Duula Afaan Oromoo sirnaan dubbachuufi qubeessuu

Madda suuraa, Getty Images
Duulli Afaan Oromoo bal'inaan dubbachuufi sirnaan qubeessuun guddina afaanichaatiif murteessaa ta'uu akeeku tokko tibbana miidiyaa hawaasaa irratti gaggeefamaa jira.
Namoota duula kana duuba jiran keessaa tokko kan ta'aniifi Yunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaan Falaasamaa Obbo Dastaa Alamaayyoo, kaayyoo duula kanaa ilaalichisuun BBCn dubbiseera.
Obbo Dastaan Afaan Oromoo mallattoo eenyummaa sabichaa waan ta'eef, guddachuufi bal'inaan dubbatamuu qaba jedhu.
Barreessaa kitaaba 'Aramaa Jechoota Afaan Oromoo' kan ta'an, Obbo Dastaan, kana duras miidiyaa hawaasarratti maqaa 'Dassee Alex' jedhuun dhimmoota guddina Afaan Oromoorratti gufuu ta'an irratti barreessaa turuu himan.
Magaalota Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo bal'inaan dubbatamuufi sirnaan qubeeffamuu dhabuun duula kanaaf ka'umsa akka ta'eef dubbatu.
Dhiheenya kana keessammoo namoonni hedduun hordoftoota ykn dubbiftoota isaanii ilaalcha keessa osoo hin galchiin, Afaan Oromoo dhiisanii afaan biroon barreessuu filachuun duula kanaaf ka'umsa biraati jedhu.
Bakka barbaachisaa ta'etti afaan biroon barreessuun ykn dubbachuun rakkina akka hin qabne kan ibsan Obbo Dastaan, garuu ammoo namoota hordoftootasaanii osoo hubannoo keessa hin galchiin barreeffama maxxansan komatan.
Namoonni Afaan Oromoo dhiisaanii Afaan Amaaraan barreessuun, ''araadummaa itti fakkaatu jira. Akkasumas kanneen Afaan Ingiliffaan dubbachuusaaniif akka waan beekumsi isaanii ol ka'eetti ilaalan jiru. Kunis dogoggora'' jechuun, kanarratti hubannoo cimsuuf jecha duula kana eegaluu dubbatan.

Dhimma afaan kanarratti ofiin yeroo garaa garaatti barreessaa akka turan kan himan Obbo Dastaan, amma garuu hiriyoota isaanii waliin ta'uun garee uumanii maaliif bifa duulaatiin xiyyeeffannoo ummataa gara kanatti hin harkifnu jechuun duula kana eegaluu BBCtti himan.
''Ana dabalatee, keessattuu 'Dhaloonni Quubee' haalli afaanichi ittiin barraa'aa jiru sirna qabachiisuufi afaanichi akka guddataa adeemu tumsuu keessatti itti-gaafatamummaa addaa qaban',' jedhan Obbo Dastaan.
Obbo Dastaan afaan saba tokkoo akkuma namoonni baayyeen jedhan meeshaa waliigalte qofa osoo hin taane, mallattoo eenyummaafi baataa aadaa saba sanaati amantaa jedhu qabu.
Kanaafuu, afaanichi yoo bal'inaan dubbatame qabeenyaawwan ummatichaa afaan sana keessa jiran dagaaguu kan danda'an jedhu.
Fakeenya yoo kaasanis, dhimmoota mallattoolee Oromoon ittiin beekamu kan akka Sirna Gadaa, Guddifachaafi Moggaasaa hanga tokko afaan biraatiin himamuu ni danda'u ta'a, garuu Afaan Oromoo malee qabiyyeesaanii waliin guutumaatti ibsuun akka hin danda'amne himu.
Kana malees, magaalota Oromiyaa baayyee keessatti Afaan Oromoo dabalatee wantoonni Oromoo ibsan heduumminaan keessatti kan hin calaqqisne ta'uu kaasu.
Magaaloonni naannicha keessatti guddachaa adeemanilleen faallaa sanaa Afaan Oromoo immoo waljalaan dhabamaa adeemuu akka yaaddootti kaasan Obbo Dastaan.
Fakkeenyaafis, magaalota Oromiyaa gurguddoo kan akka Adaamaafi Bishooftuufaa caalaa magaalota xixiqqaa akka Gimbii, Najjoofi Dambidoolloo keessatti Afaan Oromoo caalatti bal'inaan dubbatamaa jiraachuu ibsan.
''Kanaafuu, dhimmi kun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaaduudha,'' jedhan Obbo Dastaan.
'Furmaanni isaa maali?.
Akka Obbo Dastaatti, furmaanni afaan ofii guddisuu tokko tokkoo namaatiiin kan manaa eegaludha.
''Rakkoo kanaaf furmaanni jalqabaa nuyi. Kunis mana keenya keessaa eegaluun ijoollee, abbaafi haadha keenya waliin afaan kanaan dubbachuu qabna. Ala yoo baanees saalfannaa tokko malee dubbachuu barbaachisa. Kana keessatti ammoo nuti Dhaloonni Quubee gahee olaanaa qabna jennee ammana,'' jedhan.
Sanaan booda saboota naannoo biraa irraa dhufuun naannicha keessa jiraatan jaalalaan barsiisuun kan danda'amu ta'uu kan himan Obbo Dastaan, ''dursa kan gahee keenyaa yoo baane, kuun ofumaanuu of qajeelchaa adeema'' jedhan.
Waan ofiin hojjachuu dandeenyu qaama biraa irraa furmaata eeguun kan hin baafneedhas jedhan.
Ga'ee Artistootaa
Kana malees, namoonni fuuldura hawaasaatti mul'ataniifi ijji hawaasaa irra jiru kan akka aartistootaa irraa gama kanaan fakkeenyummaa guddaan kan irraa eeggamu ta'u kaasu Obbo Dastaan.
Aartistoonni Oromoo baayyee muraasaafi qaxaleewwan, garuu kan ummanni waan hedduu irraa eeguu ta'u kaasuun, yeroo baayyee garuu waltajjii alatti wayita afaan biraatti fayyadaman akka mul'atan dubbatu.
Haalli kun kan isaan yaaddeesse Obbo Dastaanis waggoota muraasaan dura barreeeffama mata-duree 'Maal aartistoota keenya waltajjii baannee jala deemnaa?' jedhu tokkko barreessanii akka turan yaadatu.
Kanaafuu, guddinaafi dagaagina afaan kanaatiif hundumti kan gaheesaa bahachuu qaba jechuun dhaaman.
'Oromummaa tiksee kan asiin gahe Afaan Oromooti'
Haaluma walfakkaatun, Yunvarsitii Finfinneetti barsiisaa Afaaniifi Ogbarruu kan ta'an Obbo Qulqulluu Ijoo, Oromummaa tiksee kan asiin gahe Afaan Oromooti jedhan.
Dhimmi Afaan Oromoo sirnaan dubbachuufi barreessuu qaama tokko qofa osoo hin taane, seektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa, akkasumas caasaalee hawaasummaa keessatti xiyyeeffannoo argachuu qabaa jedhan.
Caasaalee hawaasummaa keessatti afaan kanatti fayyadamamuun cimu malee, afaanichi akkuma dadhabaa adeemu, aadaafi duudhaaleen ummatichaalleen badaa kan adeemu ta'uu kaasan Obbo Qulqulluun.
















