Misaa'ela haleellaa qilleensarraa qolatu Yukireen gammachisee Raashiyaa dheekkamsiise

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen misaa'ela haleellaa qilleensarraa qolatu ykn farra haleellaa qilleensarraa ammayyaa Ameerikaan tolchite 'Paatiroot' jedhamu argachuuf.
Meeshaan waraanaa ammayyaa kun misaa'elaafi diroonii Raashiyaa qolachuuf ishee gargaara jedhameera.
Waayit Haawus kana kan mirkaneesse Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Roobii Waashingiteen daawwachuu durseeti.
Mooskoon garuu karoorri misaa'ela Paatiroot jedhamu Yukireen keessatti tajaajilaaf oolchuu ''dubbi-barbaacha'' fi Ameerikaan waraana Yukireen keessatti hirmaannaa qabdu caalaatti guddisa jette.
Waraanni Guraandhala darbe Yukireenitti erga eegalamee as biyyoonni Lixaa misaa'ela qoleetti baatamu Istinger jedhamurraa kaasee hanga misaa'ela raadariin qajeelfamuutti Yukireeniif ergaa turan.
Meeshaaleen kunneen haleellaa sadarkaa adda addaarraa of eeguu Yukireen gargaareera.
Farri haleellaa qilleensarraa Paatiroot jedhamus Yukireeniif dabarfamee kennamuuf adeemsarra jira, Mooskoon garuu ni mormiti.
Meeshaan kun akka rasaasa sasalphaa beeknurraa addadha; dandeettii guddaa kan qabuufi gatiin isaallee garmalee qaaliidha.
Misaayiliin Paatiroot jedhamu tokkichi Doolara Ameerikaa miliyoona sadii kan baasu yoo ta'u, misaa'ela lafarraa gara samiitti dhukaafamu 'NASAMS' jedhamu waliin gatiin isaa walbira wayita qabamee ilalamu dachaa sadiin caala.
Misaa'elli NASAMS jedhamu lama torbanoota hedduuf Yukireenitti tajaajilarra oolee ture.
Baatiriin misaa'ela Paatiroot jedhamu kanaa haleellaa gara jabummaa''Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti raawwaachuuf jirtu qolachuuf meeshaa murteessadha,'' jedhe Waayit Haawus.
Misaa'elli Paatiroot erga kalaqamee as Iraaqitti misaa'ela Raashiyaan tolchite Iskaad jedhamu qolchuuf tajaajilarra oolfamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paatiroot gosa misaa'elaa irratti hundaa'uun misaa'eloota fageenya kiiloomeetira 40 -160 irratti rukutuuf akka gargaaru gabaafameera.
Meeshaa haleellaa qilleensarraa qolatu kun iddoowwaan murtaa'oo kan akka magaalota ykn bu'uuralee misoomaa murteessoo ta'an haleellaa misaa'elaarraa eeguuf gargaara.
Ameerikaan meeshaa kana tokkicha buufata raaadarii, giddugaleessa to'annoo fi iddoo misaa'elli dhukaafamu qabutti Yuukireeniif dabarsitee kennuuf jiraachuu beeksifte.
Meeshaan kun iddoo bu'uuraalee misoomaa murteessoo ta'an ykn magaalaa eegumsi dabalataa barbaachisu cina kaa'ama.
Iddoo meeshaan kun kaa'amu hin beekamu, garuu si'a tokkicha biyyoonni Lixaa Yukireeniif dabarsanii kenninaan, qabeenya Yukireen ta'a- Meeshaan kun to'annoo humna waraanaa Yukireen jala oola jechuudha.
Ameerikaas ta'ee loltoonni NATO meeshaa kana Yukireen keessatti itti hin gargaraman.
Kanaafuu loltoonni Yukireen meeshaa kanatti gargaaramuuf leenji'uu qabu.
Leenjiin itti fayyadama farra misaa'ela kanaa biyya biraa keessatti kennama.
Ameerikaan leenjii akkasii humnoota Yukireeniif biyya Jarman keessatti Amajjii dhufturraa kaaste akka kennitu beeksifteetti.
Mooskoon garuu karoorri meeshaa Paatiroot Yukireen keessatti tajaajilaaf oolchuu''dubbi-barbaacha'' fi Ameerikaan waraana Yukireen keessatti hirmaannaa qabdu caalatti guddisa jette.
Raashiyaan waraanni Yukireen otoo hin eegaliin dura misaa'elii akkasii argamnaan iddoo ''haleeluuf irratti qiyyaafannudha'' jetteetti.
Ameerikaan baatirii misaa'eloota kanaa gara Yukireenitti erguuf murteessuun Yukireen akka haleellaa qolattu ta'uuf beeksiste.
Iraan dirooniwwaaniifi tarii meeshalee biroo Raashiyaaf dhiyeessuun Yukireenitti yaaddoo uumeera.
Biyyoonni Lixaa kana bu'uura gochuun meeshaalee waraanaa ammayyaawoo gara Yukireenitti ergaa jiru, Raashiyaann garuu kan hin feetu.












