'Uummata keenya eeguuf mirgas, dirqamas qabna' - Geediyoon Ximootiyoos (PhD) BBC HardTalk irratti

Madda suuraa, EBC
Gareen TPLF buufata raayyaa ittisa biyyaa kaaba Itoophiyaa jiru haleeluu hordofee Sadaasa 2020 mootummaan Itoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jechuun waraana isaa gara naannoo Tigraayitti bobbaase.
Ji'oota saddeetiif naannicha to'atee erga tureen booda garuu dhuma ji'a Waxabajjii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun naannicha gadhiisee bahe.
Haata'u malee, warraanni kun dhaabbachuu dhiisee yeroo ammaa gara naannoolee ollaa, Amaaraafi Affaar keessatti babal'ateera. Kana malees, deeggarsa mootummaa Federaalaatiif loltoota Ertiraa hirmaachiseera.
Kumaatamni sababii waraana kanaatiin kan ajjeeffaman yoo ta'u, ragaaleen gama lamaaniinuu ajjeechaawwan sukkanneessoo ta'an raawwatamuu agarsiisan jiru. Akkasumas, kumaatamni balaa beelaatiif akka saaxilaman taasifamaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa waggoota muraasaan dura addunyaan leellifamaa ture amma akkaataa walitti bu'iinsa keessoo isaa kana ittiin qabaa jiruun haalaan balaalleeffatamaa jira.
Maaltu dogongoree? Kanaafi kan biroo ilaalchisuun dhiyeessaan sagantaa BBC Hard Talk Isteefan Saakar,Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaa Itoophiyaa, Dr Gediyoon Ximootiyoos waliin gaaffiifi deebiin taasisan kunooti.

BBC: Baatiiwwan sagaliin dura wayita natti dubbattee turteetti mootummaan federaalaa humnootii TPLF akka rukutu amantaa guutuun natti dhubbattee turte. Amma tarsimoon mootummaa sirrii hinturre jechuu dandeessaa?
Geediyoon Ximootiyoos: Mr Saakar akkuman kana dura siin jedhe, Maqalee to'achuu dandeenyeerra. Torbanoota sadii jidduutti oppireeshiinii marsaa duraa haalaan xumuruu dandeenyeera. Bulchiinsa yeroo hundeessineerra. Tigraay deebiifnee ijaaruurratti invasti gooneerra.
Yaadatamuu kan qabu ammoo waraana nuti barbaadnee itti gallee osoo hintaane, kan dirqamnee itti seenneedha. Haala isaa akkasiin kan ilaallu.
BBC: Gaaffii kiyya naaf hindeebiifne. Eeyyeen humnootiin keessan Maqalee to'ataniiru. Ergasii asi ammoo humnootiin keessan Waxabajjii keessa naannichaa bahan. Isaan booda humnootiin TPLF ammoo naannicha deebiisanii qabachuun ala naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessa galuun eddoowwan hedduu qabataniiru. Maaltu sirriin deemaa hinjirre?
Geediyoon Ximootiyoos: Wayita nuti Maqalee to'achuun Tigraay keessa turreetti, dhimmoonni akka karaa deeggarsa namoomaa, haala namoomaa ilaalchusuun waliitti fufiinsaan ka'aa turan. Nutis haala namoomaa naannicha keessaa foyyeessuu barbaadne akkasumas TPLF dambaliin namoota nagaa fi loltoota daa'imannii gara waraanaa keenyatti ergamaa turanitiin yaaddoofne ture.
Haalawwan kanneen keessatti egaa miidhaa namootarra gahu hir'isuufi dhaabuuf jecha tarkaanfii itti gaafatamummaa qabu fudhachuun labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsinee kan loltoota keenya Maqalee keessaa baafne.
Haata'u malee TPLF waraana itti cimsuun naannoollee Amaaraa fi Affaar keessatti babal'isuun namoota nagaa irratti ajjeechaa sukkaneessaa raawwataa jira.
