Gosa dhiigaa addunyarraa namootni 50 qofti qaban kana beektuu?

Namoota miliyoona jaha keessaa nama tokko qofatu gosa dhiigaa Rh negative kana (Rh null)qaba.

Namoonni gosa dhiigaa kana qaban dhiiga ofii isaanii firijii keessatti akka kuufatan jajjabeeffamu.

Amma qorattoonni gosti dhiigaa kun lubbuu namoota hedduu baraaruu danda'a jedhanii abdachuun laabaratoorii keessatti uumuuf yaalaa jiru.

Dhukkubsataa wal'aanuuf dhiiga nama biraan yaaluun haala wal'aansaa ammayyaa hedduu jijjirera.

Wayita miidhan namarra ga'u, ykn wal'aansi baqaqsanii hodhuu raawwatamu dhiigni yoo barbaachise namootni biraa dhiiga arjoomuun lubbuu namaa du'a oolchuu danda'u.

Garuu namni hundi kana irraa fayyadamuu hin danda'u. Namoonni gosa dhiigaa adda addaa qaban dhiiga isaanii wajjin walsimu argachuuf rakkatu.

Addunyaa kana irratti namoota 50 qofatu gosa dhiigaa Rh null jedhamuun beekamu qaba. Kunis gosa dhiigaa baay'ee hin argamne keessaa akka ta'e qorattootni kan himan

Namoonni kun yoo miidhamanii fi dhiiga fudhachuu kan isaan barbaachisu taʼe, carraan isaanii hedduu xiqqaa ta'a

Namoonni gosa dhiigaa kana qaban dhiiga ofii isaanii yeroo dheeraaf firijii keessatti akka kuufatan jajjabeeffamu.

Gosti dhiigaa kun heddu kan hin baratamne ta'us, sababoota adda addaatin gosoota dhiigaa biroo irraas baay'ee adda.

Ogeessotni fayyaa fi qorattootni barbaachisummaa itti fayyadama gosa dhiigaa kana ibsuuf maqaa 'Golden blood' ykn "dhiiga warqee" jedhuu itti moggasaniiru

Saayintistoonni gosti dhiiga kanaa yoo arjoomame namoota namoota gosa dhiigaa adda addaa qaban hundaaf kennamuu akka danda'us abdii guddaa qabu.

Gosoonni dhiigaa akkamitti ramadamu?

Gosoonni dhiigaa qaama keenya keessa naanna'u qabiyyee seelii dhiiga diimaa keenya keessa jiran ykn hin jirre irratti hundaa'uun ramadama.

Mallattoolee antijiin jedhamuun kan beekaman kun pirootiinii ykn sukkaara seelii keenyatti maxxanan ykn sirna ittisa qaamaa keenyaan fudhataman of keessaa qabu.

''Gosti dhiigaa kan biraa kan dhiiga keenyarraa antijiin adda ta'e of keessaa qabu yoo nuuf kenname, farra qaama gosa dhiigaa sanaa oomishee faccisaa,'' jedhan Yunivarsiitii Biristol keessatti piroofeesara baayoloojii seelii kan ta'an Ash Toye.

"Dhiigni adda ta'e sun yoo namaf kenname lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu danda'a."

Gosoonni dhiigaa lamaan dandeetti ittisaa olaanaa qaban ABO fi RH dha. Namni dhiiga gosa A qabu seelii dhiiga isaa diimaa irratti antijiin A kan qabu yoo ta'u, namni dhiiga gosa B qabu ammoo antijiin B qaba.

Namoonni dhiiga gosa AB qaban antijeenoota A fi B lamaanuu qabu. Dhiiga gosa O wajjin waan wal qabatu hin qaban. Tokkoon tokkoon garee Rh-poozaatiivii yookiin Rh-negaatiivii ta'uu danda'a.

Namoonni dhiiga gosa O negaatiivii qaban yeroo baayyee dhiigni isaanii antijeen A, B ykn Rh waan hin qabneef gosa dhiigaa hundaaf arjoomuu danda'u. Haa ta'u malee, kun garmalee salphisuudha.

Hanga Waxabajjii 2024tti qofa gosootni dhiigaa beekaman 47 fi antijeenonni adda addaa 366 ta'u

Kana jechuun namni O negaatiivii ta'e mallattoo antijeenoota biroo irraa ittisa qaamaa agarsiisuu danda'a. Haa ta'u malee antijeenonni tokko tokko ittisa qaamaa cimaa kanneen biroo caalaa qabaachuu danda'u.

