Bishaan malee hagam turuu dandeenya?

Boombaa jalaabishaan qaruuraan wayita waraaban

Madda suuraa, Getty Images

Addunyaa keessatti bishaan jireenyaaf wantoota barbachisaan keessa isa ijoodha, garuu tasa bishaan argachuu yoo dhabne maal taana?

Biyyoota guddatan hedduu keessatti bishaan qulqulluu argachuuf salphaatti boombaa banuun ga’aadha. Namootni naannoo kana jiraatan yaaddoo malee yeroo ilkaan rigatan, dhaqna dhiqatan ykn mana fincaanii faayyadaman, bishaan hedduu dhangaalaasaa oolu.

Garuu addunyaa keessatti namootni biiliyoona 1.1 ta’an bishaan qulqulluu hin argatani, namootni biiliyona 2.7 ta’an ammoo yoo xiqqaate waggaatti ji’a tokkoof bishaan hin argachuun itti cima.

Wantoota lubbuun jiraachuuf nama barbaachisan keessa inni ijoo tokko bishaan yoo ta’uu, bishaan malee turuuf yoo dirqamne wantoonni hamaan hedduu ariitiin uumamu malu.

Umurii keenya irratti hundaa’uun qaamni namaa %60-70 bishaanidha. Qaamni keenya karaa, fincaani, dafqaa, bobba’aa fi hafuuraan bishaan of keesaa waan baasuuf, itti fuufiinsaa nyaachuu fi dhuguun bakka buusuu qabna. Yoo kana hin goonu ta’e qaamni gogiinsaan miidhama.

Sadarkaan gogiinsaa inni jalqabaa dheebuudha, kun ammoo kan jalqabu yeroo bishaan qaamaa %2 ba’udha. “Yeroo dheebottu, qaamniikee jiidhina qaamakee keessa jiru fayyadamuu eegala,” jedhu ogeessi fayyaa madaallii qaama keessa qoratu Dileep Loboo.

“Kaleen kee bishaan muraasaa afuuffeekeetti waan erguuf, fiincaan keenya gurraachaa’aa deema. Yeroo dafqitu ho’iinsi qaamaakee dabalaa deema. Dhiigikees furdachaa deema. Hamma Oksijiinii madaaluuf jechaa dhahichii laphee dabalaa deema.”

Daa'ima boombaa jaltti bishaan dhuguuf jiru

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Addunyaa gubbaa namootni biiliyoona 1.1 ta'an bishaan qulqulluu hin argatan

Dhiibbaa qamaarra ga’aa jiruurraa ka’uun sadarkaan itti gogiinsi uumamu adda adda ta’uu mala. Garuu bishaan malee ho’iinsa 50C keessatti, sochiin yoo jiirate, gogiinsi ariitiin hammachaa deemuu mala.

“Dhalli namaa ho’iinsa guddaa qabaatus, hoo’insi dhukkubsaachuurra hanga du’aatti nu saaxila,” jedha Loboon.

“Yeroo qorra cimaatti lakkoofsi namootni du’anii dabalus, yeroo ho’aa cimaatti garuu lakkoofsichi hedduu dabala.”

Bakka ho’aa keessatti yeroo ispoortii hojjanuitti, qaamni namaa sababa dafqaan saatii tokko keessatti gara bishaan liitiraa 1.5-3 dhabaa deema. Qilleensa naannichaa irratti hundaa’uun ml200-1,500 biraa yeruu hafuura baafannu ba’a.

Dhibbaa kun qaama namaarratti qabaachuu danda’u guddaadha. Gorgiinsi salphaanillee dadhabbii fiduun qaamni keenya seeran akka hin sochoofne godha.

Yeroo bishaan hedduu qaama keenya keessa ba’u, daafqaan teempireechara keenya madaaluu waan dadhaabnuuf, ho’iinsi cimaan rakkoo keessa nu galcha.

Yeroo qaamni keenya bishaan argatu caalaa dhabaa deemu dhiigni keenya kantaraa deema, kana jechuun ammoo qaamni keenya dhibbaa dhiigaa keenya ol qabuuf hojii cimaa hojjata jechuudha.

Yeroo bishaan qaama keenya %4 dhabnu, dhiibbaan dhiigaa keenya hir’isee of wallaaluu dandeenya.

Itti aanuun yoo bishaan qaama keenya %7 dhabnu qama keenya irra miidhaan ga’uu eegala.

“Of eeguuf qaamni keenya kutaa qaamaa kanneen akka kalee fi mar’ummaantti dhiigaa deemu hir’iisaa deema, kun ammoo miidhaa fida. Yoo kaleen dhiiga keenya hin calalu ta’e, kosiin seelii walitti qabamaa deema. Bishaan buccullee tokko dhabuun du’aa jirta jechuudha.”

