Waraana Tigiraay: Manni Maree Nageenyaa UN waa'ee Itoophiyaa maal mari'ate?

Madda suuraa, AFP
Dhaabbata mootummoota Gamtoomaaniitti Manni Maree Dhimma Nageenyaa, Itoophiyaatti rakkoo nageenyaa mudate ilaalchisee kaleessa Hagayya 26,2021 marii gaggeessera.
Walitti bu'insi Tigiraay erga jalqabee as dhimma Itoophiyaa irratti manni marichaa wal gahii cufaa fi banaa hedduu kan gaggeesse yoo tahu kan kaleessa taa'ames marsaan jalqabaa gar-tokkeen banaan taa'amee boodarra marichi cufaatti gaggeeffame.
Miseensonni mana marichaa yaa'ii kana irratti waa'ee Kaaba Itoophiyaa irratti yaada adda addaa kennaniiru.
Barreessaa ol aanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guutireez, waraanni gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'ate dhaabbachuun qaamonni hundinuu gara mariitti dhufuu qabu jedhe.
''Qaamni hundinuu haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuun gara mariitti dhufuu qabu. Itoophiyaaf jedhanii karaa nagaa filachuu qabu. Mariin siyaasaa hundumaa hammate ni barbaachisa. Humnootni alaas biyyattii keessaa bahuu qabu.''
Antooni Guutireez torban tokko dura MM Abiy Ahimed waliin dubbachuufi naannoo Tigiraay bulchuuf aangoo seera qabeessaan qaba kan ofiin jedhu Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliif xalayaa barreessuu mana maree kana irratti dubbataniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee biroo waliin tahuun mariin hunda hammate akka gaggeeffamu deeggarsa akka kennanis himaniiru.
''Waraanni furmaata fiduu akka hin dandeenye qaamonni hundinuu beekuu qabu'' jedhan barreessaa ol aanaan kun.
Kana malees haleellaawwan waraanicha keessatti raawwatan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa, Komishinii Mirga Namooaa Itoophiyaa wlaiin tahuun qorannoon jalqaban itti fufee jiraachus himaniiru.
Dhukaasa dhaabuun gara mariitti deebi'uun cinatti deeggarsi namoomaa danqaa malee akka gahu gochuu fi bu'uuraaleen misoomaa uummataaf tajaajila kennan deebi'anii akak suphamuu qaban dhaaman Guutireez.
Tokkummaan Itoophiyaa fi naannichaa rakkoo keessa galeera,'' kan jedhan barreesichi waraanichi gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti erga babal'atee humnootni naannichaa gara biroonis akka itti seenan himan.
''Diraamaan dubbii ho'isuu fi haleellaan saba bu'uureffatee namoota irra gahu itti caaleera. Dubartootaa fi ijoolleerra haleellaan saalaa gahaa jira. Waan kana akkaanin balaaleffadha,'' jechuun wal gahii mana marichaa irratti dubbatan.
Sarbama mirga namoomaan cinattis dinagdeen Itoophiyaa miidhamaa jiraachuus dubbataniiru. Baasiin biyyattii dabalaa jiraachuu, carraan liqaa argachuu xiqqaataa akkasumas dhiyeessiin midhaan nyaataa jira jedhan.
Itoophiyaa
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaa Addaa Itoophiyaa kan tahan Ambasadar Taayyee Astqesillaasee, ''mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf dhukaasa gar tokkee labse TPLF akka fudhatu dhiibbaa godhamuu qaba,'' jedhan.
Hawwaasni idila adunyaas walabummaa Itoophiyaa kabajuun karaa ijaaraa taheen qofa biyyattii gargaaruu akka qaban himaniiru.
''Galmi keenya nagaa buusuudha. TPLF garuu nageenyaa fi Itoophiyaa gidduu dhaabbateera. TPLF miidhamaa osoo hin taane kan haleellaa geesisudha,'' kan jedhan Ambaasadar Taayyeen hawwasni idila dunyaa TPLF irratti dhiibbaa gochuu qaba jedhan.
Bakkeewan deeggarsi namoomaa irra darburratti sakatta'insa taasifamu hir'isuu fi isas meeshaa ammayyaan gochuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Dabalataan balaliin namoomaas akka eeyyamamu himan. Ambaasadarichi kana kan jedhan Guutirezii fi bakka bu'aan Ameerikaa haala dhiyeessi deeggarsa namoomaa Itoophiyaa jiru waan qeeqaniif.