Lammaffaa, antijeenonni Rh 50 ol ta'u. Namoonni waa'ee Rh null ta'uu yeroo dubbatan antijiin Rh(D) eeruun isaanii ni yaadatama.

Garuu seelonni dhiiga diimaa isaanii ammallee pirootiinota Rh biroo of keessaa qaba. Akkasumas addunyaa irratti antijeenonni Rh baay'inaan waan hin jirreef dhugaa walfakkaataa ta'e argachuun rakkisaadha.

Namoonni dhiiga 'Rh null' qaban garuu antijeenoota Rh 50 hunda hin qaban. Namoonni kun gosa dhiigaa biraa argachuu kan hin dandeenye yoo ta'u, dhiigni Rh null gosoota dhiigaa Rh irra caalaan isaanii wajjin walsima.

Kunis gosti O Rh null garmalee barbaadamu taasisa sababiin isaas namoota dhuunfaa gosa ABO hunda qaban dabalatee namoota baay'eedhaaf kennamuu danda'a.

Haala hatattamaa gosti dhiiga dhukkubsataa hin beekamne keessatti, dhiigni gosa O Rh null alarjii xiqqaa fiduu danda'a.

Sababa kanaaf, saayintistoonni addunyaa maratti argaman "dhiiga warqee" kana karaa ittin oomishan barbaadaa jiru.

"Antijeenonni Rh deebii ittisa qaamaa cimaa kakaasu, kanaaf yoo kanneen keessaa tokkollee hin qabne, sirni ittisa qaamaa kee wanti deebii kennuu danda'u hin jiru," jedhu Piroofeesar Toye.

"Yoo gosa dhiigaa O fi Rh null ta'e, sun baay'ee barbaadama. Garuu ammallee gosootni dhiigaa biroo ilaalamuu qaban jiru."

Ka'umsa qorannoo dhiiga adda ta'anii

Qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti dhiigni Rh null jijjiirama jiinii pirootiinii seelii dhiiga diimaa keessatti gahee olaanaa qabu irratti dhiibbaa geessisu irraa kan dhufudha.

Qorannoon bara 2018 Awurooppaatti gaggeeffameen, Piroofeesar Toye fi waahillan isaanii Yunivarsiitii Biristol irraa dhiiga Rh null laaboraatoorii keessatti uumuu danda'aniiru.

Kana gochuuf seelii tokko fudhatanii gara seelii laaboraatoorii keessatti sirnaan adda hin baafamneetti guddisan. Kunis seelonni dhiiga diimaa sirnaan adda hin baafamne akka uumaman taasiseera.

Gareen kun laabaraatoorii fayyadamuun antijeenoota sirna gosa dhiigaa shanan keessatti wal hin simne kanaaf itti gaafatamummaa qaban balleessa.

Kunis antijeenoota ABO fi Rh, akkasumas kanneen biroo Kelle, Duffy fi GPB jedhaman dabalata.

Seelonni dhiigaa kana irraa argamu gosoota dhiigaa gurguddoo hunda wajjin kan walsimu taʼa; akkasumas gosoota dhiigaa baay'ee hin argamne kan akka Rh null fi 'Bombay phenotype' kanneen namoota miliyoona afur keessaa tokko qofa irratti mul'atan waliin.

Namoonni gosa dhiigaa kana qaban namoota O, A, B ykn AB qaban irraa dhiiga argachuu hin danda'an.

Fayyadamni tooftaalee gulaallii jiinii kutaalee addunyaa hedduu keessatti falmisiisaa fi kan to'atame waan ta'eef, gosti dhiigaa baay'ee walsimu laaboraatoorii keessatti oomishuuf yeroo muraasa fudhachuu danda'a.

hojiirra ooluun dura garuu qorannoon laabraatoorii marsaa hedduu keessa darbuu qaba.

Gama biraatiin Piroofeesar Toye dhaabbata 'Scarlet Therapeutics' jedhamu kan Rh null dabalatee namoota gosa dhiigaa baay'ee hin argamne irraa arjooma dhiigaa walitti qabu hundeessee jira.

Gareen kun dhiiga sana fayyadamuun seelii mana yaalaa keessatti guddachuu danda'u uumuu fi seelii dhiiga diimaa yeroo hin murtoofneef uumuuf abdii qaba.

