Jeneraallishee Israa'eliin kan ajjeefame Iraan haaloo ni baatii?

Pirezedantiin Iraan Ibraahim Rehisii (karaa mirgaa) walgahii kaabineerratti ''haleellaa tibbanaaf deebii otoo kenniin bira hin darbinu'' jedhan

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantiin Iraan Ibraahim Rehisii (karaa mirgaa) walgahii kaabineerratti ''haleellaa tibbanaaf deebii otoo kenniin bira hin darbinu'' jedhan

Gaggeessaan humna waraanaa Iraan beekaman ajjeefamuu hordofee mootummaan biyyattii haaloon baha jedhee dhaadachaa jira.

Haleellaa kanaaf Iraan Israa’el himatte.

Deebii Iraan haleellaa Israa'el kanaaf kennuu maltu BBC’n ogeeyyii dhimma naannichaa beekan gaafateera.

Haleellaa Wixata darbe Qontsilaa Iraan magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqootti argamurratti raawwatame kanaaf‘‘ deebii cimaa‘‘ akka kennitu Iraaan beeksifteetti.

Haleellaa sanaan miseensota Eegdota Warraaqsaa Iraan torba dabalatee waliigalattii namoonni 13 kan ajjeefaman yoo ta’u, lammileen Sooriyaa jahaa warreen ajjeeffaman keessatti akka argaman Damaasqootti Ambaasaddarri Iraan himaniiru.

Namoota ajjeeffaman keessa tokko Birgader Jeneraal Mohaammad Rezaa Zahedii kan argamu yoo ta’u, gartuu eegdota warraaqsaa Iraan keessatti‘‘Quds force‘‘ jedhamu keessatti gaggeessaa beekamudha.

Israa’el waa’ee haleellaa kanaarratti yaada hin kennine, garuu Sooriyaan haleellichaaf Israa’el balaaleffatte.

Mana barnootaa dinagdee Landanitti Pirofesara hariiroo idil-addunyaa kan ta’an Fawaaz Gerges akkas jedhan;‘‘Haleellaan kun biyya Iraan qofarratti kan qiyyaafate qofaa miti, hoggansa eegdota warrraaqsa Iraan olaanorratti kan xiyyeeffate.

Gareen kanatu meeshaalee waraanaa fi teekinolojii hidhattoota Hezbollaaa Libanoon fi Sooriyaaf daddabarsuu qindeessa‘‘ jedhe.

Haleellaan kana hordofuun qondaaloonni olaanoo Iraan dheekkamuun yaada kennan turaniiru, Israa’el haaloo bahuufillee doorsisan.

Gaggeessaa olaanaan Iraan Alii Hamenii‘‘Yakka kana raawwachuutti akka gaabban fi tarkaanfi walfakkaatu deebi’anii akka hin fudhanne taasifna,‘‘ jedhan.

Pirezedantiin Iraan Ibraahim Rehisii haleellaa sanaan‘‘ Gara-jabumaan kan gutame, hamaa fi suukanneessadha, haleellaa kanaaf otoo deebii hin kenniin hin hafnu‘‘ jechuun gitasaanii Pirezedantii Sooriyaa waliin bilbilaan dubbatan.

Haleellaan xiyyaaraa qonsilaa Imbaasii Iraan Damaasqoo cinaatti argamu barbadeesse

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan xiyyaaraa qonsilaa Imbaasii Iraan Damaasqoo cinaatti argamu barbadeesse

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Hosinii Amiir Abdollahiyaan haleellichi waliigaltee fi dambiiwwan sadarkaa idil-addunyaa hunda kan cabse jedhan.

Hosinii Amiir haleellicha Israa’el raawwachuun kallattiin kan himatan yoo ta’u, marsariitii Ministeera Dhimma Alaarratti‘‘ Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanahuun guutummaatti qalbii dhabaniiru,‘‘ jedhan.

Yaadonni kunneen Israa’el fi gartuuwwaan Iraanin deeggaraman gidduutti lola hammeessuu mala jedhamee sodaatama.

Ogeeyyiin akka jedhanitti garuu Iraan haaloo bahiinsaaf filannoon fudhachuu dandeessu muraasa fi hammi isaas kan murtaa'e jedhu.

