Rakkoon hanqina bishaan Finfinnee waggoottan booda fooyya'uumoo itti cimuu mala?

Coba bishaanii

Madda suuraa, Getty Images

Dr. Xuruusaw Asaffaa fi Dr. Fikaduu Morodaan lamaan isaanitu injinaroota olaanoo damee qabeenya bishaaniti. Kan jiraatan ammoo Ameerikaa Filooriidaadha.

Isaanis hanqina bishaan Finfinneerratti qorannoo bal'aa gaggeessan. Argannoon qorannoo isaanii garuu isaanumayyuu deebi'ee kan rifachiise ture.

Magaalattiin hanqina bishaan dhugaatii qabaachuu haalaan hubatan. Isayyuu miti kan caalaatti isaan yaaddesse; rakkoo kanaaf furmaanni yoo hin argamne, Finfinneen magaalaa jiraattonni isheellee irraa baqatan akka taatu tilmaaman.

Mata dureen qorannoo isaanis 'boombii dho'uuf yeroo eegu' (Ticking Time Bomb) kan jedhu ture. Isaanis dhimmi kun gonkumaa akka hin arbeeffamne himu.

Hayyoonni kun jalqabumayyuu rakkoon bishaan dhugaatii magaalaa Finfinnee akka boombii dho'uuf yeroo eeggatuutti akka yaadan maaltu isaan taasise?

Dhugaatti jiraattonni magaalichaa kana yaadda'uu qabuu?

Dr Xuruusaw "Hanga fedhii fi dhiyeessii bishaanii jiru qofa ilaaluun waan baayyee himu qaba,'' jedhu. Ammatti Magaala Finfinnee keessa yoo xiqqaate namoonni miliyoona 5.2 akka jiraatan tilmaamama.

Lakkoofsi ummataashees %4'n dabalaa jira. Magaalattiin yaaddoo keessa jirti.

''Finfinneef guyyaatti yoo xiqqaate bishaan meetir kiyuubii miliyoona 1.2 ta'utu barbaachisa. Magaalattiin garuu dhiyeessaa kan jirtu meetir kiyuubii kuma 480 qofadha.

Kana jechuunis dhiyeessii bishaan magaalittii hanqina %60 qaba jechuudha.

Mana fincaanii fayyadamuuf yaaddoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraattonni magaalatii BBCn gabaasa kanaaf dubbise waan hanqina bishaan kanaan heddu ajaa'ibsiifatan hin fakkaatan.

Duraan dabareen bishaanii halkanii fi guyyaatti qoodama ture. Ittaansee bishaan ujummoo guyyaa tokko oolee dhufuu jalqabe.

Amma ammoo torbanitti guyyaa tokko yoo dhufe 'gammachuudha' jedhu jiraattonni.

Magaalichatti jiraattuun Kondomiiniyeemii Sammiiti gabaasa kanaaf maqaashee Firee jenne waamne, waggaa shan dura ture bakka dur jiraattuu Adawaa Dildiyi bakka jedhamu gara sana kan dhaqxe.

Firee fi abbaa warraashee kondomiinyeemii Sammiitti kan filatan ammoo dhiyeessiin bishaan naannichaa waan addaan hin ciccinneef ture.

"Yeroo sana humni bishaanii guddaa ture, keessattuu darbii gamoo gara lafatti dhiyaatutti humni bishaanii ujummoo kan cabsu fakkaata ture," jetti.

Garuu waggoota 5'n darban keessa haalli kun guutummaatti jijjiirame. Dhiyeessiin bishaanii guyyaa hunda ta'uun dhabuun, guyyaa sadi ykn torbanitti ta’e.

Yeroo gabaasni kun qixeeffame ji'a Caamsaa keessa, bilookiiwwan manneen jireenyaa Sammiit kondominiyeemii harki caalaan guyyoota 15'f bishaan akka hin arganne jiraattonni BBCtti himan.

Dr Fikaduu fi Dr. Turuusaw barreeffama isaanii keessatti dhiyeessin bishaan magaalichaa wal fakkaata akka hin taane eeran.''haala dhiyeessitii kanaan ollaan tokkoo haala ta'een dabareen yoo jala bahee bakka hin buufamuuf. Troban biraa eeggachu qabaatu,'' jedhan.

