Imalli seeraan alaa gara biyyoota Arabaa seeraan daanda'amaa laata?

Lammiilee biyyoota Arabaarraa deebi'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen hedduu seeraan ala jiraattu jedhamuun Saawudiirraa ari'amanii turani

Lammiileen Itoophiyaa sababii garaagaraatiif karaa seeraan alaatiin biyyaa bahan balaa adda addaatiif saaxilamaa turuun isaanii ni yaadatama.

Keessattuu miidhaa biyyoota Arabaatti lammiilleerra gahu ittisuuf motummaan ittisa imalaa taasisee ture. Amma ammoo ittisicha kaaseera. Kun tarii fala fiidaa laata?

Miidhaan qaamaa fi sarbamni mirgaa lammiilee hojii barbaacha gara biyyoota Arabaa deemanirra waggootaaf gahaa ture hawaasichaaf yaaddoo ta'ee tureera.

Hojjachiiftootaan reebamuu, gudeedamuu, kanfaltii dhorkamuu fi miidhaawwan sukkaneessaa ta'an kan biroo lammiilee Itoophiyaa gara biyyoota Arabaa deemanii hedduuti.

Keessattuu vidiiyoowwan miidhaa sukkanneessaa Itoophiyaanota kanneen irratti raawwataman erga midiyaalee hawaasaa irratti gadhiifamanii booda yaaddoon hawaasa keessatti baballatee ture.

Tarkaanfii Saawudiifi labsii haaraa

Sawudiin waggoota afuriin dura namoota seeraan ala ittiin jettee biyyaa baasuunshee, motummaanis imalawwan hojjattuu manaa ta'uuf gara biyya Araboota garaagaraatti taasifaman dhorke. Waggaa tokkoofi walakkaan booda ammoo, manni maree bakka bu'oota ummataa labsii adeemsa hojii biyyoota ambaa lammiilee Itoophiyaa haraa 923/2008 raggaasise.

Labsichis lammiileen nageenyaafi mirgi isaanii eegamuun akka biyya ambaa hojiirratti bobba'an gochuuf haalawwan dandeessisan akka mijeessu ibsawwan tarreesseera.

Kana malees, labsichi, dhimmoota eenyutu deemuu qaba? Ulaagaafi leenjii akkamii gutuu qabaata? Itti gaafatamummaafi dirqamni eejansiiwwaniifi hojjachiftotaa hanga eessaatti? Jedhanirratti ni ibsa.

Dhimmoota labsichi akka mummeetti kaase keessaa tokko eejansiiwwan dhuunfaa kan hojjatan yoo ta'e, kaappitaala miiliyoona tokko, gareen yoo ta'e ammoo miiliyoona shan akka qabaataniifi dabalataan doolaara kuma dhibba tokko akka lafa kaa'an kan jedhu keessatti argama.

Dhimmi insuraaansiin akka dhaabbatuufi eejansiiwwanis lakkoofsa namoota erganiitiin akka inshuraansii kanfalan kan jedhu kan biraa ture.

Haa ta'u malee, baayyinni maallaqaa akka lafa kaa'an gaafatamuun eejansiiwwan isaa baayyee akka hojicha keessaa baasu yaadama.

Gama biraatinis, namni hojiif gara biyya alaa deemu kamiyyuu yoo xinnaate kan hanga kutaa saddeetiitti barateefi leenjii ogummaa ragaa gahumsaatiin mirkanaa'e fudhachuu akka qabaatu kaa'eera.

Warri qacaranis ulaagaalee kaa'aman guutuu akka qabaatan labsichi ni kaa'a.

Namoonni gara biyyoota Arabaa deemuuf barbaadan baayyenis, kan baadiyyaadhaa dhufaniifi kutaa afurii oliin hinbaratin yoo ta'an, ulaagaan kunis fedhii namoota deemuuf yaadanii hedduu akka daanggeessuu danda'u yaadama.

Labsichaan booda jijjiiramni dhufe maali?

Kanaan kan ka'es, waggoota afran darban keessa namoonni baayyeen karaa seeraan alaatiin biyya alaa deemaa turunsaanii ragaaleen ni mul'isu.

Imala karaa Sudaan, fi Keeniyaa dallaalotaan: viizaa tuuristii qabachuuun Booleerraa ka'anii biyyoota itti deemanitti hayyama hojii argachuuf dallaalota seeraan alaa waliin kan yaalanis akka jiran ni himama.

Tibba tokko lammiileen 30 karaa daandii xayyaaraa Filaayi Dubaayiin deemanii hojjattoota immigireeshinii buufata xiyyaarichaatiin qabamanii deebi'uun isaanii agarsiisa tokkodha.

Torbee darbe keessas gaazexessaan BBC dubartoota lammiilee Itoophiyaa 10 haala kanaan deemanii osoo hin milkaa'iniif hafee gara biyyaatti deebi'aa turan, buufata xiyyaaraa Naayiroobiitti argee ture.

