Iraan Israa’eliin waraana dhaabi ykn naannichi ‘to’annoon ala ta'a’ jette

Hooseen Amiir- Abdollaahiin

Madda suuraa, EPA

Minstirri Dhimma Alaa Iraan Hooseen Amiir- Abdollaahiin, Israa’eliin yoo haleellaa Gaazaa irratti raawwattu dhaabuu baatte Jidduugalli Bahaa to’annoon ala ba'u danda’a jechuun akeekkachiisan.

Akkasumas Ameerikaan Israa’eliif deeggarsa waraanaa waan gootuuf ‘‘balaaleeffamu qabdi’’ jedhan.

Sa’aatii tokkoon booda ammo, Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahuun ummanni isaa jireenyaaf qabsootti jira jechuun loltoota akeekkachiisuun, waraanni Hamaas irratti gaggeffamu ‘‘loluu ykn du’uudha’’ jedhan.

Iraan Hamaas kan torban lama dura Israa’el irratti haleellaa banuun namoota 1,400 ajjeesseefi Heezbollaah Leebaanoon keessatti argamu deeggarti.

Akka ministeera fayyaa Hamaasitti, torban lamaan darban keessatti Filisxeemoonni 4,600 ol ajjeeffamaniiru. Israa’el guyyaa Sambataa haleellaa qilleensaa raawwattu cimsuu beeksifte.

‘‘Ameerikaa fi ergamtuun Israa’el yakka namoomaafi yakka duguuggaa sanyii Gaazaa irratti raawwatan atatamaan yoo dhaaban malee yeroo kamittuu wanti kamuu ni danda’ama. Kanaanis naannichi to’annoon ala ta’u akka danda’un akeekkachiisa’’ jedhan Obbo Amiir Abdollaahiin wayita Tehraanitti gaazexessitootatti dubbatan.

Bu’aan isaas naannichaafi warra waraanichaaf falman irratti ‘‘cimaa, hadhaawaa fi kan balaa hedduu hordofsiisu ta’u danda’a,’’ jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa kuni itti dabaluun, waraanni Ameerikaa lola amma gaazaa keessatti gaggeeffamuuf deeggarsa gochuunsaa ifa yoo ta’u, ‘‘Israa’el bakka Ameerikaa bu’uun lola ergamtummaa lolaa jirti,’’ jedhan.

Qondaaloonni olaanoon Ameerikaa gamasaanitiin waraanni kun babal’achu akka malu akeekkachiisan.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyiid Astiin lammiilee ykn loltoota Ameerikaa ‘‘irratti haleellaa olaanaan cimuu danda’a’’ jechuun akeekkachiisan.

‘‘Gareen ykn biyyi kamuu walitti bu’iinsa kana bal’isuufi haala gaddisiisaa kanatti fayyadamuun kan barbaadan yoo ta’e…gorsi keenya, hin raawwatiinaa kan jedhuudha’’ jedhan turtii Sagantaa ABC waliin taasisaniin.

Akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ergamtoota Iraan kann akka Heeziboollaah ykn Hamaas carraan ‘‘muddamni babalachuu’’ kaasuun, Ameerikaanis ‘‘lammiilee Israa’eliifi Ameerikaa’’ ittisuu mirkanneessuuf tarkaanfii barbaachisu hundaa fudhataa jirti,’’ jedhan.

Kaampiiwwan Iraaqi hedduun waraanni gamtaa Ameerikaan dursitu itti fayyadamu guyyoota dhihoon asitti qiyyeeffannaa Iroonootaafi rookkeettiiwwan nama malee ta’aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees Neetaanyaahuun Dilbata kaleessaa loltoota Israa’el Kaaba biyyattii dhiheenya daangaa Leebaanoon, erga waraanni eegalee kaasee Hezibollaa waliin walitti dhikaasaa turaniitti argamun daawwatan.

‘‘Lubbuu keenyaaf lolaa jirra. Mana keenyaaf lolaa jirra, kun harbeessuu miti, kun lola. Inni loluu ykn du’uudha- isaanis akka nuti duunu barbaadu,’’ jedhe.

Heeziboolaadhaan amm0o waraanatti hin seeniin jechuun akeekkachiiseera.

‘‘Heeziboolaan jireenya saaniitti dogongora guddaa raawwatu. Nutis humna hin yaadamneen isaan rukkunna. Kana jechuunis isaaniifi biyya Leebanosiif badii ta’a,’’ jedhan.

Heeziboolaan gamasaatiin, ‘‘Israa’eliin waraanuudhaaf gutummaa guutuutti qophaa’era’’ jechuun beeksiise. Wal jijjirraa dhokaasaa Israa’eliif Hamaas jirruutti taasifametti Kibba Liibaanan keessaatti namoonni 27 ajjeeffamuun gabaafameera.

Gama israa’eliin ammo yoo xinnaate loltoonni shaniifi namni nagaa tokko ajjeeffamuun gabaasni waraana israa’el mul’iseera.

Israa’eel hawaasni kaabaa hedduun akka gadhiisanii bahaniif ajaja kennite turte ammas Dilabata ammo dabalataa 14’tti himte.

Akkasumas biyya ollaa Sooriyaa, bakka Iraan eddoo waraanaa qabduutti, misaa’eloonni Israa’el buufataalee xiyyaara idil-addunyaa Damaasqoo fi Aleeppootti Dilbata ganama yoo xinnaate hojjattoota lama ajjeessuu miidiyaan mootummaa Sooriyaa gabaase.

Buufataalee xiyyaaraa lamaan kunneenis miidhaa bakka xiyyaarrii irra balalii’urra qaqabeen hojiin ala ta’aniiru.