Indiyaatti kormaan handaaqqoo nama isa guddise ajjeese

Kormaa handaaqqoo

Madda suuraa, Getty Images

Kormaan handaaqqoo lola handaaqqoof jedhamee halbee itti hidhameen nama isa guddise ajjeese. Taateen kun kan uumame Kibba Idiyaatti yoo ta'u, biyya sanatti kormaa handaaqqoo wal-lolchiisuun aadaa baratamaa ta'uus gocha seeraan alaadha.

Kormaan handaaqqoo halbeen itti hidhame kun baqaachaa osoo jiruu namicha uffaasaa (lafa walga'a garaafi mogolee gidduu) keessa waraane. Namichi abbaa kormaa handaaqqoo (lukkuu) kunis wayita gara hospitaala geessaa jiranitti dhiigni keessaa dhumee lubbuun dabarte.

Poolisiin namoota 15 gocha lukkuu wal-losiisuu ganda Isteetii Telaangaanaa keessatti argamtu Lootunuur jedhamtu keessatti jalqaba torban kanaa gaggeefametti hirmaatan barbaadaa jira.

Lukkuun kun osoo gara bakka horsiisa lukkuu tokkotti hin dabarfamiin dura buufata poolisii tursiifamee ture.

Poolisiin akka jedhutti, kormaan handaaqoo kun osoo miliquuf baqatuu dirqamaan ari'amee qabamuun ture kan lola kanarratti akka hirmaatu taasifame.

Namichi yeroo handaaqqoo kana qabuudhaaf yaalutti halbee saantiimeetira 7 dheeratu miilla handaaqootti hidhamee tureen kan waraaname.

Namoonni gocha kana keessatti hirmaatan yakka nama ajjeesuun, qumaara (tirgaa) seeraan alaafi lola handaaqqoo seeran alaa qopheessuun himatamuuf jiru jechuun AFPn gabaaseera.

Qondaalli poolisiin bakka sanaa B Jiivaan akka jedhutti, kormaan handaaqqoo kun gara fuula duraa akka ragaatti gara mana murtiitti ni geeffama.

Biyya Indiyaatti handaaqqoo wal-lolsiisuun bara 1960 irraa kaasee seeraan ala jedhamus garuu gochi kun ammallee baadiyaa Telangaanaafaatti baratamaadha.

Namni kormaa handaaqqoo horsiisuun ajjeefamuun kun isa jalqabaa miti. Bara darbes namichi Andiraa Piraadesh tokko qarabaa miilla kormaa handaaqoosaatti hidhameen morma muramee lubbuun darbeera.

Akka CNN gabaasetti, yeroo balaan sun isa mudatutti korma handaaqqoosaa gara lola handaaqqootti geessaa ture.