Lakkoofsi lammiilee alaa viizaafi paaspoortii sobaan Itoophiyaa seenuufi bahuuf yaalanii maalif dabale?

Namoota biyyaa bahaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ji'oota sadan bara bajataa Itoophiyaa 2018 keessatti lakkoofsi lammiilee alaa sanada seeran alaatiin gara Itoophiyaa seenuufi Itoophiyaa keessaa bahuuf yaalanii haalan dabaluu tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa hime.

Tajaajilichatti daayirektarri Kominikeeshinii Obbo Amboo Maqaasaa BBCtti akka himanitti, ji'oota sadan darbe keessatti lammiileen alaa kuma sadii caalan karaa seera-qabeessa hin taaneen gara Itoophiyaa seenuuf yaalaniiru.

"Seera immigireeshinii osoo hin gutiin lammiileen biyya alaa 3,463 gara Itoophiyaa seenuuf yaalaniiru. Yaaliin isaanii irra gahamee akka deebi'an ta'eera. Akkuma kanammoo lammiileen alaa ulaagaa immigireeshinii osoo hin guunne Itoophiyaadhaa bahuuf yaalan 1,558 irratti too'annoon godhameera" jedhan.

Lammiilee biyya alaa ragaalee sobaa fi dogogorsiisaadhaan biyya keessaa bahuuf yaalan kanneen keessaa 43 seeratti dhihaatanii dhimmi isaanii ilaalamaa jiraachuus eeran.

Lammiileen alaa karaa seeran alaa socho'an jedhame kunneen viizaa gara Itoophiyaa ittiin seenan osoo hin qabaanne gama daandii xiyyaaraas ta'e keellaawwan daangaa biyyattiitin seenuuf yaalani.

Sochiin lammiileen alaa karaa seera immigireeshinii hin eegneen gara Itoophiyaa seenuufi bahuuf yaalan kunneen haala sochii Afrikaa keessa jiruun walqabata jedhu Obbo Amboon.

"Haalli Gaanfa Afrikaa keessa jirus kanaaf ibsituudha. Gama kaaniin lammiileen lixa Afrikaa irraa dhufan yeroo hedduu hojiiwwan namoota gowwoomsuu, daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuu hojjetan waliin walqabatee gara Itoophiyaa fedhiin dhufuu jira. Kanammoo warra ulaagaa ittiin seenan osoo hin guunne yaalantu jira," jedhan.

Hordoffiin viizaafi paaspoortii, akkasumas sanadoota imalaa kuni nageenyaafi dantaa biyyaa eegsisuu waliin kan walqabatu waan ta'eef tajaajilli isaanii xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjechaa jiraachuus eeran.

Galaanoo Araggaa fi Haadhasaa
Ibsa waa'ee suuraa, Galaanoo Araggaa hojiidhaaf Dubaayi deemuuf yaalii taasise irratti kisaaraa maallaqaafi xiinsammuuf isa saaxiluun ni yaadatama
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Tajaajilli keenya eenyutu Itoophiyaa seene, eenyutummoo bahe kan jedhu too'achuurratti hojjeta. Kana keessatti, lammiilee ajandaa biyya miidhuu qabatanii Itoophiyaa seenuu barbaadan too'achuudhaan dantaa biyyaafi nageenya lammiilee eeguuf hojjetama," jedhan.

Kanneen ulaagaa immigireeshiniin gaafatu osoo hin guutiin biyya keessa seenuufi bahuuf yaalan, kanneen viizaafi paaspoortii sobaan socho'uuf yaalan baroota amma duraas kan ture ta'ulleen lakkoofsi isaanii bara kana haalan dabaluus himu.

"Kana dura namni biyya alaatii karaa seera hin eegnen Itoophiyaa seenuuf yaalanii irra gahame gara nama 800 ture. Ji'oota sadan darbe kanammoo 3,556 gahe. Kana yoo laaltu baayyee dabaleera," jedhan.

Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammuummaa Itoophiyaa buufataalee xiyyaaraa idil-addunyaa ta'aniin alatti daangaawwan biyyattii irratti keellaa too'annoo 28 ta'u hundeessuun tajaajila hordoffii kana taasisaa jiraachuus eeran.

Gama kaaniin kenniinsa tajaajila paaspoortiin walqabatee hojiiwwan dogogorsiisoon amma dura maamiltootan raawwatamu haalan hir'achaa dhufuu himu.

"Lammiileen biyya alaa deemuuf osoo umriin isaanii hin geenye ragaa sobaa dhiheessanii paaspoortii argachuuf yaalan jiru. Gama kaaniin lammiileen biyya alaa waraqaawwan akka heeyyama jireenyaa sobaa hojjachiifatanii Itoophiyaa keessa socho'an jiru."

"Amma sanadootni hojii immigireeshinii i tajaajila lammuummaa kanaaf oolan akka durii biyya alaatti maxxanfama osoo hin taane asumatti maxxanfama. Koodii mataasaa waan qabuuf ragaa sobaafi dhugaa haala salphaan adda baasna," jedhan.

Lammiileen alaa yeroo turtii isaanii darbanii Itoophiyaa keessa yoo turan, viizaa malee yoo biyya keessa seenaniifi heeyyama jireenyaa hin qabne adabbii isaanirraa eegamu kaffalanii gara seera qabeessummaatti akka deebi'anis dhaaman.

Viizaa sobaafi imala biyya alaa

Itoophiyaa keessatti maloota namootni goyyomsaafi waliindhahuun maallaqa namootarraa saaman keessaa tokko viizaa sobaafi biyya alaatti erguu kan jedhuuni.

Yeroo dhihoo asitti dargaggoonni hedduun viizaa sobaa biyyoota adda addaa irraa isaaniif ergamuun goyoomfamuun buufata xiyyaaraa irraa yoo deebifaman mul'achaa jiraachuus himan Obbo Amboon.

"Dargaggoonni hedduun carraa hojiif gara biyyoota Baha Giddugaleessaa deemuuf viizaa sobaatiin buufata xiyyaaraa deemanii achii yoo deebifaman mul'achaa jira. Tajaajilli keenya dhaabbanni hojii viizaa akka hojjetuuf bakka bu'iina kenneef tokkoyyuu hin jiru."

"Namoonni biyya keessaafi ala taa'anii lammiileerraa viizaa kennina jechuun kuma 50, kuma 100 fi isaa olis gaafatamne jedhan jiru. Warra kana kan too'atamanii dhimmi isaanii ilaalamaa jiran jiru. Kuni gocha dogongorsiisuti" jedhan.

Lammiileen tajaajila paaspoortiis ta'e viizaa dameewwan tajaajila immigireeshiniifi lammummaa biyyattii kutaa adda addaa keessa jiran 28 deemuun tajaajila seera qabeessa argachuu qabus jedhan.

Namoonni hojiidhaaf biyyoota alaa deemuu barbaadanis ejensiiwwan hojii waliindhahuufi goyyomsuutiin maallaqa guddaa gaafatan kana adda baafachuufi karaa Ministeera Hojii fi Ogummaatiin karaa seera qabeessaa deemuun filatamaa akka ta'es gorsu.

Dargaggoonni hedduun viizaa sobaatiin goyomsamanii maallaqa hedduu nyaataman akkuma jiran, kanneen milkaa'efi karaa seeran alaatiin biyyaa bahanis rakkoo walxaxaa keessa akka seenan himu.

"Mootummaan bara darbe lammiilee kuma 100 caalan biyyoota adda addaa irraa gara biyyaatti baasii ofiitin deebise. Kuni irra caalaan warra karaa seeran alaa deemani. Wagga meeqa hojjetanii harka duwwaa deebi'an. Kanaaf, dargaggoonni keenya karaa seera qabeessaa qofa socho'uu filachuu qabu" jedhan.