Arkitekchera masjiidota qulqulluu lama hojjeteef kaffaltaa hin fudhadhu jedhe

Masjiida Al Haraam

Madda suuraa, Getty Images

Mohaammad Kamaal Ismaa'el ogeessa ijaarsa gamoo (architecture) hojii haaroomsa masjiidoota lama Sawud Arabiyaa duuba jirudha.

Bara 1908tti Masriitti kan dhalate ogeessi ijaarsaa kun, hojii babal'isuu Masjiida Sawud Arabiyaa, Makkaatti argamu masjiida guddichaafi kan magaalaa guddoo keessaa masjiida Anii Naabaawii (Masjiida Nabiyyuu) akka to'atuuf kan filatame mootii biyyattii duranii Mootii Fuhidiin ture.

Hojii babal'isuu masjiida Al Haraam hojii babal'isu jaarraa 14ffaa keessa hojjatame isa guddaa akka ture yeroos ibsameera.

Ismaa'elis hojiiwwan hojjate kanneeniif kafaltii hin fudhadhu jedhe.

Mootii Fuhidii fi kubaaniyaan Biin Laadan kanfalticha akka fudhatuuf yaalii taasisan illeen, Isamaa'el garuu ejjannoosaa hin jijjirre ture.

''Eddoowwan qulqullu addunyaa keenyaa adda ta'an irratti hojiin hojjadheef maaliifan kanfaltii fudhadha? Bara dhumaatti attamiinan Rabbii fuuldura dhaabbadha? jechuun ture Ismaa'el gaaffii kanfalii akka fudhatuuf dhiyaateef deebii yoo kennu.

Barnootaafi jireenya gaa'ilaa

Ismaa'el barataa umuriin xiqqaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Masrii irraa eebbiifameefi mana barnootaa Injinariingii Rayaalaatti makame ture.

Isaan boodas ismaa'el gosa barnootaa artikchariidhaan oguummaa fooyya'aa argachuuf gara Awurooppaatti ergame.

Wayita waggaa 44 jiru gaa'ila dhababachuunis erga mucaa dhiiraa tokko argateen booda haati warraasaa jalaa du'aan boqatan.

Isaan boodas Ismaa'el hanga umurii waggaa 100tti du'aan boqataniitti, miidiyaaleerraa fagaachuun barumsa amantaa hordofuun Rabbii buluun jireenyasaa dabarse.

Oggeessa hojii haroomsa masjidaa hojjatee kanfalti dide

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Laftii Masjiidni Al Haraam ho'a Sawudi Arabiyaa akka dandamataniif dhagaa adiin akka ijaaramu yaada kan dhiyeessan Ismaa'el turan.

Dhakaa adii (imna baradii adii) baayyee hin argamneefi Giriik keessaa argamus haala hin baramneen ifa kennuun, haalluu adii fi mana ho'aa qabanneessuun beekama.

Boodaras hojii babal'isuu Masjiida Ani Naabaawiitiifis dhagaadhuma adii sana akka fayyadamuuf mootii Fuhid itti himan.

Masjiidni guddichi Makkaatti argamu Al Haraam baqqa qulqulluu isalaamaati.

Bakki qulqulluun kunis imaltoota Hajjii fi Humraa yeroodhaa gara yerootti dablaa dhufe keessummeessuu akka danda'u gochuuf seenaa keessatti hojii babal'isuu hedduun taasifameefiira.

Erga bara bulchiinsa Mootii Fuhid hojii babal'isuu taasifameefiin booda, masjiidichi bal'ina kaaree meetira 356,800 kan qabu yoo ta'u, guyyaa idileetti amantoota kuma 820 keessummeessuu ni danda'a.

Tibba Ramadaanaa fi imala Hajjiitti ammoo amntoota miiliyoona tokko ol keessumeessuuf dandeettii kan qabuudha.