Dheebuuf fiincaan dhuguu...

Yeroo dheebuu guddaan jiraatee bishaan dhabanitti namootni tokko tokko fincaan isaanii dhuguuf diqamu.

Nama ga’eessa fayyaa tokkoof fiincaan isaa %95 bishaan yoo ta’u kan hafe waan kosii ashaboo fi amoniyaa kaleen gatudha.

Nama googiinsa irra ga’eef garuu bishaan fincaan keessa jiru waan hir’atuf, fiincaan isaa yoo dhuge akka bishaan galaanaa dhuguudha.

“Yeroo gabaabaaf dheebuu ba’uuf fiincaan dhuguun rakkoo hin qabu, garuu qaamni gogiinsa keessaa ba’uuf bishaan fi ashaboo qabachuu barbaada,” jedha Loboon.

Bishaan ashaboo bayyee hin qabu ykn fincaan dhuguun yeroof gargaaru danda’a, garuu dhibbaa hamaa qaamaa irratti uumuu mala. Haala hamaarra yoo ga’e gaggabsoofi sammuu keessatti dhiigni akka dhangala’uu gochuu danda’a.

Yeroo gogiinsi ykn dheebuun hammaachaa deemu akkataa sammuun keenya hojjatu irratti dhibbaa ni uuma. Hammi dhiigaa sammuu keenyatti deemuufi hangi sammuu keenyaalle ni hir’isa.

Gogiinsi cimaan yoo nurra ga’ee kaleen keenya hojii dhaabuu danda’a, yoo bishaan argannellee bayyaannachuuf turban hedduu fudhata.

Dabalataan ammoo dheebuun cimaan hiddi dhiigaa keenya akka jaabatu gochuun rakkoo onnee (heart attack) fiduu danda’a.

Nannoo ho’iinsa guddaa qabu keessatti ammoo dhibbaan gogiinsi fidu ni hammaata.

lafa haalaan goge, gammoojjii

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa jijjiirama qilleensaa hanqinni bishaanii hammaachaa akka deemu raagama

“Qaamni keenya hor’iinsa isaa madaaluu waan dadhabuuf hiddii hedduun barbaada’ee, kutaan qaama akka sammuu, onnee fi sombi hojii isaa akka dhaabuu taasasa,” jetti ogeettiin fayyaa Naatalii Kooksan.

Kun ammoo gaggabsoo, koomaafi yeroo kutaaleen qaama keenya hojjachuu dhaaban du’a fida.

Dhallii namaa guyyaa meeqaaf bishaan malee turuu danda’a kan jedhu hanga ammaatti falmi kan kaasudha. Saayinstistoonni hedduu dhallii namaa bishaanii fi nyaata malee guyyaa muraasa turuu danda’a jedhu.

Bara 1944tti saayintoostonni lama qorannoof jecha nyaata gogaa qofa nyaachaa bishaan malee turani. Inni tokko guyyaa sadiif inni tokko ammoo guyyaa afuriif turani.

Guyyaa dhumaa qoranichaatti, lamaan isaanii waa liqiimsuu hin dadhabani, fuulli isaanis ‘dhiita’eefi daalachaa’oo’ ta’ee ture. Gaarummaan isaa haallii isaani utuu hin hammaatiin qorannoon kun addaan kutame. Dandeettiin bishaan malee yeroo dheeraaf turuus namaa namatti gargaridha. Kanafis ragaan jira, fakkeenyaaf, hamma bishaani namni sun guyyaa guyyaan dhugu irratti hundaa’uun qaamni nama Sanaa dheebuu dandamachuu danda’a.

Hanga ammaatti guyyaa dheeraan namni bishaan malee tureeru kan beekamu guyyaa 18 dha. Kunis bara 1979tti dargaggeessi ganna 18 lammii Oostiriyaa Anderiyaas Mihaveciz, mana hidhaa keessatti poolisootni isa irranfatani nyaata fi bishaan malee yeroo turedha. Kanaafis Anderiyaan galmee Guinness Book of World Records irratti galmeeffameera.

Addunyaa keessatti namootni biiliyoona afur ta’an waggaatti yoo xiqqaate ji’a tokkoof hanqinni bishaani guddaan irra ga’a.

Jijjiraamni qilleensa ammoo kuutalee addunyaa hedduu keessatti hamma bishaan qulqulluu argamuu hir’iisuu danda’a.

Akka tilmaama tokko tokkotti bara 2025tti lakkoofsa uummataa addunyaa keessa walakkaa ol hanqinni bishaani irra ga’uu mala.