'Duunee awwala akka hin dhabneef daandiitti baanee qubanne' horsiise-bultoota hongeen harka qullaa hambise

Ganama sa’aatii tokkoo Waaree Guyyoo ollaa keessa deemuun waan ijoollee isheef kennitu kadhachuu deemti. Kaaba Keeniyaa Kawuntii Marsabeetii bakka Funaan Iddaa jedhamu jiraatu.
Haata’u malee, namoonni ollaasaanii hundi haaluma wal fakkaatu keessa waan jiraniif daqiiqaa muraasaan booda harka duwwaa deebitee, xiwwee (waan nyaanni ittiin bilchaatu) dhiqachuu eegalte.
Waan bilcheeffattus jiraateef miti Aaddee Waareen kan xuwwee dhiqatan, bishaan danfisanii soogidda itti naquun daa'imman akka qoonqoo jiifatan gchuuf jetti. Bishaanis taanaan inniyyu yoo argame qofaadha.
“Aki nu itti jirru akkana,” jetti akkuma xuwwee bishaanii ibidda irra kaa'aa jirtuun. “Guyyaa hedduu adoo waan nyaannu hin arganne oollee bulla, ijoolleen teenya lallaafaa dhufte, sababa hanqina nyaatatiif olka’u hin dandeettu,” jechuun jireenya hamtu keessatti argaman BBC'tti himte haati kun.
“Bishaan yoo arganne, kanuma dansifne soogidda itti dabaluudhaan ijoollee kennina, shukkaara bitachuu hin dandeennu silaa osoo isa argame bishaan kanatti daballee kenniinaaf ture.”

Baqattoota beelaafi dheebuu
Waareen Kaaba Keeniyaa Kawuntii Marsabeetii bakka Funaan Iddaa jedhamtu jiraatti. Namoonni ollaa kana jiraatan hedduunsaanii waan nyaatiifi bishaan hin jirreef kan gara sanatti baqataniidha.
Hongeen dura namoonni ollaa kana bakka tokkoo qubate hin beekuu, horii baay’ee waan qabaniif bara cufa akkuma waqtiin jirtuun dheeda barbaaduuf godaanaa turan.
Amma hongee cimaa waggoota shaniif ture kanaan horiinsaanii hunda waan jalaa dhumaniif maatiiwwan 270 asi qubatan.
“Durii raasaa keessa godaanna, takka daandii irra qubannee hin beeknu turre. Amma garuu akka ijoolleen teenya raasaa keessatti beelaan hin duuneef, yoo duunees akka reeffi keenya argamee awwalcha argannu jennee daandii irratti as baane qubanne.
“Ilmee horii fagooi jibaanne, ilmeen nu dhalle harkatti nu miidhamte jirti. Akka yaada keenyatti yoo daandii irra qubanne, deeggarsa arganne akka ilmee namaatti deebina jenneetti,” jechuun deeggarsa argachuun ijoolleensaanii akka lubbuun hafaniif kadhatu.
Daandiin isaan irra jiraatan daandii guddaa Naayiroobii gara Mooyalee geessuudha. Qondaaltoota mootummaa dabalate konkolaatota baay’eetu guyyaatti karaa sana darba.
“Namni guyyaa tokkoo asi dhaabbate rakkoon teessan maal jedhee nu gaafate hin jiru. Nuttis garuu hanga kana dagatamna jennee yaadne hin beeknu ture,'' jedhu qaamni isaan gaafate akka hin jirree yoo ibsan.

Namni horiin tokko itti hafe hin jiru
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka ibsa dhaabbata Mootummota Gamtoomaniitti, Kaabaa Keeniyaatti ji’oota darban keessatti horiin miliyoona 2.4 du'aniiru. Kawuntii Marsabeetii keessatti qofa hoolonni 121,000, gaalii 35,000 fi loon 38,000 oli Mudde 2022 keessaa dhuman.
Lakkoofsi kunis ergasii booda garmalee dabalutu himama. Akkuma namoota ollaashee Aaddee Waareen horii qabdu cufa dhabde. Akka horsiisee bultoota kaanii hongee duraan loon qabachuu baatus, re’ee 40 ol qabdi turte. Amma harka duwwaa hafuun yaadaa hamaa keessa jirti.
“Halkan hin rafu, yaadni natti hamaate jira. Bakka ijoollee itti guddifadhu hin qabu, waan nyaatan hin qaban, horii tokko hin qabu.”
Ishee qofa utuu hin ta’in namoonni loon 200 ol hongeen dhaban ollaa kana keessa jiru. Kanneen sababa kanaan sammuun darbes jiraachuu himti.
“Isii durii namni banate bobbaafata, amma ammoo hojiin bira hin jirtu ganama yoo hir'ibaa ka’an muka jala tata’anii, muki sulleen ammoo gaaddisa hin qabu, maraatuun kana caaltuu jirti?” jechuun ibsu haala namoonni keessa jiran.
Erga ji’a shanan asi haadhii ijoollee shanii tun, mana muka qofaan ijaaran kan aduu fi qorra irra isaan ittisuu hin dandeenye keessa jiran.
“Muki jiraate obeensa gubbaa hin buufannu, horii qabaane pilaasterii cimaa laastikii bitachuu hin dandeennu, guyyaa gaaddisa hin qabnu halkan qorra hin rafnu.”
“Halkan asi keessa rafuu sodaana, bineensi dhufe wayyaa manaatti uffanne nyaachaa bula. Ijoollee fa'i nu jala fudhata jenne namni hedduun mana tokkoo keessa rafna.”

