Waraana Tigraay: Tigraayiitti hir'inni boba'aafi maallaqaa umamee

Magaalaa Maqalee baatii Muddee

Madda suuraa, Anadolu Agency

UNtti Qindeessaan Waajjira Deeggarsa Namoomaa (OCHA)n naannoo Tigraayitti hir'inni boba'aa fi maallaqa callaa mudachu gabaasni na qaqqabeera jedhe.

Dhaabbatichi hir'inni maallaqaa fi boba'aa naannichatti mudate kunis yaalii deeggarsa namoomaa caalaa rakkisaa taasisuu ibseera.

Gabaasa OCHAn haala naannichaa irratti baaseen akka jedheetti, haalli jijjiramaa amma naannicha keessa jiru hubannoo keessa galfamulleen, naannichatti haalli nagaa hanga tokko jiraachu dhabbilee waliin hojjeturraa hubachu ibse.

Naannichatti tajaajilawwan telekomunikeshinii, ibsaa fi bu'uraalee misoomaa kan biraas adda citeera jedheera.

Karroonni gara Tigraay geessaan arfanu bahuufi galuuf cufaa ta'unsaanii akkasumas naannoo Tigraay keessatti tajaajilli geejibaa dhaabbachu hubadheera jedhe.

Hojjattoonni deeggarsaa isaayyuu bilbila saataalaayitii irratti hundaa'anii jiru jedheera. Tajaajilli kunis kan hojjattoota Maqalee keessaa qofaatti daangeeffameedha.

Torbanoota lamaan darban Maqalee fi Addiigraat (kan baha Tigraayiitti argaman), Abii Adii (Jidduugala) fi naannoo Kibba Tigraay qaamooleen hidhatanii deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabne dhorkaa akka turan OCHAn ibseera.

Godina jiddugalaatti hojjattoonni MSF sadii ajjeefamusaanii hordofee dhaabbileen gargaarsaa hojjattoota isaanii baasuun hohii dhaabaniiru. Haalli kunis eegumsa fayyaa uumataa fi deeggarsa lubbu baraaruuf taasifamurratti dhiibaa taasiseera jedhe ibsichi.

Dhaabbileen gargaarsaa hojjattoota isaanii Aksuum fi Saamredhaa akka bahan taasisanis, hojjattoonni dhaabbilee gargaarsaa gara Saamre akka hin deemneef qaamooleen hidhatan danqaa turan jedhe.

Dhiyeessiiwwan fayyaa fi nyaataa namoota deeggarsa deeddeebiisan irraa saamamaniiru jechuun ibsi OCHA kun eereera.

Eejansiiwwan motummoota gamtoomanii dabalatee dhaabbilee deeggarsaa raayyaa ittisaa dabalatee dhidhattoonni adda addaa meeshaalee kuminikeeshinii Maqalee, Daanshaa fi Abduraafuu keessatti fudhachuusaanii OCHAn ibseera.

Guyyoota darban keessattis yaaddoon nageenyaa cimaa ta'e akka hin mudaneefi dhaabbileen gargaarsaas haala adda addaatti gargaaramuun hojiisaanii raawwataa jiru jedhame.

Dhaabbileen dhiyyeessitoota deegarsa namoomaa mana jireenyaasaanii ykn hoteela keessa ta'uun hojiisaanii raawwataa kan jiran yoo ta'u, hojjattoonni ergama dirree irraa yeroodhaaf dhorkamu dhaabbatichi beeksiiseera.

Humnootii Ertiraa fi raayyaa ittisa Itoophiyaa naannoo Tigraay irra caala keessaa bahuu fi humnootiin Amaaraa garuu naannoolee Kibba, Lixaa fi Kaaba Lixa Tigraay keessaaa gadhiisanii akka hin baanee ibse.

Humni addaa Amaaraa naannoolee Lixaa fi Kibba Laga Takazeetti argaman akka gadi hin dhiifne fi Adooleessa 1 ammoo riqicha Gondari fi Shiree walitti hidhu irratti haleellaa humnootii addaa Amaaraatiin raawwatameen diigamu OCHAn gabaasa argachuu hime.