Hanqaaquun seelii fuuliyoo kormaa irraa kalaqame namaafis ni ta'a jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Qorataa Jappaan kan ta'e Prof. Kasuhiko Hayaashii, seelii fuuliyoo kormaa irraa hanqaaquu dhalaa omishuu isaa beeksise.
Fuuliyoon bineensti hantuuta fakkaattu, afaan Ingiliffaan Mice jedhamtudha.
Qorataan kun argannoo kana kan ifoomse kora waa'ee qaccee sanyii taa'ame irratti.
Qorannoon kun ammayyuu kan hin xumuramin yoo ta'u kiromozoomii dhiiraa XY gara XX dhalaatti jijjiiruu beeksise Prof. Kasuhiko.
Prof. Kasuhiko Hayashi Yuunivarsiitii Osaakatti waldhaansa sirna wal-hormaataa irratti qorannoo gaggeessa.
Qoarannoo kana barruu saayinsii Nature jedhurratti akka maxxanfamuuf galche kun, dhiironni qofaa isaanii ijoollee horachuu akka danda'an akeeka.
Mana Baruumsa Meedikaalaa Harvarditti qorataa kan ta'e Prof. Joorj Daaley, ammoo bu'aan qorannoo kanaa hawaasa bira gahuuf baayyeen akka hafu dubbta.
"Hojiin Hayaashin hojjate [barruu irratti] hin maxxanfamne , garuu hojii nama ajaa'ibudha. [Kana nama irratti yaalun] akka kan hantuutaa salphaa hin ta'u," jedhe.
Waa'een qorannoo kanaa kora qaccee sanyii namaa fooyyeessuu (human gene-editing) Landan, Inistiitiyuutii Kiriikitti gaggeeffame irratti bal'inaan ibsameera.
Prof. Kasuhiko Hayaashii qaccee sanyii namaa fooyyessuu iratti akka addunyaa nama beekamaadha. Kora Landanitti taa'ame kanarratti qorannoon isaa sadarkaa jalqabbiirra kan jiruudha.
Seelii sanyii kormaa irraa hanqaaqun dhalaa inni uumes qulqullinni isaa gadi bu'aa waan ta'eef sadarkaa kanatti namarratti yaaluun balaa akka qabu Prof. Joorj ibseera .
Adeemsi qorannoo kanaa jalqaba seelii gogaa hantuuta keessaa fuudhamee gosa seelii biraatti jijjiiruu gaafata.
Seelin dhiiraa kiromozoomii XY qaba. Gareen qorattota Prof. Kasuhiko Hayaashitiin durfamu garuu kirimozoomii Y balleesun X bayi'isan. Sana booda kiromozoomota X lamaan walitti fidan. Bifa kanaan hanqaaqun dhalaa uumama.

Malli kun namaafis hojiira oola jedhamaa jira: bakka dubartoonni hanqaaquu omishuu hin dandeenyetti, hanqaaqun dhiirotaa qophaa'uu danda'a jedhame.
"Fuuliyoo keessattillee qulqullina hanqaaquu irratti rakkoolee baay'etu jira. Mala rakkoo wal-hormaataa [namaa] furra jechuu dura rakkoolee yeroo dheeraa fudhachuu danda'an kanneen furuu nu gaafata," jedha Prof. Kasuhiko.
Qorataan kun sanyii kormaa dhiiraa gara hanqaaquu dubartiitti jijjiirun ijoollee godhachuu akka hin deeggarre hin dhoksine.
"[Sanyii kormaa dhiiraa] qofa ijoollee godhachuun inuma danda'ama. Garuu sadarkaa kanatti hangam nagaa qabeessa akka ta'ee fi hawaasa biratti fudhatama qabaachuu isaa hin beeku," jechuun ibse.












