Saayintistoonni Heppataayitis C argatan badhaasa Noobeelii bara 2020 injifatan

Madda suuraa, Getty Images
Saaayintistoonni vaayirasii tiruu miidhu Heppataayitiis C jedhamu argatan badhaasa Noobelii bara 2020 damee fayyaatiin kennamu injifataniiru.
Badhaafamtoonni kunneenis; Saayintistii lammii Biritiish Maayikil Haayitan, qorataa US Haarvey Alter fi Chaarlis Raayis jedhamanidha.
Koreen badhaasa Noobelii akka jedhetti, argannoon ogeeyyii kanaa ''lubbuu namoota miliyoonatti lakkaa’amanii du’arraa baraare’’.
Vaayirasiin Heppataayitiis C kaansarii tiruu namatti fiduun kan beekamu wayita ta’u, namoonni hedduun tiruusaanii akka jijjiruuf dirqamaniif sababa ta’uun beekama.
Bara 1960 keessaa namoonni dhiiga nama biraarraa fudhatan dhibee iccitiin isaa yeroo sanatti hin baramne, tiruun akka gubatu taasisuun saaxilamuun rakkachaa turani.
Koreen badhaasa Noobelii akka jedhetti, dhiiga daddabarsuun balaa hamtuu turee jedhe.
Ammatti rakkoon qorannoo dhiigaan walqabatu kutaalee addunyaa harka caalaa keessatti furameera, dawaan farra vaayirasii bu’aa qabeessa ta’aniis kalaqamaniiru.
Koreen badhaasichaa akkas jedhe ’’seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif dhibee kana fayyisuun danda’ameera, kunis vaayirasii Heppataayitiis C guutummaatti dhabamsiisuuf abdii uume,’’ jedhe.
Vaayirasiin kun namoota miliyoona 70 faale, isaan keessaa waggaa tokkoo keessaatti lubbuu namoota 400,000tti dhiyaatanii galaafata.
Iccitii vaayirasii lubbuu namaa galaafachuun beekamuu
Vaayirasiin Heppataayitis A fi B jedhaman walakkeessaa bara 1960 keessa jiraachuun isaanii barame.
Pirofeesar Harveey Alter jaarmiyaa fayyaa Ameerikaa keessa wayita hojjatan bara 1972, namoonni dhiiga nama biraa irraa fudhatan maaliif akka dhukkubsatan adda baasan.
Dhukkubsattootarraa dhiiga fuudhanii Chimpaazii akka dhukkuba qabsiisuu argatan.
San booda Heppataayitis C’n maqaa Heppataayitis ‘A fi B hin taane‘ jedhamee waamamuu eegale.
Pirofeesar Maayikil Haayitan immoo bara 1989tti caaseffama dhala sanyii vaayirasichaa adda baasanii, Heppaataayitis C jedhamees moggaafame.
Sana booda bara 1997 immoo Pirofeesarri yuunivarsiitii Waashingiteen Chaarlis Raayis, maalummaa vaayirasichaa bal’isanii hubachiisuurra darbanii, qaccee sanyii vaayirasichaa kalaqame/gulaalame Chimpaazii irratti Heppataayitis fiduu akka danda’u mul’isaniiru.















