Jiraattonni Walqixxee hanga qaamoleen nageenyaa ajjeechaa raawwatan gaafatamanitti manaa ba'uu didan

Madda suuraa, WOLKITE FM
Godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti wayita jiraattonni hiriira ba'uun rakkoon bishaanii magaalattii akka furamuuf gaafatan, qaamoleen nageenyaa dhukaasa banuun lubbuu namaa galaafatan seeraan hanga gaafatamanitti manaa ba'uu dhaabne jedhan jiraattonni BBCn dubbise.
Duulli manaa ba'uu diduu guyyoota muraasa dura kan eegalee fi yeroo ammaa magaalattii keessatti sochiin kamuu akka hin jirre jiraattonni dubbataniiru.
Magaalattii keessatti dhiheessiin bishaanii erga adda citee ji'oota lakkoofsiseera, kana mormuu fi gaaffii bishaanii dhiheessuuf torbee darbe jiraattonni jaarkaanii harkatti qabachuun adda babayiitti ba'an.
Kana booda qaamoleen nageenyaa mootummaa dhukaasa banuun yoo xiqqaate lubbuu namoota sadii galaafachuu fi namoota 30 caalan miidhuu jiraattonni fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsanii turan.
Baankiiwwan, geejjibni, iddoowwan gabaa fi waajjiraaleen mootummaa hunduu cufamuun magaalattiin ontee jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Miseensonni qaamolee nageenyaa dhukaasa banuun lubbuu namoota sadii galaafatan seeraan akka gaafataman fi uummata dheebotee gaaffii kaasaa jiruuf bishaan akka kennamu gaafachuun uummanni ofiisaatii waliigalee duula kana eegaluu jiraataan maqaansaanii akka eeramu hin feenu nutti himaniiru.
Jiraataan biraanis qaamni duula kana waraqaa raabsuun waame akka hin jirree fi uummatni gaaffii bishaanii gaafatee lubbuusaa dhabe aariidhaan tarkaanfii kana akka fudhate ibsan.
Kanneen ajjeefamanii fi miidhaan irra ga'een alatti hiriira kanarratti hedduun hidhamanii achi buuteensaanii kan dhabame jiraachuu kan himan jiraattonni kunneen, mootummaanis hanga yoonaa dhimma kanarratti homaa hin jenne jedhan.
Ega uummanni gaaffii bishaanii gaafachuu eegalee namoota adamsanii hidhuun magaalattii keessatti heddummaachuu fi hidhaan kunis namoota gaaffii naannoo ta'uu Godina Guraagee kaasan irratti kan xiyyeeffate ta'uu himan.
Yeroo ammaa magaalattii keessatti qaamoleen mootummaa manarra deemuun namoonni duula kana akka dhaabanii fi manaa akka gadi ba'an humnaan dirqamsiisaa jiraachuu himu jiraattonni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, duulli diddaa manaa ba'uu magaalaa Walqixxeetti eegalame gara kutaalee ollaatti babal'ataa jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Anga'oonni mootummaa kan magaalattiis ta'e kan godinaa hanga yoonaa gaaffii bishaanii uummata manatti ittise kanaaf deebii kennan homaa hin qaban.
Ajeechaa namoota hiriira ba'uun gaaffii bishaanii gaafatan irratti raawwate balaaleffachuun Paartiin Innaat jedhamu ibsa baaseera.
''Humni nageenyaa naannochaa namoota bishaan dheebotanii gaafachuuf ba'an irratti haala suukanneessaa ta'een dhukaasuun ajjeeseera, madeesseera. Aara nama imimmaanessu dhukaasuun namoota hedduu darareera,'' jedha ibsi kun.
Kanaan duras gaaffii naannoo ta'uu ilaalchisee namoota magaalattii keessatti akkasumas sadarkaa godinaatti gaaffii gaafatan irratti hidhaa fi dararaan raawwachuu kan yaadachiise ibsi kun, taateen dhiheenya mudate kunis sanumaan walfakkaata jedheera.
Mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa maluuf kennuun, nageenya hawaasaa goolamee fi sochii gufate hunda bakka duraan turetti akka deebisu gaafateera paartiin kun.












