Itoophiyaa daandii qaxxaamuraa irratti: Garamitti deemuu dandeessi?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabee gara naannolee ollaatti babal'ate namoota kumaatamaan lakkaa'aman akka du'aniifi miliyootaan kan lakkaa'aman ammoo baqachuuf dirqamaniiru.
Namoonni siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofanis, biyyattiin daandii qaxxaamuraarra jirti ykn daandii hamaa ta'e qabatteetti jechuun yoo dubbatan ni dhaga'amu.
Itoophiyaan hadhaba keessa seente kana keessaa karaan ittiin baatu maali? BBCn beektota dubbiseera.
Waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabe kun Itoophiyaarraan rakkoo hamaa geessisuun sadarkaa biyyattii jiraachuufi jiraachuu dhabuurraan ga'eera jedhu xinxaltoonni.
Kaan ammoo rakkoon kun sirnaan qabamee falli sirriin yoo argame qormaanni Itoophiyaa mudate kun yeroo dhumaatiif furuudhaaf carraa gaarii uuma jechuun falmu.
Waldhabdeen mootummaa Federaalaafi Humna Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti waggoota sadiif ture hammaachaa dhufee sadarkaa deebiyuu hin dandeenyerra gaheera.
Filannoo biyaaeessaa 6ffaa sababii Covid'n dheereeffameen walqabatee, naannoon Tigraay qofaatti filannoo gaggeesse. Kana hordofee ammoo mootummaa giddu-galeessaa waliin hariiroon qabaataa ture adda cite mootummaan naannichaa gara wal gaarreeffannaatti galee ture.
Waggoota 27'f siyaasa Itoophiyaa ol-aantummaan gaggeessaa kan ture TPLF, biyyattii keessatti sochiin jijjiiramaa erga jalqabameen booda giddu-galeessarraa fagaachuun alatti, tarkaanfiiwwan fudhachaa ture qofuma kan murtaa'an akka turan xiinxalaan siyaasa Gaanfa Afrikaa Landan jiraatu, Obbo Abdurahimaan Sa'id ni dubbata.
"Waggoota sadan darban keessa tarkaanfiiwwan TPLF fudhachaa tureefi amaloonni agarsiisaa ture kan naannoon bulchiinsa Federaalaa Itoophiyaa keessa jiru osoo hin taane gochaawwan mootummaa walabaa ture," jedha.
Kanaaf ammoo namoota seeraan barbaadaman dabarsee kennuu diduu, sochiiwwan humna ittisa biyyaa daangessuufi addatti filannoo gurmeessuun gaggeeffachuun akka fakkeenyaatti kaasu.
"Kunneeniifi halawwan biroon dhimmi yeroo ta'ee malee gara waraana mancaatii ammaa kanatti akka galamu qophiiwwan taasifamaa turan kan agarsiisaa turan," jechuun haala ture irraan waraanni ammaa waan kan hin oolle akka ta'e hubachuu ibsa Obbo Abdurahimaan.
Waldhabdeewwan mootummaa Federaalaafi TPLF gidduu turan ifatti bahuun mul'achuu kan jalqabe, ADWUI kan TPLF ol-aantummaan gaggeessaa ture baqee Paartiin Badhaadhinaa erga hundeeffameen booda ture.
Mootummaan Federaalaa finciltummaa TPLF sirreessuuf carraa tibba jijjiiramaa gara jalqabaa sana turetti hin fayyadamne jedha Yunvarsiitii Baahir Daaritti barsiisaafi qorataan Saayinsii Siyaasaa Wuhiibahigizaabiheer Farradaa (PHD).
"Mootummaan deeggarsa uummataa tibba jalqaba jijjiiramaatti tureetti fayyadamuun tarkaanfiiwwan gara garaa fuhachuun rakkoon kun sadarkaa amma irra ga'e kanarra akka hin geenye gochuuf carraa qaba ture," jedha.
Babal'achuu waraanaa
Waraanni Sadaasa 04, 2020 guyyaa humnoonni Tigraay raayyaa ittisa biyyaaleessaa kan Tigraay keessa buufatee turerratti haleellaa raawwateen booda kan jalqabame kun, mootummaa Federaalaa torban sadii keessatti magaalaan gudoo naannichaa, Maqaleen to'achu ni yaadatama.
