Dubartoota damee hojii adda addaan kan jalqabaa ta'uun karra saaqan

dubartoota seenaa galmeessan

Madda suuraa, Getty Images

Hawaasa addunyaa hedduu keessatti dubartoonni waggootii hedduuf damee barnootaa fi hojii adda addaa irraa sababa loogiin duubatti hafanii turani.

Rakkoon kuni fooyya'aa jiraachuus ammallee karaa fagootu hafa jedhu quuqamtoonni.

Ta’us garuu dubartoonni hacuuccaa, gufuu fi loogii jiru irra taruun wantoota adda addaan milkaa’uun ‘dubartii jalqabaa’ jedhamuun dhaloota haaraaf karra saaqan jiru.

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa, Bitootessa 8 kabajamee darbe sababeeffachuun, dubartoota damee hojii adda addaa keessatti ‘kan jalqabaa’ ta’uun fakkeenya ta'an akka asiin gadi qixeessineerra.

Saayinsii

Meerii Kurii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meerii Kurii damee fiiziksii fi keemistiriin Badhaasa Nobeelii injifatteetti

Meerii Kurii

Dubartii Badhaasa Noobeli injifattee jalqabaa ta’uun seenaa kan galmeessite Meerii Kuuriidha. Meeriin lammii Pooland-Firaans dha.

Meeriin fi abbaan warraa ishee Peerii Kurii bara 1898’tti keemikaala haaraa poloniyeem jedhamu argachuu isaanii beeksisaniiru. Waggaama sana keemikaala raadiyuum jedhamu argataniiru.

Bara 1903’tti damee barnoota fiiziksiin Meriin badhaasa Nobeeli ijifachuun dubartii jalqabaa taatetti.

Sana booda bara 1911’tti damee Keemistiriin badhaasa Noobelii injifachuun, damee saayinsii adda addaa lamaan badhaasa Nobelii argachuun nama jalqabaa dha.

Bara 1906’tti erga abbaan warraa ishee du’ee booda, Meeriin barsiisuu eegaluun Yunivarsitii Sorboon keessatti piroofesara dubaraa jalqabaa taatetti.

Valantiinaa Tereshkoovaa

Waxabajjii 16, 1963 irratti lammiin Sooviyeet Vaalantiinaa Tereshikoovaa dubartii jalqabaa hawaatti imalte taate. Yeroos umriin ishee 26 dha.

Baadiyyaa Maslenikovoo jedhamu keessatti kan dhalatte Vaalantiinaan, imala hawaa Vostok 6 irratti hirmaachuun namoota 400 dorgomaa turan keessaa injifatte.

Imalli hawaa kun guyyaa sadiif kan ture yoo ta’u, yeroo kana keessatti si’a 48 orbitii lafaarra naannofteetti.

Meey Kaarol Jemisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meey Kaarol Jemisan orbiitii dacheerra si’a 127 naannofteetti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meey Kaarol Jemisan

Meey Karool Jemisan lammii Ameerikaa, injiinara, ogeettii fayyaa fi astiroonaatii duraanii Nasa dha.

Bara 1992, Fulbaana 20 imala hawaa rokkeetti Endeavour irratti ogeetti imalaa taatee imaluun, dubartii gurraattii jalqabaa hawaatti imalte taatetti.

Gartuu astiroonaatii ja’a biroo waliiin ta’uun Meey, imala kanaan orbiitii dacheerra si’a 127 naanna’aniiru.

Kitaaba hedduu barreessuu fi badhaasa hedduu argachuunis kan beekamtu, Meey, Galmee Dubartoota Beekamoo Biyyaleessaa fi Galmee Namoota Beekamoo Hawaa Idi-Addunyaa irratti galmeeffamteetti.

Wangaari Mutaa Mataayii

Roggeettii hawaasaa, kunuunsa naannoo fi Siyaasaa kan taate lammiin Keeniyaa Wangaarii Muta Mataayi, dubartii Afrikaa yeroo jalqabaaf Badhaasa Noobelii Nagaa badhaafamtedha.

Bara 1977’tti dhaabbata miti mootummaa dhimma mukeen dhaabuu, kunuunsa naannoo fi mirga dubartootaa irratti hojjetu Sochii Green Belt jedhamu hundeessiteetti.

