Waraana Yaman: Haleellaan diroonii xyyaara mootummaa irratti raawwatame loltoota 30 ajjese

Haleellaa diroonii xiyyaara guddaa [ayirbaasi] al-anaad konyaa Lahij keessa Hagayya 29, 2021 gaggeeffameen booda

Madda suuraa, AFP

Haleellaa dirooniin xiyyaara guddaa [ayirbaas] irratti kibba Yamanitti raawwatameen yoo xiqqaate loltoonni mootummaa ajjeefamuu maddeen nageenyaafi hospitaalaa himan.

Dubbi himaan humnoota Yaman kibbaa akka jedhanitti xiyyaarri gudaan al-Anaad diroonii meeshaa waraanaa hidhatteefi misaa'elaan irratti xiyyeeffatamee ture.

Qondaalli kun sochii finciltoota Huutiis Iraan waliin ta'uudhaan mootummaa Sa'uudiitiin deeggaramu waraanan himata.

Warri Huutis ammoo hanga ammaatti haleellaa kana irratti yaani kennan hin jiru, garuu xiyyaaruma guddaa kana kanaan dura haleelanii turan.

Yaman waraana bara 2005 irraa kaasee hammaateen hedduu kan barbadoofte yoo ta'u, waraanni kun kan hammaate ammoo yeroo warri Huutiis kutaa biyyattii gara caalu to'ataniifi gareen Sa'uudiin durfamu bulchiinsa Pirezidant Abdirabbuuh Mansuur Hadii deebisuuf waraana bananittidha.

Sababa waraana Yaman kanaan namoonni 130,000 ol ta'an akka du'an gabaafameera.

Akka UN jedhutti sababa waraana kanaatiin gidiraan namoomaa hunda caalaa hamaadha jedhame qaqqabuun namoonni miliyoona 12 gargaarsa midhaan nyaataa eeggachuuf dirqamaniiru.

Namoota gargaarsaaf saaxilaman kanneen keessaa ammoo walakkaa kan ta'an daa'imman umuriin isaani waggaa shanii gadi ta'an hanqina nyaataan hubamanidha.

Loltuun wanta Dilbata al-Anaad keessatti ta'e ijaan arge tokko akka dubbatutti cireen booda inniifi jaalleewwan isaa yeroo dirooniin isaanirra osoo marsituu arganitti kutaa xiyyaarichaa gara kutaa dahoo qabuutti baqatan.

"Itti dhukaasnee kuffisuuf yaallee turre, garuu rukkutuu hin andeenye," jechuun mada ouu AFPtti hima namni kun.

"Dirooniin kun mataa [xiyyaarichaa] irra balali'uun gara qixa kutaa dahoo qabuutti siquun misaa'eliiwwan lama dhukaaste."

Loltuun biraa haleellaa kanaan madaa'e, Naasir Sa'id Assooshiyeetid Pireesitti akka himetti, xiyyaarri kun yeroo misaa'eliiwwan diroonii meeshaa hidhatte kanaan haleelamutti loltoota 50 qabatee ture.

Dirooniiwwan hidhatanii marsaa turan lama kan turan yoo ta'an tokko rukkutamtee kufteetti jedhe Naasir.

Dubbi himaan humnoota kibbaa Mohammad al-Naqeeb loltoonni 30 ajjeefamanii 60 kan ta'am ammoo mada'aniiru jedha.

Warra madaa'an keessaa ammoo garri caalaan isaanii sadarkaa yaaddessaarratti argamu akka dubbi himaan kun jedhutti taanaan.

Gareen hojii baraaruu bakka haleellaan kun itti qaqqabe yeroo barbaadaa jiran kanatti lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'an hima.

Pirezident Hadii namoota ajjeefamaniif gadda isaanii ibsanii maatiiwwan isaaniifis jajjabina hawwaniiru. Warri Huutiis yakka namoota Yaman irratti hojjetan hundaaf gatii guddaa baasuuf jiru jedhan Pireziantichi.

Amajji 2019 keessa loltoonni ja'a haleellaa xiyyaara aanga'oonni ol-aanoo wayita agarsiisa loltummaa daawwataa jiranitti diroonii Huutiistiin raawwatmeen ajjeefamanii tuan.

Map