'Guyyaatti yoo xiqqaate miillaan daqiiqaa 11 deemuun du'a umurii malee hir'isa'- Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Bu'aa sochii qaamaa taasisuun qabu hubachuudhaf atileetii ykn nama ispoortii cimaa ta'uun isin irraa hin eegamu.
Qorannoon UK'tti hojjatame tokko akka agarsiisutti guyyaa guyyaadhan deemsa miilaa taasisuun du'a umurii malee hambisuu irratti gahee guddaa qaba.
Namni tokko guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 11 miilaan deemuun du'a umurii malee 10 keessaa tokko hir'isuu akka danda'u qorannoon kun ifoomse.
Torbanitti namni tokko daqiiqaa 150 sochii qaamaa yoo taasise filatamaadha. Haata'u garuu namoonni kana hin raawwatan.
Garuu ammoo sochii qaamaa homaa hojjachuu dhiisuu irra hamma tokkollee yoo ta'e sochii qaamaa taasisuun filatamaa akka ta'e himu qorattoonni Yuunivarsiitii Kaambiriij.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK akka gorsutti namni tokko torbanitti sochii qaamaa dhikkisa onnee akka ol ka'u godhu daqiiqaa 150 -300 ykn sochii qaamaa cimaa daqiiqaa 75-150 taasisuu qaba.
Gareen qorannoo kun qorannoowwan kanaan dura waa'ee fayidaa sochii qaamaa taasisuu irratti hojjataman heddu erga xiinxalanii booda, sochii qaamaa namni tokko taasisuu qaba jedhame keessaa walakkaa isaatuu yoo taasisan dhibee hargansuu 20 akkasumas dhibee kaansarii 30 keessaa tokko hir'isuu akka danda'u qorannoo isaanin ibsan.
Kana jechuun torbanitti daqiiqaa 75- guyyaatti daqiiqaa 11- biskileetii hoofuu, ariifatanii deemuu, tabba bahuu, ragaduu ykn teenisii taphachuun sochii qaamaa taasisuu jechuudha.
"Akka sochootu sitti dhagahamuu qaba, onneen kee saffisaan dhahata garuu hafuura baasuu hin dadhabdu, " jedha ogeessi garee qorannichaa durse Dr.Soren Brage.
Daqiiqaa jedhame kana sochii qaamaa taasisuun carraa dhibee onneetin qabamuu 17% akkasumas carraa kaansariin qabamuu 7%n akka hir'isu qorannoon kun ni ibsa.
Dhaabbataadhan sochii qaamaa taasisuun kuufama coomaafi dhiibbaa dhiigaa kan xiqqeessu yoo ta'u, yeroo dheeraa keessatti fayyaa onnee, hirribaafi sansakkaa namaas ni fooyyessa.
Dhibeewwan akka kaansarii mataa, mormaa, garaacha, lukeemiyaafi kaansarii dhiigaa fa'aa xiqqeessuf sochii qaamaa taasisuun fayidaa guddaa akka qabu qorannichi ni akeeka.
Sochii qaamaa silaa namni tokko torbanitti akka hojjatuuf ogeeyyin gorsan namni hundi hojiitti hin hiiku.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon British Journal of Sports Medicine irratti maxxane kun qorannoowwan kanaan dura waa'ee fayidaa sochii qaamaa irratti hojjataman heddu xiinxaluuni ragaa kana qabatee bahe.
Qorannoon kun akka ibsutti hojiiwwaan kanaa dura gochaa turre wantoota biraatin bakka buusuu fa'aa gorsa.
Fakkeenyaf, gabaa dhaquuf kanaan dura konkolaataa fa'aa fayyadamna yoo ta'e, sochii qaamaa taasisuuf saayikilii ykn miilan deemuu qabdu jedha.
Ijoollee wajjin taphachuunis mala ittiin sochii qaamaa taasifnu keessaa tokkoodha.
Hanga sochii qaamaa taasifnu dabaluudhaf hojii torbanitti hojjannu keessatti waan sochii qaamaa akka taasifnuhuf carrraa nuu banu dabaluunis mala biraati.












