Manni Maree Nageenyaa UN har'a dhimma Hidha Abbayyaa irratti walgahii taa’uuf

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN 2017tti, Niiw Yoork

Madda suuraa, Getty Images

Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii muddama dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti mari’achuuf har’a walgahii gaggeessa jedhamee eegama.

Manni maree walgahii kana akka waamuuf Sudaantu gaafate. Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Maariyaam Al-Maahdii walgahii kana irratti hirmaachuuf gara Niiw Yoorkitti kan imalan Adoolessa 5, 2021 ture .

Masriinis akkasuma walgahii kanarratti akka argamtu ni eegama. Sudaaniifi Masriin hidha guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu marsaa lammataaf bishaan guutte mormaniiru.

Ministirri Jallisii Masrii Mohaammad Abdeel Atii, gita isaanii Finfinnee jiran irraa xalayaan hidhicha marsaa lammataaf bishaan guutuu akka jalqabe himu na qaqqabeera jechuu saanii, dubbii himaan ministeerichaa Addolessa 5, 2021tti Feesbuukii irratti baaseen ibsera.

Itoophiyaan ejjennoo Sudaaniifi Masriin dhimma hidha kanarratti qabatan kufisuun, hidhi kun guddina diinagdee ishee akka deeggaru himti.

Kana malees biyyi gaanfa Afriikaa tun Sudaaniifi Masriin wal-dhabdee waggaa kudhaniif ture keessa qaamota alaa gidduu galchaniiru jechuun himatti.

Lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa jiraatanis kan walgahii akka mormuu malan Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

Itoophiyaan manni maree nageenyaa UN, dhimma hidhaa kanaarratti marii biyyoota sadeenii hoggantummaa Gamtaa Afrikaatiin adeemsifamu kabajuu qaba jechuun gaaffatee jirti.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa Adooleessa 7, 2021 baaseen manni maree nageenyaa UN dhimma kana irratti maree waamuuf ‘aangoo eeyyamuufi’ hin qabu jedheera.

Akkasumas, ’’yaaliin amma Masrii fi Sudaan dhimma hidha kanaa Liigii biyyoota Arabaa kakaasuun gara mana maree Mootummoota Gamtoomaniitti geessuuf taasisan, kan dhimmicha akka malee dhimma nageenyaa fi dhimma addunyaa taaiseedha jedha.

Kana gochuun ammoo mallattoo balaa kan qabaatuu tahuurra iyyuu, marii kana harka Gamtaa Afrikaa irraa fudhachaa jira,’’ kan jedhan immoo Itaanaa Ministira Mummee Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Itoophiyaan kanaan duras Sudaaniifi Masriin qaamni dhimma marii hidhichaarratti Gamtaa Afrikaatiin alatti qaamni biraa aka seenuu gaafatan jechuun komataa turte.