Chloe Zhao dubartii jalqabaa Eeshiyaa daarektara tahuun badhaasa Golden Globe mo'atte

Madda suuraa, EPA
Lammiileen biyyoota Eeshiyaa addunyaa kanarraa bakka adda addaa jiraatan Chloe Zhao dubartii Eeshiyaa jalqabaa hojii daarekterummaan badhaasa 'Golden Globe' mo'attee waan taateef miira isaanii 'imimmaan gammachuun' ibsaa jiru.
Hedduun isaanii karaa oonlaayinii shamarran Eeshiyaaf ''jajjabina guddaa taate'' jechuun galateeffataa jiru. Itti dabaluun ''injifannoo dubartoota bakka hunda jiraaniiti.''
Daarektarri fiilmii Nomadland kan dhalattee guddatte Chaayinaatti yoo tahu, badhaasa kana mo'achuun dubartii lammaffaati.
Kan jalqabaa Barbaraa Istireesand kan bara 1984 mo'attedha.
''Guutummaatti ibsuu hin danda'u, dubartiin aartii keessaa Kiloowii Zhaayoo dubartii Eeshiyaa jalqabaa badhaasa daariktera mo'atte tahuun seenaa hojjette'' jedhe namni tokko fuula tiwiitera isaa irratti.
Bara kana yeroo jalqabaaf badhaasa daarektara cimtuuf yerootti dubartootni tokkoo ol calallii keessa galanidha.
Rejinaa Kiingii fi Emiraaldi Feneel kanneen dorgommii calallii keessa galanidha.
Ms Istiresaand mataanshee Ms Zhaayootiin baga gammadde jetteetti, badhaasicha mo'achuusheef.
Akkas jette, ''Yerootu gahe.''

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Xumura maxxansa X, 2

Injifannoon ishee kun miidiyaa hawwaasaa Chaayinaa Weibo irratti haalaan jajameera. Baay'een isaanii dandeettii ishee dinqisiifataniiru.
Gama dubartootaan daarektera cimtuu tahuun badhaasicha mo'achuun kun ishee jalqabaati.
Diraamaan gariin asoosama tahe Nomadland jedhamu kun biyyattis diraamaa bareedaa jedhamuun badhaasa kan mo'ateeru yoo tahu, taatoon Frances McDormand jedhamtu dubartii Fern jedhamtu tahuun fiilmicharra akka tiksee bulaa ammayyaatti Ameerikaa naannofti.
Kun dubartii ganna 38 Kiloowiif fiilmii ishee sadaffaadha. Kan jalqabaa 'Songs My Brothers Taught Me' fi kan itti aanu ammoo 'The Rider' kan jedhaman ture.
Halkan badhaasa guddaa kanaa irratti dhalataan Eeshiyaa badhaafamte Zhao qofa miti.
Minaarii, daariktera 'Lee Isaac Chung' fiilmii afaan biyyoota alaa seenaa maatii Kooriyaa-Ameerikaa tahanii ibsu hojjettes badhaafameera.
Viidiyoon Golden Globes gadhiise akka agarsiisutti yeroo badhaasicha eenyu akka mo'ate himamu intalli isaa mudhii isaatti marmitee ''kadhadheera, kadhadheera'' yeroo jettu agarsiisa.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3

"Yerootti Eshiyaa-Ameerikaan warri taane haleellaa jala jirruufi akka lammii alaa fi dhukkubaatti ilaalamnutti badhaasicha Kiloowii Zhaayoo fi Minaariin mo'achuun waan guddaadha,'' jedhe gaazexessaan Diyep Tiraan fuula Twitter isaa irratti.
''Ni jiraanna, nuyi lammiilee Ameerikaati.''