BBC: Waa'ee haala namoomaa naannicha keessaa yaadda'u himte. Garuu wantin hubachuu dadhabe yoo akkas yaaddooftu ta'e maaliif atiifi motummaan kee hanga har'aatti uggura naannichaarra keessan itti fufuun, tajaajilawwan akka kominikeeshinii, ibsaa, baankii fi tajaajilawwan faayinaansii kan UN fi dhaabbileen deeggarsaa kaanilleen namoota miiliyoota hedduun miidhuusaa hima, adda kutuun naannoo Tigraayitti uggurtan?
Geediyoon Ximootiyoos: Wayita labsii dhukaasa dhaabuu namoomaa labsinetti deeggarsi namoomaa karaa Affaariin akka naannicha seenuuf karaa hundeessine.
Gareen shororkeessaa TPLF garuu waraaana gama sanatti babal'isuun naannicha naannoo waraanaatti geeddare.
BBC: Maaliif uggura dhaabuun hindanda'amne aanga'aan Abbaa Alangaa?
Geediyoon Ximootiyoos: Akkuman jedhe karaa Affaariin daandii deeggarsa namoomaa mijeessineerra. Gama tajaajila telekomunikeshiniifi ibsaa ilaallatuun, hojjattoonni dhaabbileen tajaajila kana kennan hedduun osoo tajaajila deebiisanii eegalchiisuuf hojjatanuu ajjeefamaniiru. Sababii gochaa TPLF kanaan dhaabbilee kunneen hojjattootasaanii gara Tigraayitti erguu hindandeenye.
Osoo TPLF labsii dhukaasa dhaabuu motummaan labse fudhatanii jiru ta'e amma haalli kan ammaatiin adda ta'a ture.
BBC: Dubbi himaa TPLF dhiheenya wayitan dubbisetti, hanga isin uggura naannicha irra keessan kaaftaniitti waraana qabsoo akka hindhaabne dubbata. Kanaaf ammoo mallattoon gama keessaniin mul'atu hinjiru.
Akkasumas mallattoowwan yaaddessoo biraas mul'ataa jiru. Motummaan dhaabbilee deeggarsaa idil-addunyaa kanneen Tigraay keessatti namoota kumaatama hedduun beela'aa jiraniif deeggarsa dhiyeessuuf yaalan akka qaama rakkootti ilaalaa jirtu.
Dhiheenya kanas aanga'aan mootummaa tokko haasaa taasisaniin dhaabbileen gargaarsaa akka waan gahee badii raawwataniitti himeera. Sana jechuun maal jechuudha?
Geediyoon Ximootiyoos: Yaadni sun kan ilaallatu dhaabbilee baayyee muraasa qofadha. Dhaabbileen deeggarsaa irra caalli deeggarsa dhiyeessaa jiru, nuti hojiisaanii waliin ta'un haala mijjeessaaf jirra. Isaan waliin rakkoo hinqabnu.
Akkuman dura jedhe, wayita labsii dhukaasa dhaabuu labsinu kaayyoon keenya deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee ummata Tigraay akka gahuuf ture. Kanaaf karaa Affaariin koridorii hundeessuu fi balaliinsi namoomaa Finfinneerraa gara Maqaleetti akka taasifamu kan hayyamne turre.
Haata'u malee gama TPLF lola itti fufuun haalli qabatamaan lafarra jiruu caalaa akka walxaxu taasise.
BBC: Kaabaa biyya keetii keessatti namoonni kumaatama dhibbaan lakkaa'aman balaa beelaatiif saaxilamaa jiru. Kanneen kumaatama dhibbaan lakkaa'aman ammoo buqqa'uun kaampii keessa jiraataa jiru. Garuu mootummaan kee dhaabbileen deeggarsaa kan akka MSF fi dhaabbata Kaawunsilii Baqattoota Noriweey fa'i akka naannicha keessa hinhojjanneef dhorkeera. Maaliif kana raawwattan?
