Dubartii Feesbuukiidhaan namoota hedduuf buddeena baasuuf sababa taate

Meelat wayita badhaasa fudhattu

Madda suuraa, Melat Nuguse

Miidiyaan hawaasaa waan gaariif yoo itti fayyadaman hangam hawaasa keessatti jijjirama fiduu akka danda'u kannneen qabatamaan mul'isan heddu eeruun ni danda'ama.

Kanneen keessaa dubartii Feesbuukiin waltajjii odeeffannoo bashannanaa irra darbee, furmaata rakkoo namoota hedduu ta'uu akka danda'u hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun mirkaneessite tokkoon wal isin haa barsiifnu.

Maqaan ishee Meelaat Nigusee jedhama. Kan dhalatte Magaalaa Finfinneetti yoo ta'u, kan guddattee ammoo Booranatti.

Meelaat ogummaan akkaawuntii baratteen hojii mootummaa hojjaataa turtus amma garuu isa dhiistee dhuunfaa isheetiin Finfinnee keessatti hojjataa jirti.

Miidiyaa hawaasaa (Facebook) kan fayyadamuu jalqabde waggoota heddu ta'uus hojii tola ooltummaa isheen hojjattu karaa toora miidiyaa kanaa erga qooduu jalqabdee waggota ja'a hin caalu.

Gara laafummaa fi amaloonni gaariin maatii ishee fi hawaasa bakka itti guddatte irraa dhaalte akka isheen waan gaarii namaaf ooluu kanatti baatu ishee taasisuu dubbatti Meelaati.

Isheen keessumaa haadholii fi daa'imman gagragaarsa hin qabne kan nama isaaniif dubbatu hin qabne gara miidiyaa hawaasa fiduun akka deeggaraman taasifti.

''Haadholi nama isaan gargaaru hin qabneef maal akkan isaan gargaaru gaafadhee, buna biteefi, uffata isaanii irraa miccee, yeroo ayyanaa waan ittin oolan gumaacheefi, humnan qabu hundaan bira dhaabadhee dabarssa ture,'' jette.

Waan iisaaniif goote kanaf ammoo akka ishee eebbisaniifi waanti isa caalaa ishee gammachiisu akka hin jirre dubbatti Meelaat.

''Eebbi isaanii anaaf humna naaf kenna, hojii gaarii biraalle akkaan hojjadhu, kana caalaa deeggaruu akkan qabu na onnachiisa'' jechuun BBCtti himte.

Tibba ayyaana waggaa garaa garaatti namoota gargaarsa hin qabne ykn hospitaala jiran waliin dabarsiti.

Wayita Weelchair arjoomtu

Madda suuraa, Melat Nuguse

Dhukkubsattootaa fi qaama miidhamtoota deeggarsa barbaadaniif arjoomtota irraa deeggarsa walitti qabuun gargaaraa turte.

Keessumaa giddugala waldhaansa dhukkuba kaansarii 'Addis Tasfaa' jedhamu keessatti hojii gaarii hedduu hojjettee jirti. Qaama miidhamtootaafi dhukkubsattota hedduuf meeshaa ittiin socho'an (Wheelchair) akka bitamu taasisisteeti.

Hojii tola ooltummaa hojjattu kana ammoo hordoftoota isheef qoodaa waan turteef jalatamummaa guddaa argachaa dhufte.

Hojjataafi hojjachiisaa Feesbuukiin wal qunnamsiisu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meelaat erga waggoota lamaa as ammoo namoota hojii barbaadanii fi dhaabbilee hojjachiiftootaa miidiyaa hawaasaa fayyadamuun wal qunnamsiifti.

Hojii kanaaf kaffaltii tokkollee hin gaafattu, bilisaan hojjatti. Kana gochuuf garuu sababa qabdi turte.

Dargaggeessi yunivaristii irraa eebbifamee carraa hojii dhabuun 'abdii kutatee' of ajjeesee fuula faasbuukii irratti maxxanfamee argite.

Sana dura dargageessi fuula ifaan kolfaa suuraa maxxansaa ture akkamiin of ajjeesuu danda'e jechuun hiriyaa isaa itti dhiyaaturraa akka qorattee himti.

