Waraana Tigraay: Manni maree nageenyaa har'a dhimma Tigraay irratti ni mari'ata

Mana maree nageenyaa UN, suuraa walgahii biraarraa fudhatame

Madda suuraa, © EVAN SCHNEIDER

Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa har'a dhimma naannoo Tigraay irratti mari'achuuf walgahii waameera.

Walgahiin kunis baatiiwwan saddeettan darban keessatti gumii dhimma Itoophiyaarratti ifatti mari'atamu ta'a.

Sagantaan BBC News Day dhimmicha irratti Motummoota Gamtoomaniitti Ambaasaadara Ameerikaa kan ta'an Liindaa Tomaas Giriinfiild waliin gaaffiifi deebii taasiseera.

Ambaasaadar Liindaan, dhimma Itoophiyaarratti mari'achuun isaanii dhimma murteessaadha jedhu. Dabalataan, MM Itoophiyaarratti dhiibba uumuu itti fufu qabna jechuun ibsan.

''Dhiibbaa irratti uumuu itti fufuu qabna. Yeroo tokko tokko dhagahaniiru, yeroo kaan gurra nu hin kennine. Sababa kanaaf itti fufna,'' jechuun dubbatan.

Walgahii har'aa irratti qaamoleen lola keessa jiran hunduu lola akka dhaaban, deeggarsi namoomaa danqaa malee akka jiraatu, loltoonni Ertiraa akka bahan, akkasumas qorannoon sarbama mirga namoomaa akka eegalu waliigalla jechuun abdataniiru.

Naannoo Tigraayii namoonni kumaatamaan lakkaa'aman fiixee beelaa irratti argamu kan jedhan Ambaasaadarri kun, kun ammoo beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuudha jechuun himatan.

''Miseensoonni mana maree nagaa, 15n keenyaa jechuu kiyya, dhimmi kun ariifachiisaa ta'u cimsine amanna. Garaagarummaan qabnu adeemsa attamiin hiikama jedhurratti,'' jechuun himan.

''Manni marichaa dhimmicharratti murtee tokko irraa gahu akka qabaatu kan hunda keenyaan amanamudha, hinshakkamu'' jedhaniiru.

Itoophiyaan himannaa beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamti jedhuun irratti ka'u guyyaa har'aa Ministeerri Dhimma Alaa balaaleeffateera.

Yaa'iiwwan kana dura turaniirratti maaltu murtaa'e?

Manni Maree Nageenyaa UN ibsa yeroo jalqabaa baasee tureen naannoo Tigraayiitti deeggarsii namoomaa gahaan dhiyaachu baatulleen, yaaliin motummaa Itoophiyaa kan jajjabeeffamu akka ta'e ibsee ture.

Miseensoonni mana marichaa walabummaa fi bilisummaa siyaasaa Itoophiyaas ni kabajas jedhee ture.

Ibsicha hordofees Itoophiyaatti bakka bu'aan UN, dinqisiifannaa hubannoo 'ijaaraa fi deeggarsaa' miseensoonni mana marichaa kennaniif qaban ibsanii ture.

Gama biraatiin ammoo miidhaan saala bu'ureeffatan dabalatee sarbamni mirga namoomaa na yaachiseera kan jedhe manni marichaa, sarbamoonni kunneenis qaama walabaatiin akka qorataman fi itti - gaafatamtoonni seeratti akka dhiyaataniif gaafaatee ture.

Haaluma kanaanis Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Kimishiniin Olaanaan Mirga Namoomaa UN qorannaa waloon gaggeessan haala gaarii fudhatee ture.

Manni marichaa Itoophiyaa ilaalchisee ibsa baasuuf yeroo garaa garaatti walgahii gaggeessulleen osoo waliigaltee irra hingahiin hafunsaa ni yaadatama.

Manni marichaa Bitooteessa 4, 2021 Itoophiyaa ilaalchisee marii taasiseen osoo waliin hingaliin hafuu isaa AFPn maddeen dippilomaatii waabeefachuun gabaasee ture.

Manni marichaas haala walabummaa Itoophiyaa jidduugaleessa taasiseen deeggarsi namoomaa atattamaa akka taasifamuufi walitti bu'iinsi akka dhaabbatuuf gaafachuuf ibsa waloo baasuuf walgahiin taasifame Ruusiyaafi Chaayinaan waan mormaniif hafuu maddi oduu kun gabaaseera.

Raashiyaa fi Chaayinaan ibsichaan ''dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuudha'' jechuun ture mormiisaanii kan dhageessisan.

Haaluma walfakkaatuunis Itoophiyaatti Imbaasiin Ruusiyaa, Ameerikaan gidduugaluu dhimma keessoo biyya walabaa irraa akka of qusattuuf gaafateera.

Walgahii sanarratti miseensoonni kaan maal jedhan?

Waajjirri qindeessaa deeggarsa namoomaa UN ajjeechaawwan raawwataman ilaalchisee gabaasawwan bahan yaaddessoo akka ta'an ibsuun, haala namoomaa ilaalchisee odeeffannoowwan bahan kan haala qabatamaa lafa jiruu mul'isu akka ta'e ibseera.

Kana malees deeggarsa barbaachisu akka dabalamuuf maallaqaa fi meeshaalee akka dabalamuuf qabeenyaa biraa akka barbaachisuu himeera.

Biyyoota kam fa'itu miseensa mana marichaatii?

Manni Maree Nageenyaa UN biyyoota miseensaa 15 qaba.

Miseensoota 15 kanneen keessaa biyyoonni shan miseensoota dhaabbataa mirga sagalee sagaleen haqu qabaniidha. Kudhan hafan ammoo waggaa waggaan kan geeddaramaniifi miseensota sagalee sagaleen haquu hindandeenyeedha.

Biyyoonni mirga sagalee sagaleen haqu qaban shananis Ameerikaa, Ruusiyaa, UK, Faransaay fi Chaayinaadha.

Biyyoonni akka Isitoniyaa, Hindii, Ayirlaand, Keeniyaa, Niijar, Noorweey, Seent Viinsant fi Za Gireenaadiinsi, Tuniiziiyaa fi Veetinaam ammoo miseensoota mana marichaa jijjiramaniidha.