Geediyoon Ximootiyoos: Wanti hubachuu qabdu tokko, dhaabbileen daangaa keenya keessa socha'uun deeggarsa namoomaa dhiyyeessan kamuu seeraafi dambiiwwan keenya kabajuu qabaatu.
Akkuman dura jedhettis dhaabbileen deeggarsaa hedduun gama kanaan rakkoo waan hinqabaanneef deeggarsa dhiyeessuu itti fufaniiru.
BBC: Dhaabbiileen deeggarsaa kunneen namoonni lubbuun akka jiraataniif gargaaraa osoo jiranuu isin ammoo akka hinhojjanneef dhaabsiiftan.
Geediyoon Ximootiyoos: Dubbiinsaa akkasii miti. Tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka labsiiwwan barbaachisoo ta'an hordofamu mirkaneessan jiru.
Akkuman dura jedhe dhaabbileen hedduun guutuu biyyattii keessatti socha'uun namoota barbaachisuuf deeggarsa dhiyeessaa jiru. Isaan waliin rakkoo hinqabnu. Nutis waliin hojjataafi waliitti dhufeenya gaarii qabaataa jirra.
Dhaabbilee ati maqaa dhoofte kanneen waliinis dubbataa kan jirru yoo ta'u, isaanis balleessaa isaanii sirreessuun dhiyeenyatti hayyamasaanii ni argatu jedheen yaada.
BBC: Ati Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaati. Wayi gabaasa Yunvarsitii Ghent kan Beeljiyeem keessaa tokko dubbiftee jirtaa laata? Gabaasichis maqaa namoota nagaa 2,562 kanneen waraana Tigraay keessatti ajjeeffaman, kanneen taateewwan 236 keessatti ajjeefaman qabateera. Yunvarsitichi gochaa baatiiwwan muraasa keessatti Tigraayiitti raawwatame kanaan duguuggaa sanyii jechuun waameera.
Gabaasa sana dubbiftee jirtaa? Waa'ee isaa hoo maal raawwatte?
Geediyoon Ximootiyoos: Himannaawwan akkasii hunda dhimminee ilaalla. Qorannoo gaggeessuun ittigaafatamaa mirkanneessuuf kutatoodha. Mootummaan Itoophyaa sarbamawwan akkasii kamuu callisee bira hindarbu.
Ammalleen qorannoowwan hedduus gaggeessineerra. Qorannoowwan dabalataas karaa siviliifi waraanaatiin gaggeeffamaa jiru. Qaamoolee yakka raawwatan adda baafamuun gabaasaaleen kunneen dhugaa ta'un mirkanoofnaan, itti gaafatamummaa mirkanneessuuf tarkaanfii ni fudhanna.
BBC: Aminastii Intarnaashinaal baatii kana keessa jecha namoota 16 irraa fudhachuun gabaasa baaseera. Jarreen kunneenis erga waraanni Tigraayitti eegalee kaasee loltoota Itoophiyaatti gochaan itti yaadamuun qunnamtii saalaa, gudeeddiifi miidhaawwan biraa raawwatamaa akka ture himan.
Yoo waa'ee haqaafi ittigaafatamummaa dubbattu, waa'ee isa kanaa maal raawwatte?
Geediyoon Ximootiyoos: Qorannoo gaggeessineerra, ammas gaggeessaa jirra. Loltoota keenya baay'ees itti gaafatamoo taasisuun mana murtiitti dhiyeessineerra. Amalaa fi sarbama mirga namoomaa akkasii callifnee kan bira tarru miti. Ammas qorannoowwan gaggeeffamaa jiran jiru.
Haata'u malee gabaasaaleen ati kaafte kunneen muraasnis kan kallattii dubbii harbeessuu kanneen ragaa qabatamaan deeggaramu hindandeenye of keessaa qaban jiru.
