Meeshaaleen waraanaa biyyoonni lixaa biliyoona hedduun Yukireen hidhachiisaa jiran kam fa’i?

Meeshaa waraanaa gurguddaa Yukireeniif kennaman

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Raashiyaan irratti labsite ofirraa qolachuuf Yukireen deeggarsa meeshaalee waraanaa gurguddaafi ammayyaa akka arjooman irra deddeebiin biyyoota lixaa gaafataa jirti.

Pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin dhiheenya kana haasaa walgahii NATO irratti taasisaniin, “Olaantummaa meeshaalee waraanaa Raashiyaan nurratti qabdu cabsuu qabna. Meeshaalee waraanaa ammayyaa nu barbaachisa” jechuun dubbatan.

Yukireen meeshaalee waraanaa ammayyaa hin argattu taanaan, gara fuulduraatti biyyoonni lixaa fuula fi fuulaan waraana Raashiyaa wajjin wal loluun isaanii waan hin oolle akka ta’e dubbatan Zeleniskiin.

Hanga ammaattis biyyoonni 30 ta’an meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa Yukireenif arjoomanii jiru.

Haa ta’u malee Yukireen meeshaalee waraanaa gurguddaa barbaaddu akka salphaatti argachuu hin dandeenye.

Kanaaf ammoo dirree waraanaa irrattis Raashiyaadhan caalamaa jirti.

Biyyoota kam fa’aatu meeshaalee waraanaa Yukireeniif dhiyeessaa jiraa?

Ameerikaan meeshaa waraanaa Yukireenif laachudhaan ni dursiti. Akka gabaasa Waayit Haawusitti erga Baayiden gara aangotti dhufanii Ameerikaan humna waraanaa Yukireen cimsuudhaf doolaara biliyeena 6.3 arjoomtetti.

Ameerikaatti aansun deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireenif kennaa kan jirtu UK yoo taatu hanga ammaatti doolaara biliyeena 1.6 arjoomtee jirti. Amma immoo dabalataan doolara biliyeena 1.6 Yukireenif kennuuf karoora akka qabdu ibsitee jirti.

Pirezidaant Zeleniskiin garuu kun ammayyuu gahaa akka hin taane dubbatu.

Akka Zeleniskiin jedhanitti Yukireen ji’atti doolaraa biliyeena 5 waraanaaf ni baasti.

Meeshaa waraanaa jajjaboo Yukireeniif ergaman keessaa

Meeshaalee waraanaa Yukireen barbaaddu

Ogeeyyin saayinsii waraanaa akka jedhanitti, waraana tokko irra aanuuf meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa fayyadamuun murteessaa akka ta’e ni dubbatu. Kana qofa osoo hin taane waraana diinaa mo’achuuf leenjii waraanaa gahaa fi dhiyeessii jijjiirraa meeshaalee waraanaa argachuunis murteessa akka ta’e ni himu.

Ajaajaa humna waraanaa walii galaa Ameerikaa kan ta’an Jeneraal Maark Miiley, “Meeshan waraanaa kamiyyuu dirree waraanatti jijjiirama adda ta’e fiduu dhiisuu danda’a” jechuun dubbatu.

Hanga ammaatti akka arginetti malli meeshaa waraanaa gosa garaa garaa qabu dirree waraanaa irratti jijjiirama fidaa akka jiruudha.

Rookkettiwwan fageenyaa dheeraa furguggifaman

Baha Yukireen bakkeewwan Raashiyaan haleellaa ciciimaa itti gaggeessitutti Yukireen meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa furguggifaman ishee barbaachisa.

Hanaga ammaatti Ameerikaa, UK fi yeroo tokkotti rookkeettiwwan lama furguggisuu kan danda’an meeshaalee waraanaa 10 Yukireenif kennaniiru.

Yukireen garuu saffisa waraanni Raashiyaa ittiin deemu dura dhaabachuuf deeggarsa meeshaalee ammayyaa dabalataan akka ishee barbaachisu dubbatti.

Meeshan waraanaa Ameerikaa M142 jedhamuu fi fageenya dheeraa irratti rookkeettii furguggisu meeshalee waraanaa Yukireen eegaa jirtu keessaa tokkoodha.

Meeshan waraanaa kun gosa rookkeettii dhuka’uutin garaa gara ta’us Yukireenif kan kenname kilomeetira 70 irratti diina haleeluu kan danda’u qofaadha.

