Koonsoo: Hawaasa seenduubeen Boorana Liibanii ka’u, gumaachi Gadaa Oromoo keessatti qaban maali?

Maanguddoota Koonsoo sirnaaf deemaa jira

Koonsoon hawaasa Kibba Itoophiyaatti argamuufi kan hojii ogummaa fi eegumsa biyyoo fi bishaanitiin beekamtii guddoo qabaniidha. Hojiin daagaa fi eegumsa naannoo isaanii kun hambaa addunyaa ta’ee galmee UNESCOtti erga galmaa’ee bubbuleera.

Hawaasni gosoota sagal qabuufi Boorana waliin barootaaf waan hedduu qooddatee jiraatu kun bulchiinsa Gadaa Oromoo waliin walfakeenya qabuunis walbulchu.

Obbo Saraawwit Dibaabaa ittigaafatamaa Qajeelcha Aadaa fi Turizimii Godina Koonsooti. Akka isaan jedhanitti, hawaasni Koonsoo kun ka’umsisaa Boorana Liiban irraa akka ta’e galmeewwan seenaa ni himu jedhu.

“Akka seenaan jedhutti, hawaasni Koonsoo kun waggoota 500 dura ka’umsasaa Oromiyaa Boorana Liiban irraa ka’uun dhufee bakka amma Koonsoo jedhamu kana akka qubate hima. Hawaasni kun amma gosoota sagal qaba,” jedhan.

Akkaataan caaseeffama Gosaa warra Koonsoo kunis caaseffama gosaa Booranaa waliin walfakkaataa akka ta’es himu. Gosti Koonsoo jiru gosa fakkaataasaa gosoota Boorana keessaas qaba.

Qorataa aadaafi seenaa Aab Jaatanii Diidaa gamasaaniin Koonsoon dhalootaan illeen Booranuma waliin dhalate jedhu.

“Koonsoo fi Booranni obbolaadha. Koonsoon mucaa gurraacha bifaan obbolaa hin fakkaatu. Inni quxxusuu Booranaati jedhama. Waan inni bifaan obbolaa hin fakkaanneef obbolaan amalaan waljibban. Ammoo haati koonsoo ni eebbiste. Koonsoon eebba haadhaa qaba jedhama,” jedhu.

Koonsoon bifaan gurraacha waan ta’eef konsicha jedhamee maqaan akka ba’eef kan dubbatan Aab Jaataniin, akka seenaan abbootaa jedhutti bara dheeraan dura nama maqaan Biyyoo Sidoo jedhantu Koonsoo Booranaan waldhabsiise jedhu.

“Koonsoo Booranuma keessatti wal horee baayyate. Booda akka malee wallolanii jennaan Liibanii Godaanee baddaa amma jiru kana qubate. Lafti inni qubate lafa fardi hin dhaqqabne, bakka warri Gadaa kun qaqqabanii adabuu hin dandeenye lafa gaaraa deemee qubate” jedhu.

Lafti Gosti Koonsoo amma irra qubatee argamu harki 70 kan ta’u gaarreenii fi lafa olka’oodha.

Waggaa dheeraan duuba eegi Koonsoon baay’atee wal horee Koonsoo balleessa akka hin qanne waan hubatameef Abbaan Gadaa Booranaa yeroo sanaa lafa sana deemanii Koonsicha dhiifama akka gaafatanilleen himu.

Dhiroota Koonsoo

“Abban Gadaa Booranaa badii barsana Koonsoorra gaheef lafa inni qubate deemee araara gaafate. Abbaan Gadaa bara sanaa eenyu kan jedhu maqaan hin beekamu barrisaa fagoo. Ammoo obboleessa isaa irratti badii baras raawwate araarri godhe” jedhan.

Eegasii Boorannii fi Koonsoo hariiroo jaalalaa fi waliin jireenyaa cimaa horachuus himu.

“Lafa Booranaa yoo loon Koonsoo dheedan hin dhoowwan. Loon Booranaa yoo marra Koonsoo dheedes hin dhoowwan. Intala Booranaa yoo Koonso fuudhes hin dhoowwan. Warri warra aadaa jabeessu, warra cubbuu hin qabne” jedhan.

Mana aadaa Saba Koonsoo

Jila Gurgur Naqaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warri koonsoo akkuma Booranni Gadaadhaan walbulchu isaanilleen sirna bulmaata aadaa ofiisaanii qabu. Ta’ulleen sirni bulchiinsa isaanii kuni kan Gadaa Oromoo waliin wal fakkeenya qaba.