Ragaa dhaabbilee gargaarsaa irraa

Aadde Xiruubirhaan Geetinnat dhaabbata Guud Saamaariitaan jedhamu kan dubartoota gara biyyoota Arabaa deemuun miidhaan xiin-sammuufi qaamaa irra ga'e gargaarutti bulchituudha.

Osuma mootummaan ittisa kaa'ee jiruu, lammiileen hedduun karaa seeraan alaatiin gara biyyoota arabaa deemaa akka turanni himu.

Bara Awurooppaanotaa darbeen qofallee namoota karaa seeraan alaa gara biyyoota Arabaa deemuun miidhaan adda addaa irra ga'e 120 oliif Guud Saamaariitaan gargaarsa taasisuu dubbatu.

''Mooummaan ittisa kaa'us wanti dhaabbate hin turre. Tarii lakkoofsi dallaalaa hirratteera ta'uu mala,'' kan jedhan Aadde Xiruubirhaan, dubatoonni miidhamanii deebi'an hedduun isaanii dallaalaadhaan karaa Sudaaniifi Jabuutii deemanii kan turan ta'uu ibsu.

Akka isaan jedhanitti xiyyaaraan kallattiin kan deeman jiraachuufi mootummaan cufullee dallaalonni adeemsa imalaa keessatti hirmaachaa akka turanidha.

Miidhaan irra ga'ee gara Guud Saamaariitaan warreen deeman keessaa heddun isaanii Beeyiruutirraa kan dhufanidha. Baay'inaanis deemanii ji'a sadii osoo hin guutin kan deebi'an ta'uu dubbii isaaniirraa ni hubatama.

Lammiilee biyyoota Arabaarraa deebi'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen hedduu biyyoota Arabaarraa miidhaan xiin-sammuufi qaamaa irra ga'ee deebi'u

Eejansiiwwan maal jedhu?

Itoophiyaatti waldaa eejansiiwwan tajaajila bobbii hojii biyya alaatti pireezidantii kan ta'an Obbo Mazgabuu Asaffaa, eejansiiwwan irratti ulaagaaleen 12 ta'an akka jiran eeru.

Ulaagaaleen tokko tokko eejansiiwwan seeraan ala hojjataniifi akkasumaan qophii malee kan itti seenan ittisuuf kan kaa'aman ta'ullee, gariin isaanii hojiirra oolchuuf rakkisoo ta'uu Obbo Mazgabuun ni dubbatu.

Akka isaaniitti, Doolaara 100,000 qabsiisuun eejansiiwwan hedduuf baay'ee rakkisaadha. Gama biraatiin mirgi lammiilee kan sarbamu eessatti jedhanii ilaaluun barbaachisaadha.

Labsicharratti waan kaa'amaniif qofa osoo hin taane, biyyoota lammiileen itti deemanitti dhugaan jiru maalidha kan jedhutu ilaalamuu qaba.

''Osoo rakkoon mudateenii biyya simatamanitti eenyutu isaaniif qaqqaba? Walitti dhufeenyi Embaasiiwwan waliin qabanhoo maal ta'uu qaba? kan jedhan fi dhimmoonni walfakkaatan sirriitti ilaalamuu qabu. Dhimmichi eejansiiwwan irratti qofaa kan gatamu miti'' jedhu.

Ibsa mootummaafi dhugaa lafa jiru

Ministeerri Dhimma Hojjattootaaf Hawaasummaa garuu, ulaagaan qarshii rakkoo akka hin turre, inumaa eejansiiwwan 980 ta'an guca akka fudhataniifi iyyata akka galchatan ibsa.

Ministeerichatti daayirektoreetii bobbii hojii biyya alaatti daayirektara kan ta'an Obbo Birhaanuu Abarraa, eejansiiwwan ulaagaalee guuttatanii argaman 20'f ragaan gahumsaa kennamuu dubbataniiru.

Amma yoonaatti iyyata 980 keessaa hayyama kan argatan 20 qofaa ta'uunsaanii garuu waan himu akka qabu shakkii hin qabu.

Walga'iinsa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa biyyattii yaada keessa galchuun, waa'een ulaagaa sadarkaa barumsaas rakkoo akka hin taane dubbatu.

Haa ta'u malee, baroota darban keessa imaltoota lakkoofsaan hedduu gara biyyoota Arabaa deemaa turan keessaa baayyinni isaanii barreessuufi dubbisuu kan hin dandeenye ta'uunsaa faallaa dubbii kanaati.

Ittisni sun ba'ee osoo jiruu imalli seeraan alaa ittuma fufee ture. Eejansiiwwaniifi imaltoonni ulaagaalee labsii haaraa irratti ba'an guuttachuu yoo dadhaban imalli seeraan alaa jabaatee itti fufa kan jedhu yaaddoo namoota hedduuti.