Haleellaan Iraan attamiin turtii aangoo Netaaniyaahuu dheerressa?

MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahu

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun dhiibbaa cimaa jala kan turan guyyoota dheeraan dura hin turre.

Erga hojjattoonni deeggarsaa World Central Kitchen torba waraana israa'eliin Gaazaatti Ebla 1, 2024 ajjeeffamanii booda, pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan miichuusaanii waliin waan obsa fixatan fakkaatanii ture.

Guyyaadhuma sanatti ture Israa'el gamoo dippilomaasii Iraan kan Damaasqoo keessaa haleeluudhaan janaraala olaanaa fi qondaaltota biraa jaha ajjeefte. Kanaanis seera addunyaa imbaasiiwwan irratti haleellaa raawwachuu dhorku cabsite.

Israa'el haala nama hin amansiisneen, Iraan eegumsa sana kan dhabdee waan gamoo qonstilaa gara buufata waraanaatti geeddarteef jetti. Iraanis haaloo akka baatu dhaadatte, garuu ammoo isaan dura haleellaawwan ajajoota olaanoorratti raawwatame gochaan alas muddama maddisiiseera.

Iraaniin alattis, haleellaan Damaasqootti raawwatames, ajjeechaa hojjattoota dhaabbata tola ooltummaa US, World Central Kitchen jedhamuutiin haguugame.

Waayit Haawusis ibsa aarii baase. Innis ''aariifi qalbiin cabee'' ture. Inni taatee mataasaa danda'e hin turre. Israa'el hojjattoota gargaarsaa ykn namoota nagaa Filisxeem tiksuuf haala gahaan hojjataa hin turre.

Baayidan bilbila aariin Ministira Mummeetiif taasisaniinis, waliigaltee cimaa taasisuuf gaafatan. Gaazaan deeggarsa namoomaan guutamu qabdi. Israa'el Kaabaa Gaazaatti daa'imman beelaan du'aa jiran irraa fageenya sa'aatii tokkoo gadiirratti kan argamu daandii konkoltaan alatti, ulaawwan daangaa akkasumas buufanni fe'umsa mi'aa Ashoodooditti argamu saaqamu qabaatu.

Minisitirri Mummee Neetaahiyaahuun haallli akka jiijiramu waadaa seenan. Akkas haa jedhamu malee Israa'el bakkaa hin sochoone.

Gaazaa diigamaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gubaa Waayit Hawuusitiin alattis, Aab Neetaaniyaahuun paarlaamaa Israa'el keessatti gamtichi aangoorra akka turuuf kanneen taasisan warra harbeessitoota finxaaleeyyii irraas dhiibbaan irra ture.

Isaanis Gaazaa gargaarsaan guutuu kan morman qofaa hin turre. Waraanichi Ayihudoota Israa'el Gaazaa keessa qubachiisuuf carraa gatiidhaan hin tilmaamamne akka kenneef amanu.

Bara 2005 qubattoonni Ayihud Israa'eliin buqqaafamuun akka diigamu kan taasifame haaluma qaama waliigaltee daangicha keessaa bahuutiin ture.

Dhuma torban darbeetti, Ameerikaan dhiibbaa cimsite turte. Guyyaa Kamisaa, Saamaantaa paawoor, qondaalli namoomaa olaanoon Ameerikaa, beelli kutaalee Gaazaa miidhuu eegalunsaa baayyee ''amanamaadha'' jedhanii ture.

Dhugaadhaa jaalleewwan Israa'eliifi ta'e diinoota isheetiif marfamnii Gaazaa baatiiwwan jahan darbanii rakkoo nyaata atattamaa addunyaa isa olaanaa umeera. Ameerikaan meeshaalee waraanaa Israa'eliif dhiyeessitu irratti haaldureewwan ni keessi yaadni jedhus yaaddoo gara biraa ture.

