Haleellaa Iraan Israa’el irratti raawwatteen enyutu buufate, enyutuu kasaare?

Alaabaa Iraaniifi Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

"Iraan waan buufatte fakkaata, garuu lamaanuu kan buufatanis, kan dhabanis ni jira." Kun yaada haleellaa Iraan kallattiidhaan Israa’el irratti raawwattee irratti xinxaltoonni kennaniidha.

Akka Humni Waraana Israa’el jedhetti, Tehraan Sambata halkan misaa’elootaafi dirooniiwwan 300 ol Israa’el irratti dhukaafte.

Iraan haleellaa Israa’el qontsilaashee kan magaala guddoo Sooriyaa Damaasqootti argamurratti raawwatteef haaloo akka baatu dhaadataa ture.

Haleellaa Damaasqootiinis miseensoonni Egdoota Waraaqsaa Iraan torbaafi lammiileen Sooriyaa jaha du'aniiru.

Haleellaa sanaafi Israa’el itti gaafatamummaa fudhachuu baattulleen baayyeen harkishee duuba jiraachuu amanu.

Miisaa'el Israa'eliitti dhukaafame

Madda suuraa, Getty Images

Bu’aa fi kisaaraa

Iraan haleellaan Israa’el irratti raawwatte kan milkaa’edha jechuun labsitee jirti. Daarektarri Wiirtuu Qorannoo Arab-Iraan Landan bu’urreeffatee, Alii Nuurii Zaadeeh garuu haleellichaan Iraan qabxii homaatu hin lakkoofsiisne. Siriiyyuu faallaa kanaatiin waan galma gahuu dadhabdee dadhabbummaa mootummaa Iraan saaxileera jedhu.

Yaada kana garuu namonni Iraaniitti argaman tokko tokko akka itti qoosaniiru.

Zaadeh Iraan osoo haleellaa ‘‘waraana qor-qalbii’’ jedhee waamuun, cimsite itti fuftee bu’aa kana caalu argachu dandeessi turte jedhee amana.

Haleellaa qonstilaa Iraan Damaasqootiin booda

Madda suuraa, Getty Images

Yunivarsitii Teel Aviiviitti Qorataa Qorannoo Baha Jidduugala Wiirtuu Mooshee Daayaan kan ta’an Dr Eriik Runditisikiin gamasaanitiin, Israa’e labsii akeekkachiisa cimaa dabarsuusheetiin injifatamtee jirti jedhu.

Kunis Israa’eloota biratti dhiphina akka uumuu fi kaanis haleellaa wal fakkaatu akka hin raawwanneef sodaataniiru jedha.

Zaadeh garuu Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuun amma caalaa cimaa akka ta’an itti dhagahama jedhan. Sambataan dura qeeqa heddu kan keessumeessan MM Netaanyaahuun, haleellichi Ameerikaafi biyyoota lixaa waliin walitti dhufeenya cimaa akka ummatuuf gargaareera.

Qorataan lammii Israa’el ammoo haleellichaan bu’aan Israa’el argatte tokko tokko jiraatan illeen, gama biraatii garuu injifatameetti jedhu.

Israa’el Baha Jidduugalaa keessatti humna jiru hubachuu dhabuunshee fi Iraan karaa daangaatiin haleellaa akka hin raawwannee ittisuu dadhabuun agarsiisa jedhanii amanu.

Gara bobaa biyyoota biraatti deebii'u

Madda suuraa, Getty Images

Gara ‘‘bobaa’’ biyyoota biraatti deebii’uu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorataan lammii Israa’el Eriik Runditiskiin, haleellaan Iraan Israa’eliif bu’aa akka qabaatu amana. Israa’el baatiiwwaniin booda yeroo jalqabaatiif deeggarsa warra lixaa argataa waan jirtuuf gama siyaasaatiin jijjiirama fiduu danda’a ta’a jedha.

Muddamichis Israa’eel gara ‘‘bobaa’’ biyyoota kanaa, keessattuu gara Ameerikaatti akka deebiituuf gochuu danda’a ta’a jedha.

Gara biraatiin ammoo qorataan lammii Iraan Alii Nurii Zaadeh ammo Iraan keessaaf alaanis siyaasaan injifatamtee jirti jedhee amana.

Iraan deeggarsa biyyoota ollaa dhabdee jirti. Biyya kamiittuu deeggarsa bifa kamiituu akka hin qabnees dubbateera. Iraan Ameerikaa waliin gara waraana kallattiitti harkifamuuf qaamoolee tokko tokkoon yaaliin jiraachuu eereera.

Qorattoonni lamaanuu biiyyoota lamaan keessa dhiibbaan jiraachu ni amanu.

Israa’el keessa haala waraanaan wal qabateefi dhimmoota siyaasaa keessootiin, dheekkamsii cimaa dhufuu kaasa Raandiiskiin.

Dursaan amantaa Iraan Alii Kaameeniih daandiiwwan irratti qofaa osoo hin taane namoota beekamoo bulchiinsicha keessa jiran irraas dhiibbaa olaanaan irra gahaa jiraachu Zaadeh ni amana.

‘‘Erga ajajoonni birgeedii Al-qudsi torba Israa’eliin ajjeeffamanii booda, Egdoota Warraaqsaa fi humnoota hidhattoota Iraaniin tarkaanfiin haaloo akka fudhataniif dhiibbaatu jira.’’

Dhukaasa Iraan

Madda suuraa, Amir Cohen / Reuters

‘‘Ergaa ibiddaan dabarfame’’

Janaraalli Libaanoos soorama bahan Hiishaam Jaabar, ‘‘wanti dinqisiisaan haleellichaa, dinqiisiisaa ta’uu dhabusaati’’ jechuun BBC News Arabic’tti himan.

