Asafaa Tafarraa Dibaabaa: "Guguddaa nama keenyaa qofa miti, guguddaa lafa keenyaas dhabaa jirra"

Madda suuraa, Abba Ebba/Facebook
Kitaaba walaloo Afaan Ingiliziin qophaa'ee mata duree Ate-Loon jedhu dubbistoota biraan gahuuf kan jiran Dr Asafaa Tafarraa Dibaabaa waa'ee qabiyyee kitaabichaa BBC'tti dubbataniiru.
Ate-Loon jecha tishooti kan jedhan Dr Asafaan, maal jechuu akka ta'e dubbistootaafin dhiisa jedhu Dr Asafaan.
"Yeroo baay'ee kitaabota koo namoonni maqumarraa kaasee nu rakkisa naan jedhu, anis hojiin koo nama rakkisuudha, kanaaf abbaan bira haa gahu" jedhan.
Kitaabni kuusaa walaloo Afaan Ingiliziin barraa'e kun yeroo waggaa lamaa keessatti kan qophaa'e yoo ta'u mata dureewwan xixiqqoon iddoo shanitti qoodamee fuula 282n akka qophaa'e dubbatu.
Maaliif Afaan Ingiliziin qophaa'e?
Waloo fi hayyuu afaanii fi og-barruu kan ta'an Dr Asafaan ammaan duras Afaan Ingiliziin kitaabota barreessanii maxxansiisanii jiru.
Kitaabni isaanii Afaan Ingiliziin haa barraa'u malee "aadaa Oromootti cuubadheetani kanan barreessu" jedhu.
"Oromoon mee maal qabatee addunyaatti gadi baha? Gaaffii jedhu deebisuuf jecha Afaan Ingiliziin akka barreessan dubbatu.
"Milkoofnee gaafa bilisoomne, Addunyaan waa'ee keenya maal beeka?, Og-barruu qabuu?, Oguma qabuu?, Waloo qabuu?, Walaloo qabuu? jechuun isaanii waan hin oolleef, kanaafan Afaan Ingiliziin barreessa."
Utubaan qabiyyee kitaabichaa maali?
Walaloowwan mata duree xixiqqaa shan jalatti barraa'an hedduun isaanii, "waa'ee jiruuf jireenyaa, waa'ee abjuu ilmoo namaa, waa'ee kaayoo qabaachuuti, ifaajeedha, xaariidha," jechuun ibsu Dr Asafaan.
Walumaagalatti garuu waa'ee hariiroo namaa fi uumamaati jedhu.
Hariiroo namaa fi uumamaa keessatti maaltu akka, maaltu akka maleedha waan jedhu walaloo isaaniin akka xiinxalan dubbatu.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Yeroo hedduu 'social justice' ykn miidhama ilmoo namaa qofarratti xiyyeeffanna kan jedhan Dr Asafaan, miidhamni uumamaa dagatameera jedhu.
"Fakkeenyaaf ani Adaamaadha kanan jiraadhu. Adaamaa irraa gara Finfinnee gaafan deemu, bitaa mirgaan tulluun qotamee jigaa jira."
"Kuni kan na yaadachisuu sabni cunqurfamaan akka Oromoo, guguddaa nama keenyaa qofa miti kan nuti dhabaa jirru, guguddaa lafa keenyaasi jechuudha."
"Tulluu dhalootni meeqa itti irreeffatee asiin gahe, nuti qonnee ijaarsaaf oolchaa jirra, kuni nama dhukkuba," jedhu.
Uumamnis akkuma namaa jiraachuuf mirga qaba jedhu Dr Asafaan.

Walaloowwan keessaa tokko:
"Once I knew what I would die for,Then I know I lived for it"
Namni kaayoodhaaf jiraachuu qaba kan jedhan Dr Asafaan, namni dhalatee nyaachuudhumaaf hin jiraatu, jiraachuuf nyaata malee jedhu.
Walaloon kunis falaasama kana hima jedhan.

'Sabboonummaa Ogumaa'
Seensi kitaaba Ate-Loon yaad-rimee 'Sabboonummaa Ogumaa' jedhu irratti barreeffama qophaa'e qaba.
Sabboonummaan gosa adda addaa qaba kan jedhan Dr Asafaan, gama siyaasaa, gama amantaafi kallattii adda addaan ibsamuu akka danda'u himu.
Barreeffamni kun Ogumaan akkamitti sabboonummaa ijaaruun danda'ama yaada jedhurratti fuulleffata jedhu.
"Wayita ammaa waa'een Oguma Oromoo akka bishaan gabateerraati, garuma yaa'utti yaa'a malee kallattii qabsiisuun hin mul'atu" jedhu Dr Asafaan.
"Qeeqxonni hin jiran, qeequunis hin jiru. Haala akkasii keessatti ammoo Ogumni hin bilchaatu. Namuu turban tokko ykn ji'a tokko keessatti koompiitaratti naqeetu, yoo horii argate gadi bahee maxxansiisee hojiirra oolchaa jira, kanaaf bilchina dhaba."
Isa kanan yaad-rimee 'Sabboonummaa Ogumaa' jedhuun kallattii qabsiisuu yaade jedhu.
Kitaabichi torbee kana dubbistoota bira gaha.













