Hidhi Abbayyaa marroo 2ffaa guutamuu eegaluun gabaa aksiyoonaa Masrii gadi bu’uu himame

Guutamuun hidha laga Abbayyaa gadi bu'uu gabaa aksiyoonaa Masriif sababa jedhame

Madda suuraa, TERADAT SANTIVIVUT

Ibsa waa'ee suuraa, Guutamuun hidha laga Abbayyaa gadi bu'uu gabaa aksiyoonaa Masriif sababa jedhame

Gabaan aksiyoonaa Masrii inni guddaan torbee kanatti %2 gadi bu’uunsaa yoo beekamu, sababni isaas Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irratti bishaan marroo lammaffaaf guutamuu akka ta’edha kan himame.

Itoophiyaan marroo lammaffaaf hidha kana bishaaniin guutaa jiraachuu kaleessa kanibsite yoo ta’u, Masriinis tarkaanfichi naannicha tasgabbii dhabsiisa jechuun mormitee turte.

Ministirri jallisii Masrii Mahaammad Abdal Attii, Itoophiyaarraa xalayaan ifatti bishaan guutamuu eegaluu ibsu nudhaqqabus murtee kana hin fudhannu jedhaniiru.

Rooyitarsi akka gabaasettis, gabaan aksiyoonaa guddaan Masrii keessa jiru qabxii 10,155 yookaan %1.8 gadi bu’ee jira.

Walitti qabduun boordii waldaa Sirii Wey Birookeej jedhamuu Aadde Raaniyaa Yaakuub, ‘‘abbootiin qabeenyaa sodaadhaan gabaatti ba’aa jiru, guutamuu hidhichaan alatti wanti sababa ta’uu malu hin jiru,’’ jedhani.

Itoophiyaan hidhi guddaan laga Abbayyaa irratti ijaaru ummata koo hiyyummaa keessaa baasuufi elektiriika akka argatu gochuufi yoo jettu, Masriin gamasheetiin dhiyeessiin bishaanii akka malee naduraa xiqqaachuu mala yaaddoo jedhu qabdi.

Akkuma Sudaan gochaa turte, Itoophiyaan gara waliigaltee ishee dirqisiisutti galuu qabdi jechuun gaafachaa turte, Masriin.

Manni aree nageenyaa UN dhiyeenya kana dhimma hidha kanaa irratti nimari’ata jedhamee eegama.

Gabaan aksiyoonaa Beeltoon %6 yoo gadi bu’an, kan Paayoniirsi Hooldiingi ammoo %4.9 gadi bu’uutu himame. Dabalataanis dhaabbanni elektiriikaa El Siwiidii %3.9 akkasumas Baamaatoo fi Faawuriin gama isaaniitiin %3.1 gabaan jelaa gadi bu’ee jira jedhameera.