Haata'u malee, haleellaawwan riphee fi waraanni magalaawwan naannichatti fageenyarratti argaman keessatti baatiiwwaniif gaggeefamuu hordofee miidhaawwan namoomaafi qabeenyaa guddaan qaqabeera.
Waraanichi wayita dheerataa fi bifa jijjiirrataa dhufeetti ammoo dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoota gara garaas bifa adda addaatiif mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaan godhuu yaalameera.
Keessumaa dhimmichi Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaa irratti irra deddeebiin ka'uunsaa dubbii ijoo akka ta'u taasiseera.
Kanamu jidduuttis, dhuma baatii Waxabajjiitti mootummaan Federaalaa qonnaan-bultoonni Tigraay waqtii Gannaa keessa nagaa argatanii hojii qonnaasaanii akka gaggeeffataniif sababa jedhuun dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee raayyaa isaa baasulleen waraanichi itti fufeera.
Waraanni ji'oota saddeetiif Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture isaan booda naannolee Affaariifi Amaaraatti babal'achuun humnootiin TPLF eddoowwan garaa garaa to'achu eegalan.
Kana hordofees naannolee Amaaraa fi Affaar humnootii addaa fi ummanni finciltoota kana akka ittisaniif waamichi taasisan.
Akkasumas waammicha MM Itoophiya Abiya Ahimad taasisaniin naannoleen biyyattii biroos humnootiin addaa isaanii gara waraanaatti ergun ni yaadatama.
Dhiyeenya kana BBC waliin turtii kan taasisan ittaanaan pirezidentii naannoo Amaaraafi dubbi himaan TPLF qabsoo isaanii akka itti fufan himan.
Dubbi himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa, "marsanii itti cufuun Tigraay irra kaa'ame hanga ka'utti qabsoo keenya itti fufna," yoo jedhu, Ittaanaan pirezedaantii bulchiinsa naannoo Amaaraa Fantaa Maandafiroo (PHD) ammoo, "waraana ummata keenya irratti labsame irraa ittisuu itti fufna," jedhe.
Haalli kunis waraanni Tigraay keessaa bahee ammaan kana naannolee ollaatti babal'ate kun yeroo gabaabaa keessatti kan dhaabbatu hin fakkeessu.
Dhiibbaa keessaa fi alaa
Waraanni Tigraayiitti jalqabame ture gara naannoolee ollaatti babal'achuun, sochiin finciltoota gama Lixaa biyyattii jiruu, walitti bu'insawwan hawaasaa bakkeewwan adda addaatti mudatuu, rakkoo waggootaaf walirra tuulamaa dhufuun akka daran hammaatu taasiseera.
Biyyoonni addunyaa gama Lixaa haalaawwan yaaddeessoo sababii waraanichaatiin uumaman bu'uura godhachuun mootummaa biyyattiirraan dhiibbaan taasisan, akkasumas waraana Tigraayiitti jalqabame hordofee loltoonni Sudaan bakkeewwan daangaa falmisiisoo ta'an to'achuun qormaatan biyyattii biroo ta'ee tureera.
Gama biraan ammoo atakaaroo dhimmi Hidhaa Haaromsa Laga Abbbayyaa waggoota kurnan darbaniif Masiriifi Sudaan waliin irratti osoo wal hingaliin turee dhimma mootummaa Itoophiyaa mudate kan biraati.
Dhiibbaan keessaanis ta'e alaarraa wayita waraannii eegaleetti dhufe kun kan eegamuudha jedhu xiinxaltoonni siyaasaa Wuhibahigzaabeer (PHD) fi Obbo Abdurahimaan.
Rakkoowwan biyyattii mudatan carraa qaamoleen hundi faayidaa mataa isaanif itti oolfachuu danda'an bal'aa akka ta'e akeeku.
Daandii qaxxaamuraarra?
Waraanichi babal'achuu, walitti bu'iinsi sabaa waggootaaf ho'aafi qabbanaa'aa ture, akkasumas sochiiwwan riphe loltootaa eegeeree biyyattii balaa irra buusuu danda'a kanneen jedhanii yaaddoo gudaa qaban xinnaa miti.
Innumaattii Yugoozilaaviyaa akka fakkeenyaatti kaasuun, rakkinichi dafee fala argatee biyyattiin gara tasgabbiitti deebitu yoo baattee biyyattiin diigamuun, Itoophiyaarra darbee naanawaa Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoon dhalachuu akka danda'u akeekkachiisu.
