Daawwannaafi mariin MM Abiy Ahimad hogganoota Baha Afrikaa waliin taasisan maal akeeka?

MM Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa Pirezidantii Ruwaandaa Pool Kaagaame waliin mari'ataniiru

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa Pirezidantii Ruwaandaa Pool Kaagaame waliin mari'ataniiru

Xumura torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad biyyoota Yugaandaafi Ruwaandaa erga daawwatanii booda har’a biyyatti deebi’u Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaa himeera.

Bulchaan Itoophiyaa hogganoota biyyoota kanaa waliin marii waloofi naannawa Baha Afrikaa ilaallatan irratti mari’achuu Ministirri Muummee Abiy himaniiru.

Haa ta’u malee, gadi fageenyaan dhimmoonni irratti dubbatan hin ibsamne.

Itoophiyaan sababa waraanni Kaaba biyyattiitti jiruf ijoo dubbii addunyaa erga taate ooltee bubbulteetti. Sababa kanaanis, waraanni mariin akka hiikamu keessumaa biyyoota Lixaa irraa dhiibbaan itti cimeera.

Kanaaf daawwannaan MM Abiy dhiibbaa biyyoota kanaa ofirraa ittisuu kan xiyyeeffate ta'u mala jechuun xiinxalaan BBC'n dubbise himaniiru.

Bulchaan Itoophiyaa torban muraasa darban gara biyyoota garaa garaa daawwannaa taasisuun alatti hogganoota biyyoota garagaraa waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Daawwannaafi mariin MM Abiy kuni mariiwwan baatiiwwan darban taasifamanirraa adda ta’eefi naannawa Itoophiyaan itti jirutti aangawoota biyyoota gahee olaanaa qaban waliin taasifamedha.

Yugaandaa fi Ruwaandaa

MM Abiy daawwannaa gaafa Dilbataa ganama gara Yugaandaa taasisaniin Inteebeetti Pirezidantii biyyattii Yowerii Musevenii argatanii mari’ataniiru.

Yeroo Kaampaalaa gahanitti simannaan ho’aa akka isaaniif taasifame kan himan MM Abiy, Pirezidant Yuwerii waliin ‘’dhimmoota waloofi naannawichaa mari’achuu’’ tiwiitara isaanii irratti ibsaniiru.

Pirezidant Museveniin gama isaaniin MM Abiy waliin dhimma biyyoota lamaa, naannawichaafi dhimma idil – addunyaa mari’achuufi kunis milkaa’aa ta’u tiwiitara isaanii irratti ibsaniiru.

MM Abiy Yugaandaatti aanuun gara Ruwaandaa Kigaalii imaliin Pirezidantii biyyattii Pool Kaagaamee waliin mari’ataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

MM Abiy Pirezidant Pool Kaagaame waliin ‘’dhimmoota waloo faayidaa qabaniifi dhimmoota naannawichaa irratti marii gaarii goonerra’’ jedhaniiru.

Haala walfakkaatuun waajjirri Pirezidantii Pol Kaagaamees hogganoonni lamaan dhimmoota biyyoota lamaan ilaallatuufi dhimmoota idil-addunyaarratti mari’achuu ibseera.

Sudaan Kibbaa

MM Abiy Ahimad gara Ruwaandaafi Yugaandaatti osoo hin imaliin dura gaafa Kamisaa Pirezidantii Sudaan Kibbaa Salvaakir Mayaardit waliin Finfinneetti mari’ataniiru.

Bulchitoonni Itoophiyaafi Sudaan Finfinneetti mari'ataniiru

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchitoonni Itoophiyaafi Sudaan Finfinneetti mari'ataniiru

‘’Gama ijaarsa bu’uraalee misoomaan walitti hidhiinsa diinagdee uumuufi barbaachisummaa isaa irratti’’ mari’achuu isaanii MM Abiy himaniiru.

‘’Michoonni haala irratti hundaa’anii hin jijjiiramneefi michumaan isaanii hin jijjiiramne kanneen akka Sudaan Kibbaa yeroo murtessaatti barbaachisoodha,’’ jechuun isaan ibsaniiru MM Abiy.

Israa’el

Gaafa Wiixataa ALI Hagayya 17, 2013 immoo Ministira Muummee Israa’el haaraa waliin bilbilaan mari’achuu isaanii beeksisanii turan.

Mariin Naafti Beneet waliin taasifame walta’uumsa biyyoota lamaa cimsuu irratti xiyyeeffate ta'u ibsani.

Sa’udii Arabiyaa

Dabalataan MM Abiy gara biyyoota Baha Afrikaatti adeemuun dura ilma mootii Sa’uudi Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan waliin mari’achuun isaanii gabaafameera.

Marii gaafa Jimaataa bilbilaan mari’ataniin Bin Salmaan filannoo irra aanuu isaaniin baga gammaddan jechuufi ummata biyyattiif badhaadhina akka hawwan dubbatuu isaanii Al-Awsat gabaaseera.

Itoophiyaan lammiilee 40,000 ol biyya Sa’udii Arabiyaa keessaa biyyatti deebisaa akka jirtu ni beekama. Ta’us, hogganoonni lamaan dhimma kana irratti mari’atuun isaani hin beekamu.

Turkii

Torban tokko durammoo MM Abiy gara Turkii imaluun Pirezidantii biyyattii Rasiph Taayip Erdogaan waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf hariiroon isaan qaban kan diinagdee ta’us imala MM Abiy tibbanaan waliigaltee waraanaafi kaan walii mallatteessaniiru.

Daawwannaan kuni maal akeeka?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad akkasumas hogganooti Bahaa Afrikaa bulchaa Itoophiyaa waliin mari'atan ''dhimma waloofi naannichaa'' iratti akka mari'atan ibsaniiru.

Ta'us, gadi fageenyaan mariin kuni waa'ee maalii akka ta'e hin ibsamne.

Gorsaa Ijaarsa Nagaa, Dimokraasiifi Heeraa kan ta'eefi biyya Nezerlaandis kan jiraatan Dr Adam Kaase deeggarsa argachuuf ta'u akka malu himu.

''Itoophiyaa hanga ammaatti hawwaasa biyyoota lixaa irraa dhiibbaan ishee mudataa ture. Afrikaa keessaa deeggarsa argachuufi haalicha sirriitti ibsuuf taha.

''Mariin kan hiikamu yoo tahe karaa Afrikaanotaa akka tahuuf durfamu akka tahuuf natti fakkaata. Biyyootni alaa galuun isaanii waan hafu miti.

Kanaaf Afrikaanotaan furmaata akka argatuuf deeggarsa argachuuf jedheen yaada,'' jedhan.

Humnoonni finciltoota naannoo Tigraay mootummaa Federaalaa walin wal waraanaa jiran Gamtaan Afrikaa (AU) ni looga jechuun himataniiru.

Komiin gareen hidhate kun AU irratti dhiyeesse kan dhaga'ame erga Gamtichi pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluuseeguun Obaasaanjoo ergamaa Gaanfa Afrikaa gochuun dhiyeesseen boodadha.