Tarkiin diroonota Itoophiyaaf dhiyeessaa jirti jedhamuun ‘dhara’ jette

Madda suuraa, Anadolu Agency
Tarkiin xiyyaarota nama maleeyyii (diroonii) kaayyoo tajaajila raayyaa Itoophiyaaf dhiyeessaa jirti jedhamuun ‘’dhara’’ jedhe Itoophiyaatti Imbaasiin Tarkii.
Tibbana gabaasaaleen, duula waranaa mootummaan Itoophiyaa humnootii Tigraay irratti gaggeessu irratti tajaajila irra kan olan dirooniwwan Tarkiitti hojjataman gara biyya keessaa galcheetti jedhan miidiyaalee hawaasaarratti qoodamuu hordofeeti Imbaasichi deebii kenne.
Imbasasichi toora Tiwitara isaarratti akka barreesseetti, ''odeeffannoon miidiyaalee hawaasaarratti Tarkiin mootummaa Itoophiyaaf diroonota dhiyeessaa jirti jedhuun tamsa’e dhara’’ jedhe.
Waranaa naannoo Tigraayitti kanaan dura gaggeeffameen humni waraana itoophiyaa dirooniiwwaniitti fayyadamuun ergamawwan adda addaa raawwachaa turuunsaa kanaan dura ibsamunsaa ni yaadatam.
Tarkiin Itoophiyaa wajjin hariiroo dinagdee bal’aa kan qabdu yoo taatu, hariiroonni gama waraanaatiin qaban garuu hedduu hin beekamu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Gama biraatiin ammoo, ganna shan dura Tarkiitti folqolcha mootummaa yaalamee fashalaa’e yaadachuuf Itoophiyaatti Ambaasaddarri Tarkii dhaabbiileefi qaamole ergama dippiloomaasii Itoophiyaa keessa jiran wajjin Kamisa mari'achuusaanii tajaajilli oduu Anaadoolu jedhamu gabaaseera.
Itoophiyaatti Ambaasaddarri Tarkii Yaapiraak Alap, sirna kanarratti Itoophiyaafi Tarkiin hariiroosaanii cimsaa jiraachuu kaasan.
‘’Hariiroon gama siyaasatiin qabnu gaariidha, gama dinagdeetiin cimuu qaba, kanarrattis hojjataa jirra. Biyyoonni lachuu michuudha, michummaan keenya itti fufa’’ jechuu isaanii maddi oduu kun gabaasera.
Ambaasaddarittin akka jedhanitti, dhaabbanni Tarkiin shororkeessaadha jettuun Fitulaa Gulan yaaaddoo nageenyaa akka hin uumneef biyyoonni lamaa waliin hojjachaa jiru jedhan.
‘’Dhaabbanni shororkeessaa Fitulaah Gulan laafus, Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo keessa socha’aa jira’’ jedhan Ambaasaaddari Tarkii tun.
Tarkiin biyyoota hojiiwwan inveestimeentii huccuufi shiboo elektiriikii oomishuu dabalatee dhaabbilee doolara biliyoona 2.5 oliin Itoophiyaatti hojjataa jiran qabachuu maddi oduu Anaadoluun gabaasera.