Hayyuu fi barreessituu kitaaba hedduu kan taate Mataayiin, rogeettii qofa osoo hin taane ilaalcha kunuunsa naannoo, misooma, korniyaa, aadaa fi amantaa Afrikaa irratti dubartii jijjiirama guddaa fiddedha.

Wangaarii Mataayi “guddina itti fufaa, dimokraasii fi nagaa” irratti gumaacha taasifteef, bara 2004’tti Badhaasa Noobelii Nagaa injifatteetti.

Siyaasa

Vigdi Finbogadootir

Dubartiin yeroo jalqabaaf seenaa Ayiislaand keessatti pirezidantii taatee muudamte Vigdi Finbogadootir dha.

Bara 1980’tti Vigdiin pirezdaantii biyyattiin ta’uun filatamte hanga bara 1996’tti tajaajilteetti.

Shamarranii fi dubartoonni biyyatti hedduun fakkeenya ishee godhatanii guddachuun, jireenya siyaasaa biyyattii keessatti akka isaan hirmaataniif jajjabina taateetti.

Eelan Joonsan Sarliif

Aardii Afrikaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf pireezdantii taate Laaybeeriyaa irraati Kunis Eelan Joonsan Sarliifidha.

Filannoo biyyaalessaa bara 2005 injifachuun pirezidantii Laaybeeriyaa kan taate Eelan, bara 2011’tti badhaasa Noobeeli Nagaa injifatteetti.

Badhaasa kana kan argattee dubartoota lama biroo - rogeetti nagaa Laaybeeriyaa, Leeymaa Goowee fi dursituu sochii dimokraatawaa Yaman , Tawakul Karmaan waliin ta’uunidha.

Saahle-Worki Zawudee bara 2018’tti Pirezidantii Itoophiyaa ta'un muudaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saahle-Worki Zawudee bara 2018’tti Pirezidantii Itoophiyaa ta'un muudaman

Saahle-Worki Zawudee

Seenaa Itoophiyaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf angoo pirezdaantummaatti muudaman Aadde Saahile-Worki Zawdeedha.

Senegaalii fi Jibuutii dabalatee biyyoota addunyaa garagaraatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessattis Bakka Buutuu Barreessaa Olaanaa UN ta'u dabalatee damee adda addaa keessatti tajaajilaniiru.

Daarektara Waliigalaa Waajjira UN Nayiiroobii jirus turani.

Saahle- Workiin bara 2018’tti ture paarlaamaa Itoophiyaatiin pirezidantii ta'un kan muudaman.

Kamaalaa Haaris

Bara 2021’tti Kamaalaa Haaris seenaa Ameerikaa keessatti dubartii jalqabaa itti aantuu pirezidantii ta’uun filatamanidha.

Akkasumas dubartii gurraacha jalqabaa Kibba – Eeshiyaa irraa aangoo kanatti muudamanidha.

Kamaalaa, ganna 58, maatii baqattoota ta’an irraa dhalatte – harmeen ishee dhalattuu Indiyaa, abbaa ishee ammoo dhalataa Jaamaayikaadha.

Kamaalaan dabalataanis yeroo muraasaaf, dubartii yeroo jalqabaaf US keessatti aangoon pirezidaantummaan tajaajilaniiru.

Sadaasa 19, 2021 irratti yemmuu Pirezidantiin US Joo Baayidan wal’aansa argachuuf hospitaala seenanitti Kamaalaan daqiiqa 85’f Pirezidantii US ta'un tajaajilan.

Geejjiba Qilleensaa

Amiliyaa Eerhaarti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Amiiliyaan utuu addaan hin kutiin sa’aatii 15’f Garba Atlaantikii gubbaa balaliiteetti.

Amiliyaa Eerhaarti

Ameeliyaa Eerhaart, dubartii jalqabaa Garba Atlaantikii xiyyaara balalisuun qaxxaamurtedha.

Caamsaa 21, 1932 irratti Ameeliyaan qofa ishee utuu addaan hin kutiin sa’aatii 15’f Garba Atlaantikii gubbaa balaliiteetti.

Dubartiin lammii Ameerikaa kun bara 1937’tti waayila ishee Fireed Nuunan waliin ta’uun balalii addunyaarra naanna’uu taasisuuf utuu yaalanii xiyyaarri isaanii bade.

Hanga ammaatti xiyyarrichi ta’e reeffi Ameeliyaa fa'i hin argamne.

Reemondee de Laroosh

Addunyaa keessatti dubartiin eeyyama xiyyaara balalisuu aragattee lammii Parshiyaa, Reeymondee de Laroosh jedhamtudha.