Itoophiyaatti ambaasaaddara duraanii Ameerikaafi ministeera dhimmi alaa keessatti aanga'aa olaanaa kan ture Tiboor Naazhii garuu Itoophiyaa fi Yugoozilaaiyaan seenaa gara garaa waan qabaniif wanti jedhame hin uumamu jedhe.
Naazhiin fuula tiwiitara isaaniirratti akka barreessetti, namoonni Itoophiyaan bittinaa'uu dandeessi jedhan dogongoruu ibsuun, kanaaf ammoo seenaa biyyoota lamaanii eeru.
"Yugoozilaaviyaan warra Waraana Addunyaa Lamaffaa mo'ateen biyya uumamte yoo taatu, Itoophiyaan ammoo seena waggoota kuma lamaa ol lakkoofsisee qabduufi rakkoowwan hedduu keessa dabarsitedha," jedheera.
Xiinxalaa siyaasa Gaanfa Afrikaa Obbo Abdurahimaan rakkoon yeroo ammaa Itoophiyaa mudate biyyattiin akka daandii qaxxaamuraarra taatu ishee godheera jedha. Amma wanti godhamuu qabu tarkaanfiiwwan biyyattii gara diigumsaatti akka deemtu taasisan fudhachuu dhiisuudha jechuun gorsa.
"Kanaaf ammoo tarkaanfiiwwan jijjiiramaa ummata harkaa caalan akka waliif galan taasisan fudhachuu barbaachisa," jechuun barbaachisaa taanaan bulchiinsa Federaalaa jabeessuun Heera mootummaa foyyeessuunis ni danda'ama jedhu.
Jiraachuufi jiraachuu dhabuu Itoophiyaa balaaf kan saaxilan wantonni daandii qaxxaamuraarra akka taatu ishee godhan jiraachuu kan dubbatu barsiisaan saayinsii Siyaasaa Wuhiibahigzaabeer (PHD), haalli amma jiru kun karaa qaxxaamuraarra jiraachuurrayyu kan taredha jedha.
"Biyyattiin aandii qaxxaamuraarra jirti jedhamuun yeroo dheeraaf tureera; amma garuu Itoophiyaan daandii qaxxaamuraarra dabartee rakkoo hamaa keessa seentee jirti," jechuun gam agama isaa kaa'a.
Imalla balaa amma jiru kun carraawwan amma uumamaniiru jedhaman fayyadamuun deebisuu kan hin anda'amne taanaan biyyi diigamuu ykn kufaatiin uumamuu danda'a jechuun yaadduu qabu ibsa Wuhiibahigzaabeer (PHD).
Biyyattii keessa gaaffileefi fedhiiwwan hedduu baroota dheeraaf turan jiraatanis, hawaasniifi naannoleen garri caalan Itoophiyaan akka diigamtu kan barbaadan hin jiran jechuun kan amanu Obbo Abdurahimaan Sa'id, "rakkoolee jiraniif furmaata barbaaduun biyyattiin cimtee akka itti fuftu taasisuuf carraan itti dana'amu jira," jedha.
Haalli rakkisaa ta'e biyyattii qunnamuu kan dubbatu Wuhiibahigzaabeer (PHD), rakkoo amma uumame kan hordofees garuu uummaticha keessatti "biyyattii olchuudhaaf waliin dhaabbachuuf sochiiwwan ummataa uumamuun ni mul'ata. Kunis sirnaan yoo qabamefi gaggeeffamee biyyattii rakkoo keessa galte keessaa baasuudhaaf boqonnaa haaraa jalqabsiisuuf ni dana'ama," jechuun akka amanan ibsa.
Motummaa haaraan filannoo biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffameen wayita hundeeffamutti, hunda kan hirmaachise akka ta'uufi gaaffiiwwan hawaasa gara garaa keessa jiraniif deebii kennuun, miira biyyaalessaa amma uumame cimsuun rakkoo amma bittattii mudate jijjiruun akka danda'amu eera.
"Kanaaf ammoo qaamoleen jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyattii keessatti gahee gumaachuu danda'an waliin ta'uun Itoophiyaan garamittii fi akkamiin kan jedhamurratti waliigaltee uumuun, yaadaafi mul'ata walootiin ummaticha sosochoosuun barbaachisaadha," jechuun ibsu Wuhiibahigzaabeer Farradaa (PHD).















