Dr. Illeeniin UNtti damee dargaggootaaf hojii uumuu akka gaggeessituuf filatamte

Dr. Illeenii

Madda suuraa, AIDA MULUNEH

Lammii Itoophiyaa kan taate Dr. Illeenii Gabremedihin Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) keessatti damee haaraa hundeeffame akka gaggeessituuf filatamte.

Dameen haaraa UN kun dargaggootaaf hojii uumuurratti kan hojjetudha jedhameera.

Sektarri kun Tiimbuktuu jedhamee kan waamamu yoo ta'u sektaroota dhuunfaafi mootummaa walitti qindeessuudhaan dargaggoota hojii uummatan tumsuuf qaama jaarmiyaa idil-addunyaa kana jalatti hundeeffamedha.

Illeeniin (PhD) kanaan dura Gabaa Omisha Itoophiyaa hundeessuun maqaa gaarii kan qabdu yoo ta'u, muudama haaraa kennameef kanaan ammoo "Warraqsa dijitaalaa saffisiisuudhaan dargaggoonni abdii misooma Afrikaa akka gaggeessan dandeessisuun," galma isaanii angafa akka ta'e dhaabbatichi fuula marsariitii isaarratti ifoomseera.

Dr. Illeeniin fuula tiwiitara isheerratti itti-gaafatamummaa haaraa kennameef kana ilaalchisuun gammachuu itti dhaga'ame ibsuun, carraan gaarii Afrikaa gara fuula duraa dargaggoota harka jira jechuun ibsiteetti.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Misoomaa (UNDP) ibsa baase keessatti akka jedhetti, Dr. Illeeniin gara itti-gaafatamummaa kanaatti dhufuun dargaggoota Afrikaa abbaa kennaa hedduu ta'an dandeettii hojii uummachuu isaanii sirnaan qajeelchuu keessatti gahee guddaa qabaata jedheera.

"Yeroo murteessaa miidhaa COVID-19 qaqqabsiise keessaa ba'uudhaaf carraaqqiin taasifamaa jiru kana keessatti sektarri dhuunfaafi kalaqawwan gahee guddaa qabaatu. Muuxannoon ogummaa Dr. Illeenii ammoo kana gaggeessuudhaaf gahee guddaa qabaata. Carraa kana argachuu keenyaafis gammachuu guddaatu nutti dhaga'ama," jedhe barreessaan gargraaraa UN fi daarektara UNDP damee Afrikaa Ahunaa Izihakoniwaa.

Yunivarsiitii Istaanfoordirraa kan eebbifamte Dr. Illeenii Gabremedihiin, Baankii Addunyaa dabalatee jaarmiyaalee idil-addunyaa gara garaa keessa sadarkaa itti-gaafatamummaatiin hojjetteetti.

Akkasumas bittaafi gurgurtaa omishaaleen qonnaa dolaara biliyoona hedduu baasan kan sochoosu Gabaa Omisha Itoophiyaa kan hundeessiteefi gaggeessituu taatee waggootaaf tajaailteetti Dr. Illeeniin.

Itti aansuudhaan ammoo dhaabbata maqaasheetiin waamamu hundeessuudhaan gamaa omishaarratti kutaaleen addunyaa gara garaa keessatti hojii gorsuutiin hojjetteetti.

Kana malees, dhaabbata Blue Moon jedhamuufi kan dargaggoota hojii uummatan gargaaru hundeessuun teessoo isaa Finfinnee godhachuun sochoosaa turteetti.