Dubartiin osoo jirtuu 'akka duutetti' nama sosobdeefi dolaara miliyoonaan hatte sababa sareesheetiin argamtee qabamte

Saree rifeensa dheeraa qabdu dubartii burjaajii raawwatte qabuuf ka'umsa taate

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Saree rifeensa dheeraa qabdu dubartii burjaajii raawwatte qabuuf ka'umsa taate

Dubartiin lammii Jarman bakka Majorkaa jedhamu jiraattu tokko sobdee akka duutetti nama gowwomsaa turuun shakkamte sababa saree isheetiin seenaan ishees ifa bahe.

Dubartiin umriin ishee ganna 47 ta'e Dhaabbata Annisaa Solaarii Jarmaaniif wayita hojjataa turtetti maallaqa doolara Ameerikaa miliyoona 1.2 hattee qisaasessuun shakkamtee poolisota Ispeeniin to’atamtetti jedha miidiyaan biyyattii DPA jedhamu.

Namoonni bakka dubartiin sun jirtu adamsaa turan dhaabatichaan qacaramanii miidiyaalee hawaasarrallee otoo hin hafiin barbaadaa erga turanii booda sababa sareeshee rifeensa ‘guddaa’ qabduun adda baafamteetti.

Dubartiin kun suura saree ishee toora intarneetiirratti gadhiiftee turteen adamfamtee qabamuu dandeessetti.

Namoonni ishee adamsan kutannoon hojjachuun isaanii akka qabamtee hidhamtuuf ka’umsa ta’eera.

Dubartiin kun wabiin kan gadhiifamte wayita ta’u, otoo lubbuun jirtuu akka waan duutetti gowwomsaa dalagde garuu amanteetti.

Namoonni dubartii kana hordofaa turan jalqaba viillaa Santaa Pokaa jedhamutti namticha saree kana oofee deemaa ture argan.

Gosti saree sanaa odola sanarratti baayyee hin baramne ture.

Poolisiin Majorkaa odeeffannoo gaazexaa biyyattii ’Diario de Mallorca’ jedhamurratti jalqaba bal’inaan bahee ture gara booda mirkaneesseera.

Dubartiin kun Sadaasa darbe dhaddacha mana murtii Palmaa, Majorkaatti akka dhiyaattu gaafatamtee turte.

Maatiin dubartii kanaa Bitootessa bara 2020tti lubbuun ishii balaa konkolaataan darbuu gabaasanii turan. Dhaabbanni Annisaa Solaarii Kaaba Jarman Rostok dubartiin kun keessa hojjachaa turte garuu shakkii kaasan qabu turan.

Gaazixaan biyyattii poolisii waabeffachuun akka gabaasetti, dubartiin kun waraaqaa eenyummaa dharaatiin Majorkaa jiraatte.