Faalamni qilleensaa ispermii dadhabsiisee akkamitti dhiirota maseensa?

Madda suuraa, Edward Berthelot/Getty Images
Qulqullinni sanyii kormaa (ispermiin) addunyaarratti gadi bu'aa jira, garuu maseenummaadhaf sababa jedhamee baay'ee irratti hin dubbatamne. Amma ammoo kana duuba rakkoon jiru maal akka ta'e saayintistoonni bira gahanii jiru.
Jeenifariifi Kaayiran haadha warraafi abbaa warraati. "Rakkoo hin qabu, siif furra. Si gargaarra" jechuun doktarri fayyaa Jeenifar Hanningtanitti dubbata. "Siif garuu homaa gochuu hin dandeenyu," jedhee abbaa warraa ishee Kaayiranitti dubbate doktarichi.
Jeenifariifi Kaayiraan Yorkshaayir, Ingilaand keessa jiraatu. Waggaa lamaaf dhala godhachuu yaalanii hin milkoofne. Jeenifar rakkoo fayyaa dhala akka hin godhanne ishee godhu qabdi. Kaayiran garuu sanyiin kormaa isaa rakkoo akka qabu hin barre ture.
Boodarra qorannoo yeroo gaggeessu lakkoofsi sanyii kormaa isaa xiqqaa ta'uufi sochiin sanyii kormaa isaas dadhabaa akka ta'e barame.
Mucaa godhatee hammachuuf hawwiin eegaa turus, sanyiin kormaa isaa rakkoo akka qabu gaafa dhagahu qalbiin isaa akka malee cabe. Abdii kutatee alkoolii dhuguufi qophaa ta'uu filate.
"Suni anaaf dukkana limixii ture," jedha Kaayiraan.
Rakkoon dhala godhachuu walakkaa kan ta'u maseenummaa dhiiran yoo dhufu kuni ammoo lakkoofsa dhiirotaa 7% miidha. Haa ta'u malee sababoota akka aadaa fa'iin waa'en maseenummaa dhiiraa baay'ee hin haasa'amu. Yeroo heddu maseenummaa dubartiitu irra haasa'ama.
Qorannoon akka agarsiisutti faalamni qilleensaa sababoota maseenummaa dhiiraa fidan keessayi.
Rakkoo hormaataa dhokate
Addunyaarratti baay'inni uummataa baay'ee dabalaa jira. Waggaa 70 dura baay'inni uummata addunyaa biliyoona 2.5 ture. Bara 2022tti baay'inni uummata addunyaa biliyoona 8 gaheera. Haa ta'u garuu, maatin lakkoofsi ijoollee isaan godhatan hir'ataa jira.
Baay'ina uummata addunyaa keessaa 50% kan ta'an kan jiraatan naannoo dubartoonni guddu galeessan ijoollee lamaafi isaa gadi godhataniidha. Naannolee kanatti bakka biraa irraa namni itti hin goodanu taanan, lakkoofsi namaa gadi akkaan xiqqataa deema.
Sababni lakkoofsa daa'imman dhalatanii kan xiqqateef, namoonni karoora maatii fayyadamuufi dubartoonni faayinaansin of danda'aa deemuu isaanii akka ta'etu himama.