Sambata ganama, osoo Iraan haleellaa hin raawwatiin sa'aatiiwwan dura, Niiw Yoork Taayimis keessattuu Kongrasii Ameerikaa keessatti dimokiraatoota beekamoo biratti dheekkamsi olaanaa dhagahuu gabaase. Dhiyeessiin meeshaa waraanaa Israa'eliif taasifamu akka dhaabbatuuf waamicha taasisan.

Mata duree, deeggarsi waraanaa Israa'el haal-duree malee ta'u hin danda'u jedhuun, boordiin gaazeexichaa, walitti dhufeenya cimaa Neetaaniyaahuu fi qabsaa'oonni cimoon mootummaan isaa keessaa Ameerikaa waliin qabu cabsuudhaan komate. Amanummaan Ameerikaan Israa'eliif qabduu fi mirgi ishee of ittisuuf qabdu jechuunis, Baayidan ''Netaaniyahuun akka kaardii lamaan taphachuu itti fufaniif hayyamuuf jechuu miti'' jedhe.

Achinis haleellaan Iraan yeroo jalqabaatiif Israa'el irratti raawwattees Ministira Muummichaaf carraa gara biraa kenneef.

Haala walta'ins waraanaa ajaa'ibsiisaa ta'en, Ameerikaa fi biyyoonni lixaa michuu kaan gargaaruudhaan Israa'el dirooniiwwaniifi misaa'eloota 300 ol Iraaniin itti dhukaafame fashaleessuun danda'ame.

Waraana Israa'el Gaazaatti gaggeessitu Mootii Jordaan Abdullaah alatti dursaan Arabaa qeeqa cimaa kan dhiyeesse hin jiru. Haata'u malee, humni qilleensaa Jordaanis misaa'eloota duula gara Israa'elitti dhukaafaman kufiisuutti makamee ture.

Waamicha deeggarsa waraanaa Israa'el irratti haal-dureewwan akka kaa'amaniif taasifamaa turan, amma tokkummaa dinqiisiisaadhaan bakka bu'an.

MM Neetaaniyaahuun carraa siyaasaa haaraatu umameef. Gaazaanis yoo xinnaate guyyoota lama ykn sadiif oduun ala taatee jirti.

Garuu ammoo dhiibbaan MM irra ture ni jijjirame malee guutummaan hin hafne, tarkaanfiin Israa'el ittaanu tarii dachaa taasisuu danda'a.

Pirezidanti Baayidan ittaanee maal ta'u akka qabaaturratti waan yaadu ifa taasiseera. Israa'eel taatee kanaan injifannoo labsuu qabaatti, ''injifannoo fudhaadhuutii'' deebiiftee hin rukutiin. Irra deebiinis, deeggarsi Ameerikaan Israa'eliif taasiftu kan ''jijjiramneedha'' jechuun labsan.

Kunis imaammata walfakkataa inni erga haleellaa Onkololeessa 7 Hamaas raawwateetii qabuun wal sima. Pirezidantichiifi bulchiinis isaa Gaazaa irratti meeshaalee badii qaqqabsiisaniifi du'aaf saaxilan Israa'eliif dhiyeessaniifilleen, waraanaa Baha Jiduugalaatti argamu bal'aa fi hunda hammataa dhaabsiisuuf cimanii hojjataniiru.

Baatii Onkololeessaa irraa kaasees Israa'el meeshaalee waraanaa fi deeggarsawwan dippilomaasii fudhachuun garuu, waamicha aarii Joo Baayidan akka seerri waraanaa kabajamuu fi namoonni nagaa ittifamaniif irra deeddebiin taasisan gurra hin kenniineef.

Israa'el michoonni ishee erga wal ta'insa waraanaa kanaan dura argame hin beekne Iraan irratti taasisanii booda, irra deebiin gorsa Baayidan qofa fudhachuu diduu osoo hin taane, miiruma walfakakatuun biyyoota biraa Sambata halkan ishee gargaaranis fudhachu hin barbaane.

Akkuma Joo Baayidan, Ministirri Mummee Biriteen Rishii Sunaak fi Kan Faransaayi Pirezidanti Amaanu'el Maakroon xiyyaarota waraanaa bobbaasuun, lamaanu Iraan balaaleeffachuu fi lamaanu Israa'el akka haaloo hin baane gaafatan.