BBC: Mootummaan kee himannaawwan kanneen dhimmee fudhachusaa amanuun na rakkisa. Qondaaltoota mootummaa keessan keessaa tokko gabaasni Aminastii Intarnaashinaal dubbii harbeessuun ala omaa akka hintaaneetti himanii turan.
Yoo himannaawwan yakka cimaa kanneen akka miidhamtoonni guyyootaaf danqamuun miidhaan saalqunnamtii irratti raawwatamu, kaan garbummaa saal-qunnamtiif dabarfamanii kennamu, kaan ammoo ijoollee isaanii fulduratti gudeedamu fakkaatan kana cimsee kan fudhatu ta'e, silaa yoona miseensoota humnootii waraanaa keessan hiitanii turtan.
Geediyoon Ximootiyoos: Himannaawwanii fi gabaasawwan akkasii sirnaan ilaalla. Qorannoo ni raawwanna, itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf kutannoo qabna. Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirgaa akka kanaa cal jedhee hin ilaalu.
Akka amma dura ifa gochuuf yaalle, qorannoowwan hedduu gooneerra, qorannoowwan dabalataa karaa seera waraanaa fi seera siiviiliin qoratamaa jiranis jiru. Namni badiin irratti argame wayita argamu, itti gaafatamummaan akka jiraatu tarkaanfii fudhanna. Loltoonni keenya badiin irratti argame jiru, hedduun isaanii mana murtii waraanaatiin itti murtaa'ee jira.
Dhugaadha gabaasawwan tokko tokko kan miira namaa akka kakaasutti qophaa'an jiru, gariin guduunfaa baay'ee arbeeffamee fi hin mirkanaa'iinirra gahaniiru, garuu ammoo nuti namoota miidhamaniif xiyyeeffannaa kennina.
BBC: Meeqa ta'u?
Geediyoon Ximootiyoos: Loltoonni keenya 30 ol hidhaa umurii guutuu dabalatee adabamnii jiru. Kanaaf gochi keenyayyuu ofii isaatiin nu dubbata.
Miseensoonni raayyaa ittisa Itoophiyaa kan naamusa qaban ta'uu kaasuun barbaada. Raayyaan kunis bara waraanaa Koriyaatii kaasee hanga kan dambii UN keessatti illeen addunyaarratti eddoowwan adda addaaatti tajaajiluun maqaa gaarii qabuudha.
BBC: Loltoonni 30 ol ta'an irratti yakka miidhaa saalqunnamtii tibba waraana Tigraayiitti gaggeeffameen wal qabatee irratti murtaa'uu dubbatte, dhimmi kana caalaa gadi fagoo ta'ee ni jiraata.
Qondaaltooti waraanaa Itoophiyaa olaanoo meeqatu hojiirraa hari'amuun ittigaafatamoo taasifame? Sababiinsaas akka gabaasa Aminstii Intarnaashinaal kaa'eetti gochaa yakkaa yeroo tokkoo qofa osoo hintaanee waan itti yaadamee raawwatamaa ture waan ta'eef yakka cimaadha.
Geediyoon Ximootiyoos: Xumura gabaasa isaanii gochichi itti yaadamuun raawwatame jedhuun walii hingallu. Qorannoosaanii fageenyarraa hojjatan, kan irratti bu'urreeffatanis raggaa hojjattoota hawaasaa jedhan kan nuti waa'ee eenyummaa isaarratti shakkii olaanaa qabnuudha.
Nuti qorannoo lafarratti gaggeessina. Dhimmichaaf xiyyeeffanana olaanaa kennuu kan agarsiisu ammoo dhaabbanni komishinii mirga namoommaa UN Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin qorannoo akka taasisuuf hayyamneerra. Mootummaa dudhaalee fi qorannoo akkasiitiif kutatoota ta'ee qofaatu hayyama akkasi kennuu danda'a.
