Sareen maatii Obaamaa: 'Hiriyyaa keenya hunda caaluun nagaatti jenneerra'

Fulbaana 9, 2010 Obaamaan saree isaanii Boo yeroo masaraa Waayit Haus keessatti kubbaa itti darbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baraak Obaamaa bara 2008 yeroo dorgommii pirezedaantummaarra turan ijoollee durbaa isaatiif saree tokko akka qabaatan waada galeefiif ture

Maatiin pirezedaantii duraanii US Baaraak Obaamaa saree isaanii Boo jehamu jaallatamaa "Hiriyyaa keenya hunda caalu" ittiin jedhan kan Sanbata kaleessaa du'eef gadda taa'an.

Haati-warraa Baraak Obaamaa, Misheel Obaamaan ergaa miidiyaa hawaasaarratti barreessiteen, Boo erga bara 2009 Waayit Hawus dhufee "kan nurraa adda hin baaneefi jiraachuun isaallee namatti toludha" jette.

Sareen bifaan guurraachaafi adii ta'e kun sanyii saroota Poorchugaal saree bishaanii jedhamanirraati.

Gosti saree kanaa qaama giddu-galeessa kan qabaniifi dur Poorchugaal keessatti namoota galaana keessaa qurxummii baasan gargaaruuf 'saree bishaanii' jedhame.

Kana malees gosti saree kanaa nama gammachiisuufillee ni gargaara.

Sareen Obaamaafaa kun yeroo isaan masaraa mootummaatti godaanan kennaa ijoollee durbaa isaaniif kenname ture.

"Nu hunda keenyaaf inni maal akka ta'e waan jennee ibsinu hin qabnu," jette Aadde Misheel Obaamaa.

"Inni akkuma nuti barbaadnetti nuuf ta'ee hanga eegneen ol nuuf ta'ee argame," jechuun barreessan Baaraak Obaamaan Boo du'uu yeroo ibsan.

"[Inni] guyyoota gaariifi hamaa dabarsinu, akkasumas guyyaa marallee nu arguudhaaf ni gammada ture," jechuun ibsan.

Pirezedaant Baraak Obaamaa, Giifti-duree Misheel Obaamaafi ijoollee uraa isaanii Ebla 2009 Waayit Hawus keessatti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Boo yeroo bara 2009 masaraa seenu umuriin isaa ji'a ja'a ture

Doonaald Tiraamp irraan kan hafe, waggoota 100 darban keessa pirezedaantonni US hunduu baaylada manaa fudhatanii Waayit Hawusii seenaniiru.

Pirezedaantiin yeroo ammaa Joo Baayidan saroota lama kan qabu yoo ta'u, isaa keessaa kan umuriin xiqqaa Maajor jedhamu nama ciniinee rakkisuutiin dhiyeenya Waayit Hawus keessaa akka ba'u taasifamuun isaa ni yaadtama.

Sareen maatii Obaamaafaa kun turtii isaa Waayit Hawus keessatti baayyee beekamaa ture. Bara 2013 ammoo gosa saree bishaanii Poorchugaal biraa waliin akka wal argullee taasifamee ture.

"Ko'ooma Waayit Hawus keessatti namoonni hedduu yeroo dhufanitti isaan gammachiisuuf taasisu mara obsuudhaan, nama ciniinuu baatus sagalee ol gudisee duta, yeroo bonaas bakkee keessa ulaataa taphata. Ijoollee waliin ammoo tasgabba'aaha, yeroo irbaataatti naannoo ta'uu jaallata. [Boo) dabbasaa gaariis qaba," jedhan Obaamaan ergaa maxxansaniin.

Pirezedaantiin US Baraak Obaamaa Boo waliin koriidariirra yeroo fiidu

Madda suuraa, The White House

Sareen kun yeroo ijoolleen durbaa maatii Obaamaa Maaliyaafi Saashaan yunvarsiitii galanittis akka isaan hin mukoofneef gargaaraa ture.

"Yeroo sababa weerara koronaavaayirasiitiif namni hundinuu manatti gale, eenyuyyu Boo caalaa hin tgamdne," jette Aadde Misheel.

Boo "dhukkuba kaanseriin rakkataa turee" du'e jechuun ergaashee keessattis eerteetti.