Sababiin isaa ammo ‘‘waraanni holoolaa’’ torban lama dabarse haleellaa qilleensaa hodrofsiisuu fi Israa’el ammoo ‘‘rakkoo keessa ta’usheeti’’ jedhan.

Kunis tajaajilliwwan hedduun akka adda citan taasisuu isaa fi sababii lammiilee Israa’el hedduun mana saanii gadhiisanii bahaniif dhiibaa xiinsammuu fi qabeenyaa qaqabsiiseera jedhu.

Jaabar duula Iraaniin, kan bulchiinsa Israa’el haleelluudhaaf dandeettii agarsiisuu fi qophaa’insa raayyaa Ittisa Israa’e sakkatta’uuf ‘‘ergaa ibiddaan dabarfameedha’’ jedhan.

‘‘Haleellichi adeemsa Iraan baroota dhihoo kan ‘‘tarsiimoo imaammata obsaa’’ jechuun moggaasame hurdofuun, dhimmoota siyaasaa badan tokko tokkorratti kabajashee akka argattu dandeessiseera jedhee amana. Gama waraanaafi tarsimootiiniis faayidaaa qabeessa jedha.

Iraan sirna Ittisa qilleensa Israa’en burjaajeessuudhaaf dirooniiwwan baayyee fayyadamushe ekspartiin waraanaa Libaanos ni amanu.

Sirni ittisaa Ayiiran Doom Israa’el qofaasaa misaa’eloota hunda fashaleessuu dadhabunsaa fi humnoota UK fi Ameerikaa Baha Jidduugalaa keessa qubataniitti fayyadamuuf dirqamuu kaaseera.

Iraanoota dheekkaman

Madda suuraa, ABEDIN TAHERKENAREH / EPA

‘‘Israa’el yoo deebii waraanaa kennuu filatte, misaa’elota isheetiin daangaa Iraan qaqabu dandeessulleen, deebii Iraan hordofu malu sodaachuudhaan cimsistee hin haleeltu’’ jedhee amana Jaabar.

‘‘Xiyyaaroonni Israa’el Iraan haleellu ni danda’u. Kana milkeessu garuu biyyoota Arabaa irraan balali’u qabu. Kana ammoo Iraan akeekkachiiftee jirti. Filmaanni Israa’el gara biraa ammoo, buufataalee waraanaa Ameerikaa naannichaatti argaman irraa ka’udhaan haleellaa raawwachuu yoo ta’u, Waashinigton garuu kana kan hayyamtu hin fakkaatu’’ jedhan.

Mana Barnootaa Ikoonomiksii Landaniitti Pirofessari Quunnamtii Idil-addunyaa, Faawaaz Geergas gamasaanitiin, Iraaniin wal bira yoo qabamee ilaalamu haleellaa kanaan Israa’el bu’aa caalaa argattee jirti jedhu.

Iraan guyyaa dhukaasa Israa'el irratti raawwatteetti

Madda suuraa, Getty Images

Adeemsa geeddaruun ofitti amanamummaa cimfachuu

Haleellaan Iraan Israa’el irraan miidhaa ykn badii guddaa hin qaqqabsiifne. Biyyoonni lixaatiis Israa’el deeggaraa jiraachuu ibsan. Biyyoonni lixaa Israa’eliif meeshaa waraanaa, deeggarsa tikaafi maallaqaa akka taasisaniif Ameerikaan gorsaa jirti.

Kanaafis Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa’eliif deggarsa walitti qabuudhaaf biyyoota garee G7 yaa’ii hatattamaa waamuun mariyataniiru.

Biyyoonni lixaa Israa’el badii cimaa Gaazaa keessatti raawwattee hordoofuun qeeqa cimaa irratti dubbataa turuunsaanii hordofe, Neetaaniyaahuun biyyoota lixaa keessattuu pirezidanti Joo Baayidan waliin walitti dhifeenya qaban gara turetti deebii’unsaa akka isa fayyadu ibsan.

'Israa'eliif kisaaraa tarsiimooti'

Geergees kisaaraa Israa’elis ilaaleera. Saaxilamummaa biyyattii kaasuudhaan kun kisaaraa tarsimoowaadha jechuun cimsee kaasa.

Iraan gamasheetiin, Israa’el waliin kallattiidhaan wal waraanuudhaaf fedhii qabdu ummateesheef, deeggartootaafi diinootasheetti agarsiisuun gara siyaasaatiin buufattee jirti jedhan.

Ameerikaa, Biritaaniyaa, Faransaayii fi Yoordaanos misaa’eloota Iraan hedduu fashaleessuu saanii kaasuudhaan Israa’el deeggarsa michootashee warra lixaatiin alatti qofaashee of ittisuuf akka hin dandeenye Tehiraan mirkanneeffattee jirti jedhu Geergas.

Israa’el yeroo darban keessa haleellaan irra deddebiin Iraan irratti raawwataa turteen kaayyoonshee mummeen Tehiraan dadhabduu ta’usheefi walitti bu’insa akka sodaattu agarsiisudha. Haleellaan ammaa kun garuu ilaalcha sana jijjireera jedhan.

‘‘Naannichi amma of eeggannoorratti argama’’ kan jedhan Geergas, biyyoonni lamaanu kana akka hindhaabne dhaadataa jiru.

Naannicha gama damee siyaasaa, waraanaa fi diinagdeetiin kan qarqararratti argamudha jechuun akeekkachiisan.