Koree waraanaa mariirratti

Madda suuraa, Israel government handout

Israa'el keessa ilaalchiifi amantaa baroota dheeraatu jira. Isa keessaa tokkoo amantaa jiraachuun Israa'el kan mirkannaa'u haleellaa raawwatamuuf deebii humnaan ol ta'e kennuudhaan jechuu cimsanii amanuudha.

Inni biraa ammoo, ilaalcha Beenjaamiin Netaanihaayuun qabuudha. Innis kana barootaaf aangoorra turuudha. Kunis Iraan diina cimtuu Israa'el kan bulchiinsa Jewuush barbadeessuuf hojjatuudha jedhuudha. Israa'eloonni hedduunis ilaalcha kan ni qooddatu.

Amma, diinummaa baroota dheeraa erga bara 1979tti Warraaqsi Islaamaa aangoo qabatee kaasee, Iraan yeroo jalqabaatiif kallattiidhaan Israa'el irratti dhukaafte. Waraanni dhoksaas harka jalaan ta'aa ture amma ifa bahe.

Israa'eli gaaffii yoo deebiiftee haaloo bahuu baattee kan jedhuu miti, yoomiifi attamiin kan jedhu malee jitti. Kaabineen waraanaa osoo waraana cimaa hin kakaasiin attamiin akka tarkaanfii fudhatamu irratti mari'ataa turan.

Dhumarratti, naannawee garuu haleellaan kamiyyuu Iraan waraanaa hunda hammataa akka hin barbaadne tirgaa kan taphatu ta'ulleen, haala ta'u qabaatuun deebiin ni kennama. Sunis tilmaama balaafamaadha. Qaamooleen lamaanu dursanii yaada waliisaanii haala hin taaneen hubataniiru.

Ammas irra deebiin Beenjaamiin Neetaaniyaahu fi mootummaan isaa fedhii michootasaa kanneen Israa'el diinootarraa ittisuuf daandii dheeraa imalan moggaattu dhiisaa jiru. Deeggartoonni warra eenyummaa leellisaniitiis Iraan irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafataa jiru. Isaan keessaayis tokko Israa'el ''saffiisaan dhaquu qabdi'' jechuun dubbatan.

Haaluma wal fakkaatuun Gaazaa keessatti balaan namoomaa itti fufeera. Xiyyeeffannaan idil-addunyaa amma isarraa gara biraatti naannaweera. Waraanni Israa'el ammallee Gaazaa keessatti duula gaggeessuun namoota nagaa ajjeessaa jira.

Weesti Baank keessatti walitti bu'insi lubbuu galaafate Filisxeemootaa fi qubattoota Ayihudootaa jidduutti irra deebiin eegaleera. Waraanni daangaa Israa'el Hezbollaa waliin gaggeessitus saffiisaan itti cimu danda'a.

Iraan yoo Israa'el kan haleellaa haalo bahumsaa kan raawwattu ta'e caalaa akka haaloo baatu dubbatte. Ajajaa olaanaan humna waraan Iraan, Hooseen Baaqeerii, haleellaan Israa'el irratti raawwatame kan ''daangeeffame'' jechuun, Israalee yoo haaloo baate, deebii ''baayyee cimaa'' ta'e akka kennan dhaadatan.

Ameerikaan Israa'el yoo Iraan irratti haleellaa kan raawwatu ta'e hin deeggaru jettee jirti. Haata'u malee jechi pirezidanti Joo Baayidan deeggarsi nageenya Israa'eliif qabu yoomiiyyuu ''hin jijiramu'' jedhan sun, wayita Iraan haleellaa Israa'el'f deebii biraa kennitu US dhaabbattee ilaalti jedhanii amanuun rakkisaadha.

Sigiigaachuun kunis Baha Jidduugalaatti waraana bal'aa fi gara rakkoo addunyaa isa hundee gadi faeefateetti deema.