Intala 'gootichaa' fi 'arjaa' Daraaraa Kafanii kan taate Dr Milkii Daraaraa eenyu?

Ofii ishee yeroo barattuu kutaa torbaa turte ilkaan ishee fuulduraa lama dhabde.

Miidhaa xiin-sammuu guddaa akkamii akka ishee irraan gahe beekti. Har'a ogeettii yaala ilkaaniiti.

Dhukkubbii ilkaanii irraa nama fayyisuu qofa osoo hin taane miidhaginaa fi simboo namatti deebisaa jirti. Dr Milkii Daraaraa Kafanii.

Dr Milkii Daraaraa Kafanii intala 'gooticha' Ambo keessatti maqaan isaa yeroo hundumaa ka'uu- Daraaraa Kafaniiti.

'Abbaa hiyyeessaa, arjaa nama gargaaraa ooluu fi gara laafessa' jedhamuun beekamu. Abbaan ishee Obbo Daraaraa Kafanii.

Dr Milkii Daraaraa digirii jalqabaa Yuunvarsiitii Finfinnee irraa barnoota 'Doctor of Dental Medicine' jedhamuun eebbifamte. Qabxii olaanaa galmeessuun ture kan xumurte.

Kanaaf achumatti hafuun waggaa tokkoof yuunvarsiitii Finfinnee barsiisaa turte.

Isaan booda gara Yuunvarsiitii Ambootti jijjiirrachuun waggoota torbaaf barsiisaa turte. Barnoota digirii lammaffaa ishee Yuunvarsiitii Amboo irraa Fayyaa Hawwaasaan xumurteetti.

Hospitaala Riferaalaa Amboo keessas hojjechaa turte. Amma magaalaa Finfinnee keessatti Kilinika yaala ilkaanii banuun hojjechaa jirti.

Garuu Dr Milkii Daraaraa eessaa kaatee as geesse? Ammoo isheen eenyu?

Dr Milkii Daraaraa eenyu?

Maatii isheef mucaa quxisuudha. Ijoollee 11 keessaa ishee dhumaati. Magaalaa Ambotti dhalattee kan guddatte Dr Milkiin Abbaan ishee Obbo Daraaraa Kafanii Milkiin dhalattee yeroo umuriin ishee waggaa lamaa irraa ajjeefaman.

Barnoota ishee hanga kutaa saddeettaffaas achuma magaalaa Ambootti baratte.

Abbaan ishee erga irraa ajjeefamanii ofiis qormaata keessa dabarte. Kutaa torbaffaa yeroo barataa turte sochiin barattoota Amboo akka ture yaadatti.

''Sababa isaa hin barre poolisiin duubaan na rukutee kufeen ilkaankoo fuulduraa lamaan narraa caban. Osoo hin dhaabsisiin gara waggaa tokkoon ture. Barnoota koo irraas waggaa tokkoof na adabani '' jette.

Isaan booda magaalaa Finfinneetti barnoota ishee xumurtee Yuunvarsiitii Finfinnee galte.

Saayinsii yaala ilkaaniin Yuunvarsiitii Finfinnee irraa qabxii olaanaan xumurte.

Carraa yuunvarsiiticha keessatti hafuun barsiisuus argachuun gara waggaa tokko tahuuf Yuunvarsiitii Finfinnee keessa barsiifteetti.

Booda gara Yuunvarsiitii Amboo qe'ee dhaloota isheetti jijjiirrachuun waggoota torba tahaniif barsiisaa turte.

Barnoota ishee digirii lammaffaas Fayyaa Hawwaasaa ykn Public Health'n Yuunvarsiitii Ambootti xumurte.

Barattuu cimtuu kan turte Dr Milkiin mul'ata ishee milkeessuuf takkaa dubatti hin jenne.

Ciminaa fi cichoomin abbaa ishee Obbo Daraaraa Kafanii irraa dhaaluu hin hafne.

Osoo Yuunvarsiitii Amboo keessa barsiiftuu Hospitaala Riferaalaa Amboo keessa hojjechaa turte. Kilinika dhuunfaa ishee keessas akkasuma hojjechaa turte.

Har'a magaalaa Finfinneetti Kilinika yaala ilkaanii dhuunfaa ishee banuun hojjechaa jirti.

Heerumtee ijoollee godhatteetti. Hojii fi mana ishee wal madaalsiftee deemsisuun beekamti.

Dubartiin kamiyyuu kaayyoo ishee irraa duubatti deebuu hin qabdu kan jettu Dr Milkiin ''dubartiin tokko kutannoon hojjettee milkaa'uun ijoollee isheefiyyuu fakkeenyummaa guddaa taha,'' jette.

''Ani dubartiidha. Kana hin danda'u jechuun nama hin baasu. Dubartiin tokko osoo barattuu mana keessa hojjechuu, heerumtee dhala godhachuu fi ijoollee kunuunsuu dandeessi. Garuu kun hundi milkaa'ina ishee irraa ishee dhaabuu hin qabu jedheen amana,'' jette.

''Gufuu si mudatu hundaa gara ciminaa fi carraatti jijjiiraa bira darbuu qabda'' jedheen amana.

''Hammi gufuu ati bira darbite gatii ati qabdu ibsa jedheen amana'' kan jettu Dr Milkiin, qormaanni dubartummaa jiraatus milkaa'ina isheerraa dhaabuu hin qabu jetti.

''Ani ijoollee qaba. Isaanis kunuunsaa, Yuunvarsiitii barsiisaa, Hospitaala Rifaraala Amboo keessa hojjechaa, torbee irra barachaa, kilinika dhuunfaakoo keessa hojjechaan ture.''