BBC: Komishiniin Mirga Namoomaa UN gabaasa Amanastii Intarnaashinaal haala addaattiin kan fudhatan ta'u himan. Himannaawwan kunneen garii loltoota Ertiraa kanneen haffeerraa mootummaa keetiin daangaa keessan keessatti socho'aa turan ilaallata. Ati akka Abbaa Alangaatti, loltoota Ertiraa kana raawwatan ittigaafatamoo taasisuuf dandeettii qabdaa?
Geediyoon Ximootiyoos: Nuti jalqaba qorannoo gaggeessuun erga dhugaa adda baafneen booda kan yakka sana raawwatan namoota aangoo seeraa keenyaan ala ta'an yoo ta'e, pirotokooliin haqaa ittiin adeemsa walta'insii seeraa itti gaafatamu taa'ee jira. Kunis kan aanga'oota seeraa biyyoota ollaa waliin wal ta'iinsaan hojjachuuf nu dandeessisuudha.
Sadarkaa kanatti gara xumuraatti fiiguun hindanda'amu. Akkuman jedhe kutannoo fi amalli nuti ittigaafatama adda baasuuf qabnu ifaadha.
Siriiyyuu ajjeechaa hedduu garee shororkeessaa TPLFn daa'imman dabalatee namoota nagaa irratti raawwatamaa jiruun baayyee gaddaa fi aaraa jirra. Gochaan kunis dhaabbilee mirga namoommaa idil-addunyaatiin xiyyeeffannaan kennamuun hinbalaaleefatamne.
BBC: Gaaffiifi deebiin dubbi himaa TPLF taasisee dhaggeesse jirtaa?
Geediyoon Ximootiyoos: Eeyyeen dhagaheera. Beekamtiis nan kennaaf.
BBC: Galatoomi, walitti bu'iinsa kana keessatti gareewwan lamaaniyyuu gaaffii cimaa gaafachuun barbaachisaadha.
Mee gara jechoota MM Abiy Ahimad baatiiwwan darban keessaa fayyadameetti haa deebinuutii, innis TPLF akka kaansarii, aramaa, dhukkubaatti ibsuun, aramaawwan kunneen biyya keenya keessaa ni buqqaafamu jedhe.
Ati akka abbaa alangaa tokkootti jechoota MM keetiin fayyadaman kanneen akkamiin ilaalta?
Geediyoon Ximootiyoos: Ibsa waajira MM bahee ture dhaabbata shororkeessaa kan ilaalatudha. Kanaan duras yeroo anga'oonni biyya addunyaa biraa dhaabbilee shororkeessaa kan akka IS ibsuuf jechoota walfakkaataatti fayyadaman ni jira.
Wanti TPLF dhiheenya kana raawwate qofa osoo hintaane waan baroota 30 darban ummatarraan gaheen kan ka'ee miirri ummanni Itoophiyaa irra caalaan qooddatan sanadha.
BBC: Rakkoonsaa fakkeenyaaf baatiiwwan muraasa darban keessa dhalattoonni Tigraay dhibbaan lakkaa'aman Finfinneetti humnootii nageenyaa keessaniin marfamuun hidhamuun ifaadha. Hooggantuun dhaabbata USAID Saamaantaa Paawoor gamasheetiin jechoota namummaa xiqqeessan akkasiitti fayyadamuun muddama uumuun, seenaadhaan ajjeechaa kan kakaasu ta'uu dubbataniiru.
Wanta motummaa kee irraa argamu dhagahanii hawaasni addunyaa garmalee maaliif akka yaadda'e hubattaa?
Geediyoon Ximootiyoos: TPLF haala seera qabeessa ta'een paarlaamaa keenyaan shororkeessaa jedhamee jira. Namni kamuu, kan qaama kana deeggaru, meeshaa dhiyeessuufi maallaqaan deeggaru itti gaafatamuu qaba.
TPLF dhaabbata saba bu'uura godhachuun hundaa'e waan ta'eef, deeggartoonni isaa, qondaalonni isaa ykn kanneen maallaqaan deeggaran irra hedduun, hunda isaanii osoo hin taane, hedduun isaanii saba tokkorraati.