Dhiigni mana yaalaa keessatti guddate kun yeroo hatattamaadhaafi cabbii keessatti kuufamee namoota gosa dhiigaa adda addaa qabaniif itti fayyadamuu danda'a.

Piroofeesar Toye gulaallii jiinii osoo hin fayyadamin baankii gosoota dhiigaa adda addaa mana yaalaa keessatti hundeessuuf abdii qabu.

"Wanti nuti hojjennu arjoomtoota of eeggannoodhaan filachuun antijeenonni isaanii hundi namoota hedduu waliin akka walsimu gochuudha. Sana booda tarii jiinii kana gulaaluun nama hunda waliin akka walsimu gochuu qabna ta'a." jedhan.

Bara 2021tti ogeessotni Yunivarsiitii 'Milwaukee's Bilood Institute US' keessatti qorannoo gosa dhiigaa fooyyee RH dbalatee uumuuf yaala jiru.

Seelonni bu'uuraa kunniin amaloota seelii bu'uuraa miciree wajjin wal fakkaatu qabu. Akkasumas haala gosa seelii qaama kamifiyyuu ta'uu danda'u.

Saayintistoonni kaanis gosoota seelii bu'uuraa kan biroo kanneen seelii dhiigaa akka ta'aniif yaalii bira ga'an fayyadamaa jiru, gosa kam akka ta'e hanga ammaatti hin murteessine.

Fakkeenyaaf, saayintistoonni Yunivarsiitii Laavaal Kaanaadaa Kuubeek keessatti argaman, dhiheenya kana seelii bu'uuraa dhiigaa namoota dhiiga A+ qaban irraa fudhataniiru.

Sana booda teknooloojii kana fayyadamuun jiiniiwwan antijeenoota A fi Rh haquun seelii dhiiga diimaa gosa Rh sirrii hin qabne uumanii ture.

Qorattoonni Ispeen magaalaa Baarseloonaa dhiheenya kana seelii bu'uuraa nama dhiiga Rh-null arjooman irraa fudhachuun teeknooloojiitti fayyadamuun gosa dhiigaa A irraa gara O tti jijjiiruun nama hunda waliin akka walsimu taasisan.

Tattaaffiin dinqisiisaan kun godhamus, ammallee dhiiga namtolchee laabaraatoorii keessatti uumaame yaaliif fayyadamuu danda'uu irraa hanga namni itti fayyadamuu danda'utti karaa dheeraatu hafa.

Qormaanni tokko seelonni bu'uuraa gara seelii dhiiga diimaa sirnaan uumamanitti akka guddatan gochuudha.

Seelonni dhiiga diimaan qaama keenya keessa jiran seelii bu'uuraa lafee keessaa kan maddan yoo ta'u, mana yaalaa keessatti baay'isuun rakkisaadha.

"Rakkoon dabalataa tokko jira, Rh-null ykn gosti dhiigaa negaatiivii kan biraa kamiyyuu yeroo uumamu guddinni fi uumamuun seelii dhiiga diimaa jeeqamuu danda'a," jedhu ogeeyyiin dhimmicha qoratan.

"Gosoota dhiigaa murtaa'an hojjechuun meembraaniin seelii akka caccabu ykn gahumsa oomisha seelii dhiiga diimaa saamuda seelii keessatti hir'isuu danda'a," jechuun dabalaniiru.

Piroofeesar Toye yeroo ammaa yaalii kilinikaa addunyaa irratti isa jalqabaa hoogganaa jiru. Tola ooltota fayyaa ta'aniif seelii dhiiga diimaa namtolcheedhaan guddate seelii bu'uuraa dhiigaa arjoomtoota irraa fudhatame laaboraatoorii keessatti kennuun nageenya isaa qorachaa jiru.

Dhiigni namtolchee yaalii kanarratti argame karaa kamiinuu jeneetikiidhaan hin fooyya'in; garuu ammas saayintistoonni sadarkaa nama irratti qorachuuf qophaa'an irra ga'uuf qorannoo waggaa 10 itti fudhate.

''Amma nama tokkorraa dhiiga fudhachuun bu'a qabeessaa fi baasii xiqqaadha, gara fuulduraattis arjoomtoota dhiigaa nu barbaachisa,'' jedhu Piroofeesar Toye.

Garuu namoota gosa dhiigaa adda addaa qabaniif dhiiga baay'ee guddifnee, bakka arjoomtonni biroo baay'ee hanqatanitti baay'ee nama gammachiisa."jedhan