Waraana Tigraay: Humnoonni Tigraay Gamtaa Afrikaa loogiidhaan himatan

Gamoo Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Humnoonni finciltoota naannoo Tigraay mootummaa Federaalaa walin wal waraanaa jiran Gamtaan Afrikaa (AU) ni looga jechuun himatan.

Komiin gareen hidhate kun AU irratti dhiyeesse kan dhaga'ame erga Gamtichi pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluuseeguun Obaasaanjoo ergamaa Gaanfa Afrikaa gochuun dhiyeesseen boodadha.

Kamisa darbe AUn, Gaanfa Afrikaatti qaama, "sochii nagaa, tasgabbiifi marii siyaasaa jajjabeessuuti" jechuun Obaasaanjoo muuduu beeksisee ture.

Dubbi himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, AUn gama mootummaa Itoophiyaa goruun walitti bu'insa ji'oota kudhaniif ture jiraachuu isaallee yeroo inni itti beekamtii kenneef baayyee xiqqaadha jedhe.

TPLF muudamuu jaarsa araaraa hin mormu kan jedhu Obbo Getaachoon, ergamni ammaa kun garuu ni hojjeta jedhanii yaaduun gowwummaadha jechuun dubbata.

"Rakkoo tokko furuuf rakkoon sun ammam akka gahu hubachuun yoo hafellee, yoo xiqqaate jiraachuu rakkoo sanaatiif beekamtii kennuu gaafata," jechuun dubbi himaan TPLF Obbo Getaachoon fuula Tiwiitara isaarratti barreesseera.

Odeessaaleen biroo kana waliin walqabatan:

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo Kamisa darbe marii dhimma waraana kaaba Itoophiyaatti deemaa jiru irratti Manni Maree Gamtichaa Kamisa gaggeesserratti, Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee biroo waliin ta'uun mariin hunda hammate akka gaggeeffamu deeggarsa akka kennu himee ture.

Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa TPLF kan garee shororkeessummaatti farraje waliin taa'ee hin mariyadhu jechuun irra deddeebiyee ibsaa tureera.

Ji'uma waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabametti gareen hogganoota duraanii biyyoota Afrikaa sadii of keessaa qabu, lolli Tigraay mariin furmaata akka argatu jaarsummaaf Finfinnee galanii osoo hin milkaa'iin hafuun isaas ni yaadatama.

Dhuma Sadaasa 2020 MM Abiy Ahimad misensota garee araaraa kan turan Pireezidantoota duraanii kan Laayibeeriyaa Eelan Joonsan Sarleef, kan Mozaambiik Yo'aakiim Chisaanoofi kan Afrikaa Kibbaa Kigaaleemaa Mootilaantee waliin wal arganii kan mariyatan yoo ta'u, osoo hin turiin 'tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu marsaa xumuraa' akka eegalamu ajaja dabarsan.

Hogganoonni kunneen bakka buutota TPLF kan mootummaan Itoophiyaa shororkeessummaan farraje arguu akka hin dandeenyellee itti himamee ture.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan dura keewwata chaartarii UN eeruun mootummaan Federaalaa Itoophiyaa dirqama olaantummaa seeraa kabachiisuutti jira jechuun giddu seentummaa qaama alaa kamiyyuu akka hin fudhanne beeksisaa tureera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuudhaaf mariin akka gaggeeffamuufi furmaanni karaa nagaa akka barbaaamuuf qaamoleen gara garaa waamicha dhiyeessaa jiru.

Waraanni naannoo Tigraay kun dhuma baatii Waxabajjii asitti gara naannolee hollaa Amaaraafi Affaaritti babal'ateera.

Waraanni amma ji'oota kudhan lakkoofsise kun lubbuu kumaatama galaafatee, miliyoonota ammoo qe'ee isaaniirraa buqqiseera.

Naannicha keessatti namoonni 400,000 ol ta'an balaa beelaaf akka saaxilamanii jiran dhaabbileen idil-addunyaa ibsaa turaniiru.