Onkololeessa 22, 1909 irratti dubartii yeroo jalqabaaf xiyyaara balaliiste kan taate dubartiin kuni bara 1910’tti ture eeyyama ishee kan argatte.

Reeymoond balaa xiyyaaraa addaa addaa sadii irraa lubbuun ooltee turte.

Balaa xiyyaaraa afraffaa ishee mudateen garuu lubbuun ishee darbe.

Amsaale Guwaalu
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kaappiteena xiyyaara Itoophiyaa jalqabaa Kaappiteen Amsaalee Guwaaluudha jedhamee amanama

Amsaale Guwaalu

Seenaa Itoophiyaa keessatti dubartiin jalqabaa kaappiteena yookiin balaliistuu xiyyaraa taate Kaappiteen Amsaalee Guwaaluudha jedhamee amanama.

Onkololeessa 14 Bara 2010 irratti dubartiin kuni balaliistuu xiyyaara Q-400 jalqabaa ta’uun eegalte.

Amsaaleen, amma Itoophiyaa keessatti dubartii jalqabaa kaappiteena xiyyaara Boeing 767, Boeing 777 fi Boeing 787 taatedha.

Aslii Hasan Abaade

Aslii Hasan Abaadee aardiii Afrikaa keesssatti dubartii yeroo jalqabaaf balaliistuu xiyyaara waraanaa taatedha.

Lammiin Somaaliyaa Asliin bara 1976’tti balaliistuu dubartii xiyyaara waraanaa jalqabaa fi hanga ammaatti balaliistuu dubartii ishee tokkittii Humna Waraanaa Somaaliiyaa ta'un tajaajilaa jirtudha.

Pirezidantiin biyyattii akka isheen balaliistuuf eeyyama kan kennaniif, erga waraqaa ragaa balalii biyya biraatti dhaqeen fudhadha jechuun dorsiistee booda akka ta’e Asliin dubbateetti.

Ispoortii

Daraartuu Tulluu
Ibsa waa'ee suuraa, Daraartuu Tulluun umurii ganna 20'tti Olompikii Barseloonaa injiffatte

Daraartuu Tulluu

Daraartuu Tulluun dubartii gurraattii Afrikaa jalqabaa dorgommii Olompikii irratti Warqee injifattedha.

Bara 1992’tti Olompikii Barseloonaa dorgommii figichaa meetira 10,000 irratti injifatte. Yeroos shamarree umurii ganna 20 turte.

Eegasiis dorgommii hedduurratti milkoofteetti, badhaafamteettis.

Injifannoon ishee keessumaa dubartoota Itoophiyaa duubaa dhufaniif fakkeenya guddaa ta'e.

Boqqojii, Arsii keessatti kan dhalattee Darartuun, Sadaasa bara 2018 irraa eegaltee hoggantuu Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa jirti.

Junkoo Taabeyii

Bara 1975, Junkoo Tabeyii, dubartii gaara guddicha addunyaa Evarastii yaabuun fiixee isaarra geesse ishee jalqabaa taate.

Umurii ganna 35’tti gaara kana kan yaabde Tabeyiin, lammii Jaappaanidha.

Imala ishee kanaan yeroo tokkotti mucuca cabbii jiruun awwaalamtee erga turtee booda, lubbuun baraaramte utuu abdii hin kutiin imala ishee itti fuftee guyyaa 12 booda milkoofte.

Junkoo Tabeyiin hanga bara 1992’tti garreen gurguddoo addunyaa torba hunda yaabdeetti.

Isteefanii Firaappaart

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Isteefanii Firaappaart tapha Korsa Rikaa fi Jarmanii irrati murteessituu turte

Isteefaanii Firaappaart

Isteefanii Firaappaart, Mudde 1, 2022 irratti seenaa Waancaa Addunyaa keessatti dubartii jalqabaa tapha kubbaa miilaa dhirootaa irratti murteessituu taatedha.

Lammiin Firaans kan taatee Isteefaaniin, taphoota Ligue 1 and Shaampiyeens Liigii Awurooppaa irrattis murteessituu dubartii ishee jalqabaa dha.

Waancaa Addunyaaf taphni jalqabaa isheen murteessituu irratti taate Waancaa Addunyaa Kataar, tapha Kostaa Rikaa fi Jarmanii gidduutti taasifamedha.