‘Niiw Yoork’ Koonsoo ‘Abaarsaan’ uumame

Niiwu Yoork warra Koonsoo

Bara durii ture jedhan, gosawwan Koonsoo salgan keessaa mootii gosa Faashaa kan ture Almoogeen, bara aangoorra turan miseensa maatii moototaa keessa tokko waan ta'ee hin beekne godhe. Seera cabse jechuudha.

Ilmi mootii seera hawwaasaa cabsee dogoggora hojjete kun, 'mootiin gosaa haadha warraa lama fuudhuu hin danda'u' kan jedhu seera warra Koonsoo cabsuudhaan haadha warraa lama fuudhe.

Gochi ilma mootii kanaa gaggeessitoota gosaawwan biro aarse, ni dheekkamanis. Kanaan qofaanis hin dhaabbanne ture, 'adabamuus dandeessa' jedhanii murteessan.

Murteen sunis akkas jedha: 'Kanaan booda mootii ta'uu hin dandeessu, ulfina keerraa buuteetta, dhalli kee yoo guddate bakka si bu'uu danda'a malee, carraan kan kee mootii ta'uu dhumateeraaf.

Ilmi mootichaa kun isa aarse meeshaawwan hawwaasicha keessatti kabaja guddaa qaban lama fudhatee miliqe. Alboo harkaafi xurumbaa/faaggaa gaanfa borofaarraa hojjetame.

Qe'ee isaa gadi dhiisuun gara bakka amma Koonsoo keessatti 'Niiw Yoork' jedhamuutti qajeele. 'Niiw Yoork' barasana dirree diriiraa ture jedhu. Bakke dirree ta'erra yeroo ga'utti, ambaariin harka isaa harka isaarraa buutee bade. Ambaaratti akka gommaa konkolaa konkolaattee ija ilma mootichaa kana jala dhokkatte.

Barbaadee bakka ambaaritti arguu kan dadhe ilmi mootichaa, iddoo sanaa bakka ol ka'aa ta'erra bahee yeroo ilaalutti Ambaarittin yeroo ballaqooftu arge. Bu'ee bakka itti arge yeroo deemu garuu jalaa baddi.

Osoo deebiyee gara lafa ol ka'aa isaatti bahuu, bu'uu oolee abdii yeroo kututti, xurumbaa gaafa borofaa irraa hojjetameen lafa waraanaa laficha abaare.

Akkas jechuudhaan, "lafattinana kan abaaramte ta'i; mataafi miilli kee haa badu."

Guyyaa sanarraa jalqabee lafti dirree ciisaa ture babbaqaqee, 'Niiw York' ammaa kana uume. Kun maanguddoon ganda Geserejoo Obbo Adulaa Asaffaa kan jedhanidha. "Akaakayyonni isaanii abbootii isaaniitti himaniiru, abbootiin keenya ammo nutti, nuti ammo kunoo ijoollee keenyaaf…"

Obbo Adulaa Asaffaa, jiraataa ganda faashaa
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Adulaa Asaffaa, jiraataa ganda faashaa

Xehaaxoo

Biyyoo cirracha qaburraa kan xaqaxaqqamee hojjetamu gamoowwan uumamaadha. Yeroo tuqan kan burkutaa'an kan fakkaatan garuu, kennaa teessuma lafaa baroota ce'anii jiraatan.

Bakka teessumni lafaa uumamaa kun itti argamu ganda Geserejoo jedhama. Bakki 'Niiw Yoork' jedhamee beekamu ammo Xehaataa jedhu.

Kanaaf, maqaan 'Niiw Yoork' jedhu eessaa dhufe?

«Nuti Xehaataa jenna malee 'Niiwu York' kan jedhu maqaa faranjoonni baasaniifidha. Akkuma manaa foddaafi karra qileewwan qaban ni jiru. Faranjoonni kana argan 'Niiw Yoork' isa biyya keenyaa fakkaata jedhanii maqaa 'Niiw Yoork' jedhamu moggaasaniif faranjoonni kunneen.

Gamoowwan cirrachaa Xehaataa ijatti baayyee kan bareedanidha. Yeroo ilaalan tuullaa hiddii fakkaatu. Yoo haanxaadhaan tuqanis kan burkutaa'an fakkaatu. Garuu kun bokkaafi rooba damdamatee baroota qaxxaamuraa har'a ga'eera.

Ijoolleen ganda Geserejoo yeroo akka qamaleetti itti rarra'an arguun ammamoo amma kufu jechuudhaan dhiphachuu keessa nama taasisus isaan itti baraniiru. Tuullaa cirrachaa kattaarra jabaatee akka ta'es ni beeku.

"Yeroo ani dhaludhus akkasuma ture; yeroon guddadhus jijjiirama tokkoyyu hin argine; ani amma dulloomees inni isumadha," jedhan Obbo Adulaa.

Waayit Haawus, Pentaagoon, Laaliibelaa maqaan jedhaman kunneen Niiw Yoork keessatti kan baramanidha. Daawwattoonni tuullaa cirrachaa bocawwan gamoo qaban kana yeroo argan, 'kunimmaa Laalibelaa' fakkaata, kun ammo Pentaagon jechuudhaan maqaa kennuuf.

Xehaataan Koonsoo irraan gadi hanga meetira 80 gadi fagaata.

Niiwu Yoork

Koonsoo hojiidhaanis ta'e daawwannaadhaan namni deeme bakka ajaa'iba ta'e kana osoo hin daawwataniifi oogummaa uumamaa hin dinqisiifatiin deebinaan ni gaabba.

Yeroo ammaa lakkoofsi daawwatootaa xiqqaatullee, daawwattoonni biyya keessaafi biyya alaa gara Xehaa [Niiw York] dhufuun dhaabatee hin beeku.

Daandii Aarbaamicirraa Koonsoo geessu mijataa ta'uu dhabuun isaa ni beekama.

Saayinsiin maal jedha?

Qorattoonni wantota lafa keessaa uumama gara gara akka 'Niiw Yoork' kana 'Kaaniyeen' ykn 'Goorj' jedhuun. Kennaawwan uumamaa kun karaa lama akka uumaman saayinsiin ni mul'isa.

Tokkoffaan, wantoota uumamaan dhufan kan akka rooba guddaarraan kan ka'een lafti bishaaniin fudhatamaa fudhatamaa yoo deeme. Kan biraan ammo lolaa ykn bishaan lagaa [Kaayen] lamatti adda baasuun ta'a. 'Kaaniyeenota' hedduu akka addunyaatti beekaman keessaa gidduu isaanii bishaan ni yaa'a.

'Niiw Yoork' ykn Xehaan garuu bishaan gidduu hin yaa'u; bokkaas ta'e lolaan itti hin buune [yoo xiqqaate bara keenyatti]. Haata'u malee, kunuunsaafi eegumsa barbaada.