Kondominiyeemiin Sammiitii fi Abadoo dhiyeessi bishaaniitiin fooyyee qabu turan. Abaadoon ammallee bishaan torbanitti al-sadii ni argata. Kondomiiniyeemiin Sammiit garuu bishaan torbanii gadiitti argataa hin jiru.

“Kibxata halkan dhufti; Halkan hirribaa ka'anii bishaa barmeela guutuun jiruu idilee ta'eera," jetti Fireen. Namoonni hedduun uffata kan miican alkan keessa.

Sababii bishaan gahaan hinjirreef jecha mana fincaanii fayyadamuuf yaaddootu jirajetti Fireen.

"Dhugaa natti him yoo jette, firrikoo tokkollee gara mana koo akka dhufu hin barbaadu. Waanan jedhuu siif gala jedheen yaad," jetti.

"Ammaa namni manakoo dhufee mana fincaaniin dhaqa yoo naan jedhe, nan rifadha; kanarra osoo liqaa na gaafate naa wayya," jettee qooste.

Fireen kana kan jettuu mudannoo foolii badaa mana fincaanii bishaan baaliitiin hin badiin waan yaadattuufiidha.

''Kan jiraannuu ogunnaa jabaadhaan dhugaa,'' jechuun mudannooshee dubbachu bira tarte.

Magaalaa rakkoo bishaaniitiin dararamtu

Ofii ollaan bishaan dhugaatii sa'aatii 24'f, waggaatti guyyoota 365 argatu jiraa? Hin jiru! Magaalaa Finfinnee keessatti ollaan bishaan baduu hin himanne hin jiru.

BBCn qorannoo al-idlee rakkinicha ilaaluuf Saariisii hanga Sameen Maazagaajaa, Shagoolee hanga Piyaassaa, Beeteelii hanga Uraa'eel, Abbaadoodhaa hanga Gofaatti jiraattoota dubbisuun odeeffateen, ollaan torbn guutuu bishaan itti dhufu hin jiru.

Naannoon Piyaassaatti dhiyeessiin fooyya'aa kan qabu yoo ta'u, bishaan Jimaata yoo argame Wiixata halkan ni badaa.

Jiraataan naannoo Saaris kan ta'e Obbo Silashiin BBC'tti akka himanitti, bishaan naannoo isaaniitti Kibxata yeroo hunda argama.

"Maaliin sitti hima Kibxata qaruuraattillee otoo hin hafiin bishaan guuttanna, Osoo kisiittuu waraabbannee nutti tola ture. '' jechuun dubbatan.

“Hundi dafee dhaqna dhiqata, kaalsii fi paantiin otoo hin hafiin uffanni kuufame guyyaa kana miiccama,'' jedhan.

Dr Xuruusaw fi waahillisaanii qorannoo bishaanii biyyoota adda addaa keessatti hirmaataniiru.

Haata'u malee, hanqinni bishaanii magaalaa Finfinnee magaalota nuti beeknu kamiyyuu ni caalaa jedhu.

"Jiraataan magaalicha rakkoo kana dandamatee jiraachuunu na dinqa,'' jedhan.

Dr. Xuruusaw yeroo duula koroonaa namoonni harka saamunaadhaan daddafanii dhiqachuu qabu wayita jedhamu akka ajaa'ibsiifataa turan himu.

Bishaan gahaan otoo hin jiraatiin dhiqadhaa jedhamutu isaan ajaa'ibe.

“Hanga ani yaadadhutti bishaan namni hundi dafee itti dhiqatu hin turre; Amma bishaan qabachuun akka qananiitti ilaalama. Akkas mitii?" jedhanii gaafatu.

Bishaan cobaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Bishaan magaalaa Finfinneen qabdu hangamiif tajaajilu danda'a?

Yeroo kanatti Finfinnee keessatti mandarrii hanqinni bishaanii hin ilaallanne hin jiru, qaamni hawaasa hanqinni bishaan hin yaaddissine hin jiru.

