliigaltee akeekkachiisa malee adda kutuu akka danda’u labsichi ibsa.
Inni biraa namni kireeffate dhimma kireeffateef dhiisee manicha dhimma biraaf yoo itti dhimma bahedha.
Labsicharratti ‘’[Kireeffataan] eeyyama kireessaan keessa jiraachuun ala ykn hojii daldalaaf yoo itti fayyadama ta’edha,’’ jedha.
Akkasumas namni kireeffate mana kireeffate sana ‘’yakka raawwachuuf yoo itti fayyadama ta’e,’’ namni kireesse waliigaltee adda kutuu danda’a.
Akkasumas kireeffataan nagaafi tasgabbii naannichaa ‘’irra deddeebiin’’ kan booressu yoo ta’es kireessaan akeekkachiisa malee waliigaltee adda kutuu danda’a.
Sababooti biroommoo beekaa yookiin of dagatee kireeffataan mana jireenyaa kireeffate yoo balaarra buuse ykn mancaase akkasumas kan kana fakkaataniin jedha.












