Maajor fi Chaamp: Saroonni Pirezedaant Joo Baayidan Waayit Hawus keessaa 'ari'aman'

Maajor fi Chaamp

Madda suuraa, @DrBiden

Ibsa waa'ee suuraa, Maajor fi Chaamp waggaa afur keessatti bineeldota Waayit Hawus keessa jiraachuu danda'anidha

Saroonni Pirezedaant Joo Baayidaniifi haadha warraa isaa Jiilii Baayidan nama ciniinuu isaaniitiin Waayit Hawus kessaa baafaman.

Maqaan saroota kanneenii Maajor fi Chaamp yommuu ta'an gosa sarootaa 'Jarman Sheeferd' jedhaman qaamaan gurguddoo ta'aniifi akka eegdotaatti gargaaranidha.

Isaan keessaa kan umuriin xiqqaa ta'e, Maajor, hojjetaa dhimma nageenyaa tokko ciniinuu isaatiin ture kan Waayit Hawus keessa akka baafaman ta'e.

Kana malees, amala hamaa Maajor hojjetoota Waayit Hawus irratti agarsiise hordofeeti tarkaanfiin Waayit Hawus keessaa akka baafamaniif fudhatame.

Akka miidiyaan US jedhutti, saroonni kunneen, gara qe'ee maatii Joo Baayidan Wilmiingitan Delawaaree jiruutti geeffaman.

Baayidaniifi maatiin isaa Maajor kan umuriin isaa waggaa sadii ta'e bara 2018 ture kan guddifatan. Sareen kun da'oo bineeldonni keesdsa jiraatan keessaa bahee Waayit Hawus keessa jiraachuuf kan jalqabaati.

Sareen isaanii inni kan biroon Chaamp jedhamu ammoo umuriin isaa waggaa 13 ta'eera.

Akka madeen CNNtti himanitti Maajor hojjetoota Waayit Hawus, akkasumas hojjetoota nageenyaatti utaaluu, dutuufi itti fiiguun rakkiseera.

Saroonni lamaanuu Waayit Hawus kan galan erga Joo Baayidan pirezedaantii ta'anii guyyoota afur boodadha.

Haati warraa Pirezidant Joo Baayidan, Jiilii Baayidan ji'a darbe yeroo 'Ze Keelii Kilaarksan Showu'tti dubbatte saroonni kunneen akka targabbaa'an irratti xiyyeefadheen hojjedha jettee turte.

Mudde darbe yeroo Ayyaana Qillee keessa saroonni kunneen waltajjii ifaan faayame irratti yeroo giifti-duree akka lammileen Ameerikaa maaskii godhatan beeksisanitti waliin mul'atanii turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Waayit Hawus bineeldota manaa waliin walqabatee seenaa dheeraa qaba. Haata'u malee, Doonaald Tiraamp garuu waggoota 100 keessatti pirezedaantii saree malee Waayit Hawus seene isa jalqabaati.

Hiriira Teksaas keessatti bara 2019 taasifamerratti Tiraamp Waayit Hawus keessa bakke yeroo hedduu saroota waliin miila diriirfatanitti dabarsuu, "kun akka balifannaatti natti dhaga'ama," jechuun darbees ammoo akka yerooo hin qabneetti dubbatee ture.