Bu'uuraalee misoomaa akka ibsaa fi bilbilaa ilaalchisee ''tajaajila eegaluu kan danda'an nagaa fi seerri yoo kabajame qofaadha'' jedhan.
Dabalataan TPLF deeggarsi namoomaa akka hin dabarre godhaniiru jedhanii gareen TPLF biyyattiitti tasgabbiin akak hin jiraanne gochaa waan jiraniif mootummaanis seera kabachiisuuf gahee isaa bahataa jira jedhan.
Haleellaa saba irratti xiyyeefate ilaalchisee '' loogiin saba irratti xiyyeeffate hin jiru. Qajeelfama qajeelfama qabna. Waggoota dheeraaf waliin jireenyi keenya kan itti fufeeru garaagarummaa keenya bu'uura kan godhateeni,'' jedhan.
Wal gahicha irratti haalicha ukukubsuu fi hiika siyaasaa itti kennuun ejjennoo mootummaa Itoophiyaa kan hin jijjiirre tahuu himan.
Ameerikaa
Dhukaasa dhaabuu fi marii biyyaalessaaf waamichi godhamus mootummaan Itoophiyaa loltoota isaa sochoosaa jiraachuu fi TPLF haleellicha gara naannoo Affaariif Amaaraatti babal'isuun uummatni kuma dhibbaan akka buqqa'u taheera kan jedhan bakka bu'aa Ameerikaati.
Loltootni Eertiraa deebi'anii galaniiru dubbii jedhuun garee hidhattootaa bakka garaagaraa keessa socho'an waliin wal ta'insi uumamuun isaa waraana bal'aa banuu danda'a jedhamee sodaatama.
Haleellaa sababa waraanaan dhaqqabuun yaaddahuu kan himan bakka bu'aan Ameerikaa hundinuu akka dhukaasa dhaabanii mariitti galan gaafataniiru. Loltootni Eertiraa haal-duree tokko malee akka gadhiisanii bahanis jedhan.
Eertiraan waraana Itoophiyaa keessatti mudate itti caalchisuu keessatti qooda ol aanaa qabaachuu kan himan bakka bu'aan Ameerikaa kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu gochuuf danqaa tahuu isaa himan.
Sarbama mirga namoomaan raawwachuun kan himatan bakka bu'ichi gidduu kana Itaamajor Shumii waraana Eertiraa irratti qoqobbii Ameerikaan dabarsite yaadachiisanii ammas osoo tarkaanfii biraan hin fudhatamiin ariitiin loltoota ishee Itoophiyaa keessaa baasuu qabdu jedhan.
Indiyaa
Indiyaan yaada wal fakkaataa kaastee waraannichi gara naannolee ollaatti babbal'achuun isaa lammiilee nagaan akka miidhamaniifi ijoolleen waraanaaf akka filaman gochuun rakkoo hamaa fidaa jiraachuu bakka bu'aan Indiyaa dubbatan.
Ji'a Waxabajjii keessa Mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuuf murtee gar-tokkee fudhate dhiyeessi deeggarsa namoomaa fooyyessuuf tarkaanfii gaarii tahuu kaasuun garuu gareen kaan dhukaasa dhaabuu fudhachuu diduun gara naannolee ollaatti geessuun miidhaan gahaa jiru dabaluu himan.
Yaalii Mmootummaan godheen dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya'aa jira kan jedhan bakka bu'aan Indiyaa, kanaafis hawaasa idila adunyaa irraa deeggarsi kennamuuf akka qabu himan.
UN fi Gamtaan Afrikaas rakkinicha furuuf deeggarsa gochuu akka qaban dhaaman.Rakkoo Itoophiyaatti mudate hiikuuf Itoophiyaa matuma isheen kan gaggeeffamuu fi heera mootummaa keessatti karaa hammatamee jiruun nageenyaa fi tasgabbii itti fufinsa qabu fiduuf wal amanuu, araaraa fi marii gaggeessuu jiraachuu aka qabu himan.
Kenya
Mootummoota Gaamtomanii mana maree nageenyaatti yaada kan dhiyeessan bakka bu'aan Keeniyaa, biyyaa isaanii dabalatee Niijeer, Sentivinstan fi Gireenadis akkasumas Tuuniziyaa kan dabalatu ta'uu ibsuun, yaalii hogganaan mootummoota gamtoomanii taasisan dinqisiifataniiru.
