Tiraamp Itoophiyaa fi Masrii gidduutti 'nagaa buuseera' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''waldhabdee'' Itoophiyaafi Masriin sababii Hidha Guddicha Haaroomsaatiin walqabatee gidduusaanii ture dhaabsiisaadhan ''nagaa'' buusuusaanii dubbatan.
Tiraamp kana kana jedhan Dilabata darbe gaafa Waxabajjii 15, 2025 wayita bara aangoosaaniitti waldhabdeewwan jidduu galuudhaan dhaabsiisan tarreessuun miidiyaa hawaasaa isaanii 'True Social' irratti barreessaniitti ture.
Tiraamp walitti bu'insa Iraaniifi Israa'el jidduutti Jimaata darbe ka'e ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, biyyoonni lamaan waliigalteerra gahuu akka qaban ibsan.
Walitti bu'insi Paakistaaniifi Indiyaa dhiheenya kana keessa galanii ture ''daldala Ameerikaa waliin taasifamutti'' fayyadamuun, dureewwan biyyoota lamaanii gara ''qindoomuu, sababa qabaachuufi gara sammuusaaniitti'' akka dhufan taasifamuu dubbataniiru.
Kanaan kana ka'ees, ''dureewwan ajaa'ibsoosoonni lamaan saffiisaan murteessuufi dhaabuu danda'aniiru'' jechuun gahee qabaatan ibsaniiru.
Doonaald Tiraamp bara aangoosaanii jalqabaatti walitti bu'insa Sarbiyaa fi Kosoovoo jidduutti ''waggoota kudhaniif tureefi lola dhohuuf fiixeerra gahee ture'' dhaabsisuu kaasaniiru.
Pirezidantichi kanaan wal qabsiisuun, ''dhimma biraa'' jechuun kan eeran dhimma Itoophiyaafi Masriiti.
Biyyoonni lamaan sababii Hidha Guddichaatiin walitti bu'insa keessa akka turan ergaa isaanitiin kaa'aaniiru. Hidhichi ''Laga Abbayyaa ajaa'ibsiisaarratti dhiibbaa akka qabu'' kaasaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoota lamaan gidduutti ''nageenyi jira, gidduu seenuukootiin yoo xinnaate amma nagaan jira. Akkasumas, akkasumatti itti fufee tura!'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniiru.
''Akkasumas'' Israa'elii fi Iraan gidduutti ''dhiheenyatti nagaan akka uumamu'' kaasuudhaan, ''ammatti bilbilawwan fi walgahiiwwan hedduun gaggeeffamaa jira'' jedhan.
"Waan baayyee raawwadheera. Dhimma kamiifuu beekkamtii argadhee hin beeku. Omaa miti, ummanni na hubata. Baha Gidduu Galeessaa deebiifnee guddaa taasifna'' jedhan.
Tiraamp Finfinnee fi Kaayiroo gidduutti nagaa buusuu kaasanis, pirezidantichi marii Hidha Guddicha Abbaayyaa ilaalchisee gahee qaban lammiilee Itoophiyaa bayyee biratti kan ka'u haala gaariin miti.
Tiraamp baatii xumura aangoosaanii jalqabaarratti Masriin Hidhicha ''dhoosuu dandeessi'' haasaa jedhu taasisuun namoota baayyee dheekkamsiisee ture. Mootummaan Itoophiyaas haasaa Tiraamp kana kan fudhate akka ''waraana kaasuu'' pirezidantii Ameerikaa aangoorra jiruutti ture.
Ministeerri dhimma alaa haasaa pirezidantiichaa kanaan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii ''kan hin calaqasiifnee'' akkasumas ''seeroota idil-addunyaa marii biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamuun fudhatama kan hin qabne'' akka ta'e ibsee ture.
Yeroo sanattis mootummaan Itoophiyaa Amabaasadara Ameerikaa yeroo sanaa kan turan Maayik Raayinariin haasaa Tiraamp ilaalchisee ibsa akka kennaniif waamee akka ture ni yaadatama.
Yeroo sanatti Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Obbo Gadduu Andaargaachoo, ''Itoophiyaa duraanis taanaan gara fuulduraatti haleellaawwan walabummaasheerratti agaamuuf akka hin jilbiifanne, akkasumas Gamtaa Afriikaa jalatti marii biyyoota lamaanii itti fufuudhaaf kutaannoo qabaachuu'' Ambaasaadarichaaf ibsuun himamee ture.
Waajjijji Ministira Mummeetis yeroo sanatti ibsa baaseen ''Itoophiyaan dubbii barbaacha kamuufuu harka akka hin kennine'' beeksiisanii ture.
Ameerikaan yeroo Itoophiyaa ALI bara 2012tti yeroo jalqabaatiif Hidhicha bishaaniin guutteetti, osoo Masrii waliin waliigaltee irra hin gahamiin kan raawwatame ta'u kaasuudhaan, deeggarsa doolaara miiliyoona 100 Itoophiyaaf kennuuf turte adda kutuuf akka murteessite Rooritars gabaasee ture.

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/screenshot
Mariin Waashingitan Ameerikaafi Baankii Addunyaa taajjabdummaadhaan irratti kan hirmaatan fi ALI bara 2012tti gaggeeffamerratti, bulchiinsi Tiraamp ejjannoo faallaa Itoophiyaa qabatee akka ture yeroo sanatti maddeen BBCtti himanii ture.
Ameerikaafi Baankiin Addunyaa Masriif looganii akka ture kan ibse maddi BBC kun, ''afur ta'anii Itoophiyaan falmuutiin'' akka ture ibseera.
Itoophiyaan maricharratti kan argamte haala guutinsaa fi bishaan itti gadhiifamurratti mari'achuuf ta'ulleen, Ameerikaan gamasheetiin, sanada ''eenyuu gahee bishaan hangamii haa qabatu'' kan jedhu hammate dhiyeessitee akka ture maddeen ibsanii ture.
Sababii kanaatiin biyyoonni lamaan osoo waliigalteerra hin gahiin gargara kan galan yoo ta'u, Ameerikaan haasaa Tiraamp fi murtee adda kutuu deeggarsaa bulchiinsi isaanii fudhatan kan dhufe isaan booda ture.
Tiraampiin booda kan aangootti dhufanii turan bara Joo Baayidan keessa Ameerikaan dhimma Hidha Guddicha Haaromsaa ilaalchisee gahee guddaa yoo baatu hin mul'anne.
Joo Baayidan bara aangoosaanii keessatti Itoophiyaa fi Masrii Hidha Guddicha irratti irra deddeiin waligahii taasifatanilleen waliigalteerra gahuu hin dandeenye ture. Waggoota kanneen keessatti Hidhichi anniisaa maddisiisuu kan eegale yoo ta'u, dhuma ALI bara 2026tti bishaaniin guutuunis xumurameera.
Hidhi Guddichii Haaromsa Itoophiyaa jalqaba ALI bara 2018tti ni eebbiifama jedhamee kan eegamu ta'uu Ministirri Mummee Abiy Ahimad beeksisuunsaanii ni yaadatama.