Hayyoonni haqinni bishaanii kun sadarkaa diinagdee irratti dhiibbaa geessisu gahuu mala jedhanii yaaddoo qaban kaasan jiru.

Hanqinni bishaanii kuni iveestimentii laamshessuu danda'a.

Invastaroonni biyya alaa hedduun pirojektii guddaa banuuf yeroo yaadan, biyya sana keessatti nagaan jiraachuu fi dhiisuu isaa gaafatu.

Yaaddoon isaanii itti aanu tajaajiloonni bu’uuraa kanneen akka interneetii, bishaanii fi ibsaa jiraachuu isaanii gaafatu.

Yeroo manneen waliin jireenyaa gurguran gaaffii ijoo ka'u keessaa tokko dhiyeessii bishaanii ti.

Manneen darbii gamoo jalqabaarra jiran bishaan sirnaan waan argataniif gatii fooyya'aa baaasu jedhama.

Beeksisni ijaarsa manneen jireenya "Bishaan ofumaaf qonnee isiniif dhiyeessina" jedhu bahuu eegaleera. Kun waa'ee egeree magaalattii waan hedduu nutti hima jedhu.

Dr. Xuruusawu, balaa bishaan namoota dhuunfaan akka tasaa qotamu namoonni baay’een akka hin hubanne kaasan.

Namoonni bishaan qotamee bahee qofa ilaalu jedhu.

Bishaan lafa jalaa walqunnama. Hangi baafamu yoo qindoomina hin qabaanne goguu jalqaba. Yeroo sana rakkoon nutti mul'ata jedhu.

Bishaan lafa jalaa gadi fageenya hin qabne namoonni dhuunfaa qotan dafee akka gogu kaasan.

''Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala'aa magaalaa Finfinnee bara faranjoota 2000tti boolla bishaanii gad- fagoon qote keessaa dhibbeentaan 80 goganiiru" jedhan.

''Amma fageenya meetira 500 lafti gadi qotamee bishaan argachuun rakkoo ta'eera. Kanaaf sababoonni saayinsaawaa bal'aan jiru,'' jedhu Dr.Xuruusaw.

Amma magaalaan Finfinnee bishaan dhiyaatuuf keessaa harka 65 lafa jalaa argatti.

Kan hafe immoo dirra lafaarra argatti. Dirri lafaa kun laga Daadhii fi Gafarsadha. Garuu bishaan isaaniirraa argamu xiqqaadha.

"Osoo kuusaan isaanii otoo guutellee jiraattoota magaalichaa ji'a lamaa ol obaasuu hin danda'an "jedhan.

Yaaddoo baroota dhufanii

Magaalaan Finfinnee oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) keessaa dhibbeentaa 29 ta'u qabdi. Kana jechuun hanqinni dhiyeessii bishaanii magaalattii kallattiin dinagdee magaalichaa huba.

Hanqinni bishaanii hospitaalota, indaastirii ijaarsaa namoota hedduu qacaruufi turizimii ni miidha.

Namoonni baay’een tajaajilaa kenamurratti hirkatanii jiraatu.Dameewwan hojii kun ammoo dhiyeessii bishaanii baay’ee barbaadu. Magaalaan Finfinnee saffisaan guddataa jirti.

Yeroon hanqinni bishaanii hojii ijaarsaa akka hanqina simintoo gufachiisu waan dhufu fakkaata. Gamoowwaan dhedheeroon dhiyeessii bishaanii gahaan malee ijaaramuu hin danda’u.

''Balaan kun kallattii hundarra jira; Nutti ifa ta'uu dhiisuu danda'a. Yeroo mudatu qofa hubanna,'' jedhu Dr. Xuruusaw.

Akka tilmaama isaatti haalli hamaan amma jiru yoo baay’ate waggoota muraasa dhufaniif ittifufa.

Guddina baay’ina ummataa saffisaan mul’achaa jiru yoo ilaalle, Finfinneen bishaan gahaa waggaa 10'f dhugamu hin qabdu. "Waggoota muraasa dhufan keessa yoo darbite na ajaa'iba," jedhu Dr. Xuruusaw.