Bakka bu'aan kun Itoophiyaa keessatti waraana uumame ilaalchisuun ibsa bal'aa erga kennanii booda, qaamoleen hundi lammileen nagaa, keesumma dubartoota irratti miidhaa ga'uu akka dhaabsisan, gargaarsi namoota isaan barbaachisuuf akka ga'uun akka eeyyaman, dhukaasni akka dhaabbatu, waligalteedhaaf daandiin akka banamuuf manni maree biyyattii TPLF shororkeessaadha jechuun murtee ka'ee akka kaasuu fi qaamoleen hundi waliigalteef eyyaman gaafataniiru.
Dabalataanis loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessaa akka ba'an, biyyootiin dureeyyi gargaarsa namoomaaf maallaqaa ga'aa akka gummaachan, dhabbileen idil addunyaa dinagdee Itoophiyaaf gargaarsa barbaachisaa ta'e akka dhiyeessan, Itoophiyaa keessatti kufaatii diinagdee kan fiduu danda'u qoqqobbii kamuu kaa'uu irraa akka of qusatanii fi Gamtaan Afrikaa nagaa buusuuf wanta irraa eegamuu akka hojjatuuf gaafataniiru.
Chaayinaa
Bakka bu'aan Chaayinaa tasgabbiin Itoophiyaa keessa akka jiraatu taasisuu fi dhalattoonni saba adda addaa nagaan akka waliin jiraatan goochuun biyyattirra darbe, baha Afrikaafis barbaachisaadha jedhaniiru.
"Qaamoleen hundi rakkoo kana karaa marii siyaasaan ni furu jennee abdanna. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo kana furuuf tarkaanfii fudhate Chaayinaan ni deeggarti," jedhan.
Waldhabdeen sabaa hammaachaa akka dhufeefi naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti lakkoofi namoota gargaarsi isaan barbaachisuu dabalaa dhufuu isaa ibsuun, qaamoleen hundi gargaarsi namoomaa akka ga'uuf itti gaafatamummaa isaani akka ba'aniif gaafataniiru.
Naannoo Tigiraay fi nannoolee birootti dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennan, heera Itoophiyaa akka kabajaniifi qajeelfama dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka hordofaniifis bakka bu'aan Chaayinaa gaafataniiru.
Akka Chaayinaan gochaa jirtutti hawaasi addunyaa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun nagaa itti fufaa fi araaraa biyyaleessaa cina akka dhaabbatuufis gaafataniiru.
"Maqaa gargaarsa namoomaa jedhuun, jidduu galuun barbaachisaa miti. Rakkoon Afrikaa lammilee Afrikaan haa hiikamu," jechuun manna marichaa gaafataniiru.
Itoophiyaa irratti qoqqobbin ka'aman seeraa idil addunyaa kan faalleessanii fi rakkoo kana furuurra kan hameessaan akka ta'an, haasaa isaaniin eeraniiru.
Raashiyaa
Bakka bu'aan Raashiyaa gama isaaniin, gara Tigiraayitti gargaarsa erguuf daandiin Samaraa irratti ijaaramee tajaajila barbaachisuu ni keenna jedhanii akka abdatan dubbataniiru.
Dabalataanis "rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaa jiru dhimmaa Siyaasaa irraa adda baasuun barbaachisaadha. Tigiraayitti gargaarsa namooma ga'u irratti loogiin jiraachuu hin qabu. Naannoon Amaaraa, Oromiyaa fi Somaaleenis gargaarsi isaan barbaachisa," jechuun bakka bu'aan Raashiyaa mana marichaaf yaada isaani kennaniiru.
Itoophiyaa keessatti mariin siyaasaa akka gaggeefamuu fi kunis lammilee Itoophiyaan dursamee gaggeefamuu akka qabu himaniiru.
"Gargaarsi alaa heeraa Itoophiyaa fi walabummaa siyaasaa karaa eegeen keennamuu qaba," jechuunis ibsaniiru.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa biyyatti tokkummaan gara nagaatti fiduuf dandeetti akka qabu eeraniiru.
Akkuma bakka bu'aa Chaayinaas, qoqqobbii Itoophiyaa irraa kaa'ame balaaleeffachuun, miseensonni mana maree nageenyaa kun gorsaa keenname hordofuu akka qabu ciimsuun gaafataniiru.