Madda suuraa, Yuichi Yamazaki/AFP/Getty Images
Gama biraan ammoo dandeettin dhiironni dhala godhachuu isaanii gadi bu'aa akka jiru agarsiisa qorannoon: lakkoofsi sanyii kormaa (sperm) xiqqaachuu, hangi hormoonii testestiroonii gadi bu'uu, qaamni saalaa dhiiraa ka'uu dadhabuufi kaansariin cidhaanii hammaachudha.
Seelin sanyii kormaa seelota kaan irraa adda
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Sanyiin kormaan seeliwwan dinqisiisodha. Baay'ee xixiqqoo ta'anii, bololi'uu danda'u, qaama namaan ala bahaniis turuu danda'u. Seelin kan biraa kana hochuu danda'u hin jiru. Bifa adda ta'een uumaman," jetti Yuunivarsiitii Duundetti ogeettii fayyaa wal-hormaataa kan taate Sarah Martins Da Silva.
Haa ta'u malee seeliwwan sanyii kormaa bifa addaan uumaman kanarratti jijjiiramni ykn dhiibban xiqqaan yoo mudate dandeettiin hanqaaquu dhalaa wajjin wajjin wal-arguun micireetti jijjiiramuu isaanii baay'ee miidhama.
Keessumaa lakkoofsa, dandeettii socho'uufi boca sanyii kormaa irratti dhiibbaa qabaata.
"Walumaa galatti sumuda mililitira tokko keessatti lakkoofsi sanyii kormaa (sperm) miliyoona 40 gadi yoo ta'e, rakkoo dhala godhachuu dhabuu arguu jalqabda jechuudha," jedha Hibruu Yuunivarsiititti pirofeesara Epidimoolojii kan ta'e Hagayi Levine.
Bara 2022 keessa Hagayifi qorattoonni biroo lakkoofsi sanyii kormaa addunyaarratti maal akka fakkaatu waraqaa qorannoo maxxansanii turam. Kanaanis, bara 1973 hanga bara 2018tti waggaa waggaadhan lakkoofsi sanyii kormaa 1.2% hir'ataa dhufe. Kana jechuun sanyii kormaa mililitira tokko keessatti miloyoona 104 irraa gara miliyoona 40tti gadi bu'e.
Bara 2000 irraa kaasee ammoo 2.6%dhaan gadi hir'ataa jira.
"Sanyiin kormaa hir'achuun isaa kan agarsiisu fayyaan dhiirotaa hanqina qabaachuu isaa kan agarsiisudha, tarii fayyaan dhala namaa hundaa," jedha Hagayi Levine.
Gama biraan ammoo faalamni qilleensaa sanyii kormaa irratti dhiibbaa akka qabu qorattoonni ni ibsu. Ribqaa Bilanchard UKtti kan argamu Yuunivarsiitii Notinghamitti hakima beeyladaafi qorattuu yoo taatu, keemikaalonni naannoo mana keessatti argaman akkamitti fayyaa wal-hormaata dhiirotaarratti miidhaa akka geessisan qoratti.
Saree akka modeela qorannootti fayyadamuun fayyaa namaarratti miidhaa dhufu dursitee akeekuf hojjataa jirti.
"Saroonni nu waliin naannoo tokko qooddatu. Manuma tokko keessa jiraachun keemikaalota nu faalaniif saaxilamu. Yoo sareerratti waan ta'e ilaalle, nama keessattis maaltu ta'aa akka jiru ni agarra," jetti.
Itti dabaluunis, "Sochiin sanyii kormaa dhiirotaas ta'ee kan saree gadi bu'e. Qacceen sanyiis (DNA) gargar caccabuun dabaleera," jechuun bu'aa qo'annoo ishee ibisti.
Qacceen sanyii caccabaa deemnaan sanyiin kormaan caccabaafi dadhabaa deema.

Madda suuraa, Alamy
Qorannoon bineensota garaa garaarratti gaggeeffame akka ibsutti sanyiin kormaan jijjiirama haala qilleensaf gaafa saaxilamu dhala godhachuurratti dhiibbaa uuma.
Qorannoon bara 2020 bahe tokko akka ibsutti sababa faalama qilleensaa addunyaa mudateen ykn naannoo hoo'aa keessatti hojii hojjachuun qulqullina sanyii kormaa irratti dhiibbaa qaba.
Jijjiirama haala qilleensaa naannoo keenyatti mudatuun alatti rakkoolen dhuunfaa kanneen akka qulqullina ofii eeguu dhabuuu, yeroo dheeraf bakka taa'uu amaleeffachuu, dhiphinaafi alkoolii akkasumas qoricha sammuu adoochu fudhachuun sanyii kormaa miidhun dhiirri akka maseenuf sababa ta'uu akka danda'u qorannoon kun ni agarsiisa.