‘‘Iraan waraana guddaa Israa’el waliin banuu hin dandeessu, kunis dandeettii waraanaa, dhimma siyaas- dinagdeerraa kan ka’e‘‘ jedha xiinxalaan dhimma Baha giddugaleessaa Alii Sadrzadee.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu dhimma biyya keessatiif itti gargaaramuu fi gartuuwwan michuu Iraan naannichaa qabdu gidduutti kabajaa qabdu eegsifachuuf deebii kennuu qabdi,‘‘ jedha.

Fawaaz Gergis, Israa’el kallattiin haaloo hin baatu jedhee amana.

‘‘Israa’el Iraan kaleessaa irra aantee qaanessitullee, Iraan kallattiin haaloo hin baatu‘‘ jedha.

Gergis boombii niwukilaaraa tolfachuu waan barbaadduuf‘‘tarsimoof jecha kan obsite fakkaata jedha.

‘‘ Iraan humna kuufataa jirti, gabbisa yuuraniyeemii ittifufteetti. Iraan misaayila bilaastikaa 50 gara Israa’elitti dhukaaste Israa'elota 100 ajjeesuurra tarsiimoo haleellaa Israa’el fi Ameerikaa ofirraa qolachuu cimsuurratti xiyyeeffatte‘‘ jedha.

Waraana Gaazaa hordofee hidhattoonni Sooriyaa, Iraaq, Libaanoon fi Yaman Iraaniin deeggaraman misaayila fi dirooniin haleellaa Israa'elirratti raawwachaa turan.

Hidhattoonni kun Israa’el waliin waraana guddaatti akka hin ceeneef tarkaanfii fudhatan daangeessaa turan.

Xiinxalaan dhimma Bahagiddugaleessaa Alii Sadrzadee ‘‘ Gartuuwwan Iraaniin deeggaraman ergama dippiloomaasii Israa’el haleeluuf yaaduun waanta hamaadha,‘‘ jedha.

Garuu haleellaa hidhattoonni Huutii dooniwwan Galaana Diimaa fi Aden qaxxaamuraniirratti raawwatan akka itti fufu raagee ture. Keessattuu dooniwwan Ameerikaa fi Israa’el wajjiin hidhata qaban haleeluun akka ittifufu.

Gareen Hezbollaan garee loltoota kuma kudhanitti lakkaa'aman qabudha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Hezbollaan garee loltoota kuma kudhanitti lakkaa'aman qabudha.

Gartuun Hezbollaa haleellaa Damaasqoof haaloo bahaa?

Hezbollaan garee hidhattoota meeshaalee waraanaa sirriitti hidhataniidha.

Gareen hidhattoota kun loltoota 20,000 hang 50,000 kan qabu yoo ta’u, baay’een isaanii sirriitti leenji’aniiru, lola dirree waraana Sooriyaarratti waan hirmaataniif cimaniu.

Garichi rookkeettiwwan 130,000 fi misaayiloota hidhachuu giddugaleessi qorannoo (Center for Strategic and International Studies think-tank) ibseera.

Ogeeyyiin BBC’n dubbise Hezbollaan waraana guddaaa Israa’el irratti bana jedhanii hin amanan.

‘‘Hezbollaan kiyyoo Israa’el jalatti kufuu hin barbaadu, sababni isaa Beenjamiin Netanahuu fi kaabineen waraana isaanii waraanicha babal’isuu barbaadu.

Egereen siyaasaa Netanaahuu waraanni Gaazaa ittufufuu fi muddama Hezboollaa fi Iraan wajjin hammaaturratti hundaa’a,‘‘ jedha Fawaaz Gerges.

Alii Sadrzadee akka jedhutti ammoo Iraan deebii Israa’el wajjiin waraan guddaatti hin ceesifne kenniti jedhee amana.

‘Iraan haleellaaa akka yeroo Jeneraal Qaasim Solimaanii ajjeefame booda kennite raawwachuun beekamti,‘‘ jedha Alii Sadrzadee haleellaa misaayilaa Iraan buufata xiyyaaraa Al-Asaadirratti bara 2020 raawwatte akka fakkenyaatti eeruun.

Iraan buufata xiyyaarichaa kan haleelte haleellaa diroonii Ameerikaan Baagidaaditti bara 2020 raawwatteen gaggeessaa waraana biyyattii Qaasim Solimaanii ajeeste haaloo bahuuf ture.

Iraan haaloo bahiinsa guddaa akka raattuu akeekkkachistullee loltoota Ameerikaa buufaticha keessa maadheffatan keessaa namni ajjeefame hin turre.