Dhalattuun Ertiraa dubartii sanyii gurraachaa miseensa parlaamaa Jarman jalqabaa taate

Madda suuraa, HTTPS://AWET-TESFAIESUS.DE/
Jarman yeroo jalqabaatiif dubartii sanyiin ishee gurraacha ta'e yeroo jalqabaatiif miseensa mana maree godhachuun filatte.
Dubartiin mana maree Jarmaniin filatamte kun Ertiraatti dhalattee umuriin ishee wagga 6 osoo jiruu ture maatiishee waliin gara Jarmanitti godaanuun Heidelberg keessatti kan guddatte.
Bara 2009 irraa kaasee miseensa paartii warra Greens jedhamanii kan taate dubartiin kun, dhukaasa Hanu'aa magaalaa Firaankifart keessatti bara 2020 dhalate hordofuun ture gara dammaqinsaan siyaasa keessatti hirmaachuutti kan galte.
Dhukaasni yeroo sana qaqqabes deegartoota warra sanyii isaaniin of leellisan ilaalcha Naazii qaban (far-right Neonazi) ta'aniin kan raawwatame yoo ta'u, lubbuu namoota 11 galaafateera.
Maqaan dubartii kanaa "Awet" kan jedhamtu yoo taatu, akka afaan dhalootaashee Tigiriffa warra Ertiraatiin hiikni maqaashee kun 'mo'icha' jechuudha. Akka jechama ykn mammaaksa warra Ertiraatti ammoo 'maqaan ifa daandii irra imalan ibsu' jedhama.
Dubartiin kun gara magaalaa Barliinitti qajeeluun teessuma ishee paarlaamaa Jarman kan qabattu ta'a.
Paartiin Jarmanii ilaalcha siyaasaa gidduutii gara bitaatti duufu qabu jedhaman Sooshaal Dimokiraat (SPD) xiqqoodhaaf filannoo injifachuu ibsee ture paartii Aadde Awet kana waliin gamtaa tolfachuun mootummaa ijaaruuf jira.
Kun ammoo dubartii dhalattuu Ertiraa taate kanaaf carraa biraa ittiin dhiibbaa uumuu dandeessu itti guddiftu uumaaf jedhameera. '
Bara darbe haaluma walfakkaatuun dhalattuu Ertiraa biroon miseensa mana maree Niiwuu Ziilaand taatee filatamuun kan gabaafamee ture yoo ta'u, dhalataan Ertiraa Ibiraahim Omaar jedhamus seenaa Niiwuu Ziilaand keessatti miseensa paarlaamaa gurraacha Afrikaa jedhamee ture.
Ibiraahim Omar paartiin ministira muummee Jaakiindaa Ardeen, Labar Paarttii seenaasaa wagga 50 keessatti injifannoo guddaa argachuu isaa horofee miseensa paarlamaa ta'uu danda'eera.
Kana malees, waggoota dhiyoo asitti Ameerikaafi Siizerlaand keessatti Ertiraanonni hirmaannaa siyaasaa cimaa taasisan jiru.














