Loltoonni Raashiyaa waraanaaf bobba'an sanyii kormaa isaanii bilisaan kaa'achuu danda'u jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Loltoonni Raashiyaa waraana Yukireen irratti akka hirmaataniif waamaman sanyii kormaa (sperm) isaanii bilisaan bakka qorraa cryobank keessatti akka kuufamuuf carraa akka qaban himame.
Gaggeessaa Waldaa Ogeeyyii Seeraa Raashiyaa kan ta'an Igor Trunov ejansii oduu Tass jedhamutti akka himanitti, loltoonni sanyii kormaa isaanii akka olkaa'amuuf ministeera fayyaa biyyattii irraa deebii argataniiru.
Raashiyaan waraana Yukireen irratti rakkoon erga ishee mudateen booda loltoota 300,000 haaraa akka bobba'aniif waamicha dhiyeessitee turte.
Ergasii dhiironni waraana irratti hirmaachuun dura sanyiin kormaa isaanii cabbaa'ee [laaboratoorii] keessa akka turuuf manneen yaalaa gaafataa jiru jedhame.
Kunis bakka loltoonni hin jirretti haati warraa isaanii itti fayyadamuun dhala godhachuu akka danda'aniifi.
Ministeerri Fayyaa Raashiyaa yaada Igor Trunov jedhan irratti hanga ammaa deebii hin laanne.
Minsiteerri fayyaa loltoota dirqama waraana iratti bobba'aniif sanyiin kormaa isaanii bakka qorraa [laaboraatoorii] keessa akka kaa'amuuf bajata federaalaa irraa akka ramadamuuf gochuuf akka danda'u murteessuu Igor Trunov ejansii oduu Tassitti himani.
Raashiyaan loltoota 200,000 bobbaasun Yukireen weerarte. Ergasii lafa qabattee turte hedduu dhabuu bira darbee loltoonni kuma heddus jalaa du'aniiru.
Ji'a Fulbaanaa keessa Pirezidaantin Raashiyaa Puutin bifa haaraan loltoota dabalataa kuma dhibbaan lakkaa'aman akka bobba'aniif waamicha dhiyeessan.
Loltoonni sanyii kormaa isaanii akka olkaa'aniif karaa marsariitii Fontanka jedhamuu erga waamichi godhamee booda magaala magaala St Petersburg keessatti hedduun isaanii gara kilinika wal-hormaataa deemun sanyii kormaa isaanii akka olkaa'amuf kennaa turan.
[Hojjataa] hospitaala Mariniski kan ta'an Andiree Ivaanov loltoonni akka waraana irratti hirmaataniif waamichi dhiyaatef akkasumas kanneen biyya bahuuf karoora qaban sanyii kormaan isaanii akka olkaa'amuuf gaafachuudhaaf gara hospitaalichaa heddumminaan dhufaa akka jiran himan.
Loltoonni kun sanyii kormaa isaanii bilisaan akka olk'aataniif ogeeyyin seeraa kan gaafataniif, tarii waraana irratti yoo du'an ykn miidhaan ijoollee horachuu isaan dhorku yoo isaan mudate sanyiin kormaan sun bakka olkaa'amee fudhamee ijoollee godhachuun akka danda'amuufi.