Kanaaf namoonni alaa tokko tokko kana hubachuu dhiisuu malu. Yaaddoon isaan qaban naaf gala garuu haala rakkisaa nuti keessatti sochoonu hubachuu qabu.
BBC: Egeree tokkummaan itti fufuu biyya keetii irratti maal yaadda? Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el dhiheenya kana wal amantaan guutummaatti cabeera jedhee ture. Yoo motummaa Finfinneetiin waamamu hinbarbaanne ta'e maaliif turuun barbaachise? Biyyi kee balaa diigamuurra kan jirtu hinfakkaatuu?
Geediyoon Ximootiyoos: Diigamaa hinjirtu. Beekuu kan qabdu Itoophiyaa biyya umurii dheeraa qabduufi kan rakkoolee hedduu keessa dabartedha. Rakkoo TPLF irraa nu mudataa jiru qolachuun ni dandamanna amantaa jedhun qaba.
TPLF Itoophiyaa olaantummaa irratti hinarganne akka jiraattu waan hinbarbaadneef biyya diiguu yaalaa jira. Kun ammoo ummata Itoophiyaatiin fudhatama hinqabu.
BBC: Amma tokkummaan sun ummata Itoophiyaa hunda keessa waan jiru hinfakkaatu. Yoo yaadatte MM Abiy wayita 2019tti badhaasa Noobeelii nagaa sana argateetti, osoo bu'aa nageenyaa hin hammaatiin dura, sammuufi qalbii lammiilee keenyaa keessa biqiltuuwwan dhiifama, jaalalaafi araaraa dhaabuu qabna jedhee ture.
Amma garuu motummaan kee faallaa kanaa riphee loltoota Tigraay haleeluu fi kanneen kaansarii jedheen balleessuutti kan jiru fakkaata. Kun dhiifamaafi jaalalaan wal hinfakkaatu.
Geediyoon Ximootiyoos: Jaalala, dhiifamaafi araara yaalleerra. Wayita hooggansi haaraan gara aangootti dhufeetti TPLF yakki cimaan duraan raaawwate ture jiraatulleen akka qaama bulchiinsa siyaasa Itoophiyaa ta'uuf carraan kennameefii ture.
Garaagarummaan nuti TPLF waliin qabnu akka karaa nagaatiin furamuuf yaaliiwwan garaagaraa taasifamaniiru.
TPLF mataasaatuu waldhabdee kanaaf ka'umsa ta'uun waraana kanatti nu galche. Kun waraana nu barbaadne osoo hintaane, kan wayita TPLF waraana keenya Kaabaatti buufate tureerratti haleellaa raawwatetti dirqamuun kan itti seennedha.
BBC: Furmaanni waraanaan argamu waan hinjirreefu marii taasisuuniifi waliif dhiisuun barbaachisaa ta'a. Ammaan kana garuu motummaan kee waa'ee mariifi waliif dhiisuu dubbataa hinjiru. MM kee namoonni hundinuu riphee loltoota TPLF barbadeessuu keessatti akka hirmaatuf waamicha taasise. Inni sun dhukaasa dhaabu miti.
Geediyoon Ximootiyoos: Wayita labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsinee turre, nagaaf carraa kenninee turre. TPLF labsii dhukaasa dhaabuu sana kabajuu dhiisee waraanicha babal'ise. Naannoolee Affaar fi Amaaraa keessatti haleellaa raawwachuun namota kumoota dhibbaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqisee, namoota nagaa dhibba hedduu ajjeeseera.
Haala akkasii keessatti maal akka goonudha kan nurraa eegamu? Gareen shororkeessaa TPLF haleellaa itti fufuun labsiin dhukaasa dhaabuu akka hin kabajamne godheera. Haala kana keessatti uummata keenya eeguuf mirgas, dirqamas qabna. Kan gochaa jirrus kanuma.