Raashiyaanis sirna rookkeettii akkanaa dhukaasutti dhiyaatu meeshaa waraanaa ‘Simraach’ jedhamu qabdi. Meeshan waraanaa M142 jedhamu kun kan Raashiyaa caalaa qiyyaafatee kan haleeludha.

Hawitzaar

Meeshaa waraanaa kana biyyoonni akka Awustiraaliyaa, Kanaadaa, fi Ameerikaa Yukreenif kennaniiru. Yukreen 100M777 Hawutzaar jedhamu dhukaatuwwan milimeetira kuma 300 wajjin argattee jirti.

Meeshaalen waraanaa fageenyaa dheeraa furguggifaman Yukireenif barbaachisoo akka ta’an ministeerri ittisaa US kana dura ibsee ture.

Meeshan waraanaa 100M777 Hawutzaar jedhamu fageenya 40 km irratti mandhee diinaa haleeluu danda’a. Raashiyaan agama isheetin meeshaa kanaan kan wal gitu Gizatinsi B Hawutzar jedhamu qabdi.

Meeshaalee ammayyaa farra taankii

Meeshaalee farra taankii

Meeshaaleen waraanaa gateettii irratti baachun bakkaa bakatti socho’uun danda’amu NLAW (Next generation Light Anti-tank Weapon) jedhamu fi taankii haleeluu danda’u biyyoota lixaa irraa Yukireenif kennameera.

Meeshaalee farra taankii ammayyaa 5000 ta’an Yukireen biyyoota lixaa irraa argattee jalqaba waraanaa irratti sirriitti dhimma itti baatee turte.

Kanaanis Raashiyaan jalqaba irratti magaala guddoo Yukireen to’achuuf taankota waraanaa heddu bobbaastus meeshaa farra taankii waraan Yukireenin akka malee kasaaran irra gahee ture.

Taankiwwan

Taankiiwwan

Yukireen taankiwwan bara Sooviyeet omishaman 230 ol Poolandi fi Cheek Rippaabilika irraa argattee jirti. Yukireen gosa taankiwwan kanaa fayyadamuun muuxannoo olaanaa qabdi.

Poolandi taankiwwan T-72 jedhaman qabdu Yukireenif erga latten booda UK irraa taankii Chaalenjar 2 jedhaman argattee jirti.

Dirooniwwan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana Raashiyaa fi Yukireen kana irratti xayyaaronni nam maleeyyuu (dirooniwwan) heddu hojiirra oolanii jiru.

Dirooniwwan kunneen hojiiwwan akka basaasuu, bakkeewwan haleellan itti gaggeeffamuu qabu eeruu kennuu, meeshaalee garaa garaa bakkaa bakkatti sochoosuf hojiirra oolaa jiru.

Turkiin dirooniwwan ittiin beekamte Baraktar TB-2 jedhaman Yukireenitti gurgurtee turte. Kana qofa osoo hin taane kubbaaniyaan Turkii diroonii Baraktar TB-2 omishu dirooniwwan kana Yukireenif arjoomera.

Ogeeyyin waraanaa akka jedhanitti diroonin Baraktar TB-2 lafa irraa ol fageenya faana kuma 25 gubbaa balali’uun buufataalee waraana Raashiyaa haleelun meeshaa Yukireenif oolmaa gudda ooledha jedhama.

Dirooniwwan kunneen helikoptaroota, taankiwwan, buufata waraana fi misaa’eloota Raashiyaa heddu akka barbaadeessantu himama.

Kana malees dirooniwwan kun odeefannoo sochii waraana Raashiyaa hordofuun waraana Yukireenif gabaasa kenna. Kana bu’uura godhachuun waraanni Yukireen waraana Raashiyaa irratti haleellaa garaa garaa gaggeessaa ture.

Meeshaa haleellaa qillensa irraa fashaleessu

Jalqaba irra kaasee waraanni Rashiyaa qilleensa Yukireen guutummaatti akka hin to’anneef Yukireen yaalii garaa garaa gochaa turte.

Haa ta’u malee pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin meeshaa farra haleellaa qilleensa irraa fooyya’aa ta’e akka arjoomaniif biyyoota lixaatti wawwaataa turan.

Guyyoota itti aananitti Ameerikaan meeshaa waraanaa farra haleellaa qilleensa irraa ammayyaa NASAMS jedhamu Yukireenif ni dhiyeessiti jedhamee eegama.

Islovaakiyaan gama isheetin meeshaa ittisa qilleensaa S-300 jedhamu Yukireenif kennitee jirti jedhama.