Akka isheen jettutti, hiriyaan isaas sunis ''sababa hojii dhabeen haadha isaa qofaa waa heddu taatee isa barsiifatte gargaaruu dadhabuu isaatiin gaddee akka of ajjeesee'' isheetti hime.

Itoophiyaa keessatti carraa hojii argachuun firaa fi maallaqaan erga ta'ee bubbuleera kan jettu Meelaat kana hambsuuf karaa miidiyaa hawaasa kana fayyadamtee dhiibbaa uumuuf akka qabdu murteeffatte.

''Ani maalin gochuu danda'a jedheen of gaafadhe. Yeroo sanatti hordoftoota kuma 50 qaba( waggaa lama dura) yoo xiqqaate nama tokko baraaruun qaba jedheen dhabbilleen hojjattota barbaadaan carraa hojii banaa akka bilisaan gar ishee ergatan gaafachuu eegalte.

Dhaabbilee muraasni natti erguu jalqaban, namoota beeksisa tokko irratti galmaa'an wayitan arguu fi hojii kana akka barbaadan naaf barreessan hangam dargaggoonni hojii dhabanii abdii kutannaa keessa akka jiran hubachuu eegale jetti.

''Sababa kootiin dargaggoonni akkasii sun hojii argachuun anaaf gammachuu guddaa ture'' jetti Meelaati. Kanaanis hojjataafi hojjachiisaa wal qunnamsiisuu maamila heddu horachaa deemte.

Hojii gaariin Meealat sababa nama tokkootiin eegalte kun gara namoota hojii barbaadan kuma 4 ol ta'aniif balballi hojii akka banamuuf sababa taate.

Waggaa lama keessatti sababa isheetiin lammiileen kuma afur ol buddena argachuu danda'aniiru jechuudha.

''Dargaggootni heddunis hojii eegaluu isaanii wayita natti himan baay'ee na gammachiise. Kana gochuun koo jiraachuun koo namoota biroof akka gatii qabu ta'eera.'' jechuun hangam hojiin sun akka ishee boonse dubbatti.

''Bakka tokko yoon deeme an as kanan jiru sababa keetin yoo nan jedhan, maqaa kootiin namoota biroo yoo gagragaran sun anaaf gammachuu guddadha, ittin boonas'' jetti.

Hojii isheen bilisaan of kennitee hojjattu kanaanis jaalatamummaa argachuun amma hordoftoota gara kuma 188 ta'u horatteetti.

Ammas rakkoo maallaqaa fi firaan ykn ejensiin malee carraan hojii hin argamu jedhu jijjiruu fi rakkoo akkasiif furmaata fiduuf hojjachuu akka itti fuftu himti.

Waanti gaariin hin dorgomu ni filatama malee

Meelaat badhaasa ishee waliin

Madda suuraa, Melat Nuguse

Kanaaf miidyaan hawaasaa, hawaasa keessatti jijjirama guddaa fiduu akka danda'u kunneen agarsiiftuu guddadha.

Warri akka Meelat kaayyoo gaariidhaaf itti fayyadaman ofii isaanirra darbanii fayyadamuu namoota birootif sababa ta'aniiru.

Walitti ida'amni hojii gaarii akkasii ammoo jijjiramaa fi guddina hawaasaa keessatti fiduuf ga'een inni qabu olaanadha.

Kana kan hubatan dhaabbileen adda addaa. yeroo dhiyoo asitti dargaggoota miidiyaale hawaasaa kaayyoo gaariif itti fayyadaman jajjabeessuuf badhaasa adda addaa badhaasaa jiru.

Dhiheenya kanas dhaabbatni "Star Wide Award" jedhamu namoota fi dhaabbilee waan garii hojjachuun fakkeenya ta'an damee adda addaan qoodee badhaaseera.

Namoota badhaasa argatan kanneen keessaa Meelat Nugusee ishee tokkoodha.

Meelat ''waanti gaariin hin dorgomsiifamu ni filatama malee jette.'' Kanaaf hojiin gaariin isheen hojjatte kun akka ishee badhaasisee fi waan gaariin yoo hojjatame eessattiyyuu kan filatamu ta'uu eerte.