Sirni bulchiinsa isaanii waggaa sagal sagaliin kan raawwatamu yoo ta’u, gaggeesitoonni aadaa kun ammoo kaallittaawwan jedhamu.

Akka Aab Jaataniin jedhanitti, abbootiin Gadaa Booranaa yeroo baallii fudhachuu fi kennuun gahu gara Koonsoo deemanii sirna Gurgur Naqaa jedhamu raawwatu.

“Maqaan Gurgur naqaa jedhu kuni tokko waa kennee inni sun immoo waan dhibii siif kenna. Malee wanti gurguramu hin jiru. Walii naqan”.

Gaafa Baallii kennulleen kennamsa qabatee deemee na eebbisi, Baallii kennaa qumbii naakenni, damma naaf kenni jedhee wal eebbisa jedhu.

“Wayaa aadaa tan Booranni baallii ittiin walii kennan kana warra Koonsoo kanatu hojjata. Abbaan Gadaa lallabuuf Baddoo bitata. Baddoo tanammoo warra Koonsoo kanatu dhaha. Saddeetallen jaratu dhaha. Kallachi abbaan Gadaa baalliin kennu, kan ittiin jilatulleen kan Koonsoon kennu” jedhan.

Warri Gadaa Booranaa sirna Gurgur Naqaa kanarratti yeroo gara Koonsoo jilaaf imalan loon, hoolaa qabatee deemee kennaaf. Kana malee sogiddi Boorana malee Koonsoo waan hin jirreef abbaan Gadaa soogiddalleen qabateefii deema jedhan.

Akka Gadaa Booranaatti namni Abbaa gadaa ta’e yookaan ta’uuf jiru waggaa saddeet keessatti marroo lama gara Koonsoo jilaaf imala.

“Abbaan Gadaa tokko Baallii kennee waggaa sadaffaa irratti ‘Duula Guutuu’ jedhanii galaanatti warra koonsoo waliin dhiqatan. Galaana kanatti yoo waliin dhiqatan waan hamaan, cubbuun gidduu keenyaa haa dhiqamtu akka jechuuti. Walirratti miti hammeennarratti duulla jechuudha,” jedhan.

“Lammaffaan Baallii kennuuf jedhulleen Koonsootti Godaanee achii damma fudhata. Dammi kuni sirna baallii kanaaf barbaachisa. Dammi jila baallii damma Koonsooti. Gaggaaffiin, Kallachi, Gaddoo, saddeetaa fi waan hedduun Koonsoorraa fudhata. Ofiimmoo loonii fi soogidda kenna,” jedhan.

Jilli abbootii Gadaa Booranaa kun yeroo Koonsootti Godaanu ardaa qubatu qaba. Gandoota akka Abbaa Roobaa, Karfuuraa fi Jaarsoo bakka jedhaman qubatu.

Hariiroon obbolummaa Oromoota Booranaa fi Koonsoo kun marraa fi bishaanirra darbee aadaa bulchiinsa Gadaa keessattilleen tumsa qabaachuu kan akeekudha.

Akka itti gaafatamaan qajeelcha aadaa fi turizimii Godina Koonsoo Obbo Saraawit Dibaabaa jedhanitti, jilli Gadaa Booranaa kun yeroo Koonsoo qubatu guyyoota sagaliif achi tura.

Abbootii Gadaa Koonsoo

“Jilli Gurgur Naqaa amma abbootiin Gadaa Koonsoo itti jiran kun akka seeraatti guyyaa sagal fudhata. Haaluma yerootiin amma guyyoota shanitti xumuramuuf waliigalame. Guyyaa shanaffaatti jilli Gadaa Booranaa kuni eebba fudhatanii deebi’u” jedhan.

Boorannii fi Koonsoon ilmaan Hangafaa fi quxusuuti kan jedhan Obbo Saraawwit nuti maatii tokko malee ollaa miti jedhan.

“Koonsoo fi Booranni ollaa walii osoo hin taane maatii tokko. Nuti maatii tokko. Boorannii fi Koonsoon walolluunuu qaaniidha jedhamee amanama. Safuudhas. Obbolaa hangafaaf quxusuuti malee qaama lama miti,” jedhan.