Dhiironni eessa jiru?
Ollaa kana keessa dubartoota, ijoollee fi jaarolee malee dargaggoota fi dhiironni hin mul’atan. Bakka isaan jiran namni beekuu hin jiru.
Abbaan warra Aaddee Waaree Guyyoo gaafumma horiin dhume, isheefi ijoollee dhiisee deemuu himti. Miidhaa hongeen fideen, maatiin hedduu gargar baqachuu dubbatti.
“Jaarsii kiyya eegii asi deemee ji’a sadii ta'eera. Odduu isaa hin qabnu, bakka inni jiru hin beeknu. Lubbuun jiraatee, jiraachuu baatee waan beekuu hin qabu. Ollaa kana dhiirtii hedduun keessa deeman, garuu nuti ijoollee dhiifne deemuu hin dandeenyu, kanaaf rakkachaa jira.”
Asiin dura isheefi abbaan warrashee horii isaanii wajjiin godaanaa turan, takkaa adda bahanii hin beekan.
“Yoo walliin asi teenye wal biratti duuna jedhe, namni yaadii ijjeesse kan akka maraataa jiru asi deeme. Amma yaada beelaa, dheebuu fi ijoollee dabalate kan isaa qaba.”
Ammaatti ollaa kana keessatti namni beelaan du’e jiraachuu baatuus, kanneen dadhabaa jiran hedduudha jetti.
“Isii namni beelaaf gaggabu, kan akka bishaan nyaata ta’e bishaanin qulaamsan, kan bishaan sunuu argachuun ulfaata du’a moo?”

Beelli walitti nu araarsite
Akkuma Funaan Idda jiraattonni Torbiis rakkoo beelaa fi dheebuu cima qabu. Gumaatoo Soraa, loon afran moonaashee keessatti hafan ilaalaa jirti. Sa'i tokkoo utuu af-gaaffii taasisaa jirru kuftee dute.


“Loon kiyyaa 100 ol turan, hoolonni akkasuma 100 turan, amma wanti hafe hin jiru, sadan kulleen waan lafaa fuudhan hin qaban. Re’en tiyya gama Itoophiyaa jirti, jiraatuufi taan hin beeku.”
Abbaan warrashee horii dhabuu irra kan ka’e dhiibbaa dhiigaan qabame, miilaan socho’u hin danda’u. Fayyaansaa haala hamaa keessa jira.
Qabeenya horiisheen mana ijaarattee ijoolleeshee barsiisaa turte, amma garuu waan isaanii laattuuyyuu hin qabdu.
Ollaasaanii guddaa waan ta’eef, bishaan argachuun ulfaatadha. Bishaan liitira 20 lama argatan, manishee ijoollee hedduu waan ta'aniif inni kunis kan guyyaa tokko dhugan qofadha.
Sababa waldhabiinsa jiraattonni Funaan Idda fi Torbii akka nyaaphatti wal ilaalaa turan. Waggoota hedduu waraana gidduu isaani tureen lubbuun namootaa darbee, horiin saamamee, qabeenyi barbadaa’e.
Amma garuu erga hongeen hamaattee walitti dhufanii eebbifatanii nagaa buusan. Ollaan Funaan Iddaa deeggarsa uummataa Torbiitiin jiraachuu himu.
“Nu uummataa tokkoo, ammoo barii seexana nu godhe wal lolaa ture, galata Waaqaa nagaan bu’e amma wal keessa deemuun wal gargaaraa jira,” jetti Gumaatoon.
“Wal malee wommaa hin qabnu, namni walitti bo’ee araaraa wal gaafate. Waaqaa waliin kadhanne akka naasuu irra arganne bokkaan nu bu’e namaa fi sa’i jiraatu.”

“Nu warruma akka badii jirutti asi jira”
Akkoo Geediin ummanni daandiirratti godaanan, intalshee ulfoo taatee qabate Funaan Iddaa dhufte. Intaltishee asiitti deesse.
“Akka yaadaa kiyyaatti yoo daandii irra qubanne, uumataafi mootummaan nu arge gargaarsa arganna, kanaaf intala halkan da’a jirtu qabadhe dhufe.
“Asiitti garuu deeggarsa wommaatu dhabne, intalti deette nyaata dhabde. Siriyyuu aduufi qorri isheefi daa’ima ajjeessuuf jennaan ollaa kadhadhee bira kaa'e'' jetti.
Akka beelaan hin duune, dubartoonni ollaa kanaa heddun qoraan cabsuu fi cilee gubuu eegalan. Ta’us nama irra bitatu dhabanii ollaa keessatti tuulan.
“Cilee fi qoraan kana namni cufti hin danda’u, gariin utuu cilee gubanii beelaa fi dheebuu gaggaban. Ammoo filannoo biraa hin qaban ijoolleetti harkatti du’a.”
“Asi osoo namni dhukkubsatee, hospitaalli hin jiru. Kanaaf yoo mataan nama bowwaafatelle gargaarsi hin jiru, Ijolleen waan nyaate dhugdu hin qabdu, bakka deemte itti baratu hin qabdu, nu warruma akka badii jirutti asi jira.”