''Filannoo keessa akkan ture beeka garuu, namootni hedduun hojii koo kana jaalatanii na filachuu isaani ergasii odeeffannoo argadhe, kun guddaa na onnachiisa.''

Kana malees badhaasa Miidiyaa Hawaasaa waan gaariif oolchuu dhabbata Ameerikatti hundeeffame tokko irraa argachuu ishee himteetti.

Dhaabbilee deeggarsa daa'immanii fi dubartoota irratti hojjatan irraa hospitaalotaa fi dhaabbileen biroo hedduu irrasa beekamtii fi waraqaa ragaa argatteerti.

Kuni ammoo caalatti akka ishee honnschiisuu fi itti gafatamummaa dabalataa fudhachuun irratti hojjattu akka ishee taasise dubbate.

Kanaafi bara jaalatamummaa miidiyaa hawaasaa kana irratti argattee kana fayyadamtee hojii tola ooltummaa kanneen biroo karoorfachuu ishee erti.

Maaltu irraa baratama?

Meelat daa'imman waliin

Madda suuraa, Melat Nugusee

Kaayyoon ishee dargaggootni akkataa dandeetti isaanin malee firaa fi maallaqaan hojii tokko keessa galuun dhaabachuu akka qabu ijjannoo cimaa qabdi.

Hojii nama qacaruuf, kaan karaa ejansii kan karaa dallaalaa kaan karaa adda addaa adeemsa namatti dheeressuu fi maallaqa nyaachuun dargaggotni hojjachuu danda'an baayyeen carraa dahabanii abdii muratanii mana keessa taa'aa jiru kan jettu Meelaat, kana hunda hambisuuf ofiishee bilisaan miidiyaa hawaasan walitti fiddi.

''Ani nama tokko ta'ee namootni kuma afur akka carraa argatan godheera, utuu heddu taanee hoo, utuu xiyyeeffannoon irratti hojjatamee hoo...hedduuf furmata ta'uu dandeenya'' jechuun ibsiti.

Keessumaa dargaggotni heddun wayita baadiyyaarra dhufanii Finfinnee fira bira taa'an heddu na gaddisiisu.''Akka isaan itti jiraatan nan hubadha, namootni waggaa 4, waggaa 5 Yuniversitii keessatti rakkatanii baratanii hojii dhabanii rakkoof saaxilamuu hin qaban.

Hojjatanii maati isaanii akka hin taanetti asiin ga'an harka qabuu qabu. Inni kun akka ta'uuf an of kenneen hojjadha. ''Daandii qulquleessuufiin barbaada.''

Namni firaa fi malaanmaltummaan qacarama utuu hin taane ga'umsan ta'uu akka qabu hunduu irratti hojjachuu qaba. Yoo dhiibbaa uumuu dandeenyemmoo waanti hin jijjiramne hin jiru jetti.

Kana boodas dargaggoota yaada hojii uumuu fi kalqaa qaban gara miidiyaa hawaasatti fiddee namootaa fi dhabbilee deeggaruuf akkasumallee waliin hojjachuu barbaadan waliin wal qunnamsiisuu itti fufeettee hojjachuu akka barbaaddu dubbatteerti.

Meelaat fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiifis ergaa qabdi. ''Namni kamuu miidiyaa hawaasa filatee fayyadamuu qaba. Erga saatii keenya irratti dabarsuun hin hafne, erga maallaqa keenya itti baasuun hin hafnee ammoo waan boru itti boonnu haa hojjannuun jedha.''

Waanti hundi akkuma itti fayyadam keenyati kan jettu Meelat yoo waan badaaf ittiu fayyadamne waan baay'ee balllesinaa yoo waan gaariif itti fayyadamnes akkasuma nama hedduuf daandii taana jetti.

''Jiraachuun keenyammoo gatii guddaa kan horatu yoo namoota kaanif illee daandii ta'uu dandeenyedha.''

Kanaaf namootni miidiyaa hawaasaa kaayyoo gaariif yoo fayyadaman riqicha ta'uun rakkoo heddu furuun akka dand'amu muuxannoo isheerraa ka'uun dhaamti.