''Salphaa miti. Ijoolleekee waliin yeroo dabarsuu qabda, haala keessa oolan gaafachuu qabda. Garuu natti baay'ata jettee duubatti waan dhiistu hin jiru,'' jette.

''Ijoolleekoof jettee barumsa dhiisuu hin qabdu. Gaafa qormaata kana hunda keessa darbitee barattee, hojjettee milkooftu warri dhiiraas warri dubaraas ciminakee irraa baratu,'' jette Dr Milkiin.

''Ijoolleekeef fakkeenya guddaa tahuu dandeessa. garuu warra ijoollee fi mana isaaniif jedhanii mana jiranis nan kabaja.''

Gaheen abbaa warraas guddaa tahuu kan himtu Dr Milkiin, ''haadha warraa isaanii hubachuu fi gargaaruu qabu,'' jette.

Dhukkubbiin ilkaanii akka ciniinsuu dubartii ulfaata

Dr Milkiin yeroo kutaa torbatti ilkaan ishee lamaan fuulduraa irraa caban umurii ishee gara waggaa 12 ykn 13 akka hin caalle yaadatti.

''Ambotti sochii barattootaa yeroo gaggeeffamaa ture sana ture ilkaankoo lamaan kan caban. Anaan yeroo sana xiin-sammuun na miidhee ture,'' jetti Dr Milkiin.

Har'a yaala ilkaaniin ogeettii cimtuudha.

''Ani jalqaba barnoota yaala ilkaanii kana filadhee hin gallen ture. Kanaaf itti hin gammanne ture. Garuu booda ergan baradhee hojii isaa jalqabee baay'een jaalladhe,'' jette.

Waa'ee dhibee ilkaanii yeroo kaastu dhukkubbiin isaa hamaa tahuu himti.

Yeroon Hospitaala Riferaalaa Amboo hojjechaa ture namoonni ilkaan dhukkubsatanii baadiyaa irraa dhufan ''eda ilkaan na dhukkubee elektirii qabachuuf xiqqoo na hafe'' jedhanii himatu.

Yeroo hakiima bira gahan waan daqiiqaa muraasa keessatti yaalamanidha jette.

Ogommicha akkan jaaladhu kan na godheyyuu yaaltee bu'aa isaa ammuma waan argituufidha jette. Gammachuu fi boqonnaa isaan hatattamaan argatan yoo ilaaltu hedduu si gammachiisa jette Dr Milkiin.

Itoophiyaa keessa yaalli ilkaanii magaalota gurguddoo keessa malee gara baadiyaa fi aanolee irra baay'inaan hin jiru.

Dr Milkiinis dhibeen kun baadiyaattis akka hammaatu himti. Baadiyaatti dhibee ilkaanii ittisuu irratti, akkamiin akka qulqulleesanii fi maal akka fayyadaman irratti hubannoo gahaa hin qaban. Kanaaf dhibeef isaan saaxila jetti.

Namoonni mala aadaan ilkaan buqqisan jiraatanis meeshaa tokkoon namoota adda addaaf waan buqqisaniif dhibee daddarboo adda addaaf nama saaxila jette.

Meeshicha qulqullinaan qabuu dhabuunis dhibee biraaf akka nama saaxilu himti.

''Dargaggoon tokko ilkaan mala aadaan buqqisiisee infeekshinii hamaaf saaxilamee hospitaala riferaalaa Amboo galee nama du'e nan beeka.''

'Arjummaan' kan beekaman Obbo Daraaraa Kafanii akkamiin yaadatamu?

Dr Milkiin abbaa ishee qaamaan hin beektu ykn hin yaadattu. Yeroo inni ajjeefame mucaa waggaa lamaa waan turteef.

''Waa'ee abbaakoo odeeffannoo dhagahu irraa malee ani qaamaan hin beeku. Abbaankoo nama nama gargaaraa oolu, nama saba isaafis waan tahuu qabu tahee lubbuu isaas dabarsee kennedha.''

Dr Milkiin abbaan ishee Obbo daraaraa Kafanii namoota hedduu hojii qabsiisaa akka turan, manaa fi lafallee bitanii akka kennaa turan himte.

''Nama tokkotu seenaa wayii natti hime. Qorataadha. gara Baalee kana deemee nama gargaaraa akka ture natti hime.

Namoota na argan hundumaaf qarshii kennaan ture na jedhe. Jaarsi tokko na waamee, 'eessaa dhufte? Ati nama Daaraa fakkaatudha. Innis akkumakee arjaa ture' na jedhe jedhee natti hime,'' jette.

Namni kun Obbo daraaraa Kafanii waliin akka wal hin fakkaanne kan himtu Dr Milkiin arjummaa isaa arganiiti abbaakotti fakkeessanii waaman jette.

Obbo Daraaraa Kafanii namoota hedduuf nama oo'an, nama hedduu nama gargaaraa turan akka tahe himama.

Obbo Daraaraa kafanii nama jireenya ammayyaa jiraachaa turanii fi abbaa qabeenyaa turan.

Hoteelota dabalatee manneen daldalaa adda addaa, mana daabboo, keekii, tiraakteraan lafa qochiisaafaa turan. Magaalaa Ambootii hanga Adaamaatti hojii biizinasii guddaa hojjechaa turan.

Obbo Daraaraa kafanii balbaluma isaaniitti ture rasaasaan dhahamuun kan ajjeefaman.

''Osoo hiriyyaa isaa tokko wlaiin hojiidhaa gara manaatti galaa jiruu balbaluma mana keenyaatti itti dhukaafame.

Innis callisee hin duune deebisee itti dhukaasuun ofirraa osoo qolatuu du'e. Abbaankoo gootummaa isaan du'e'' jette Dr Milkiin.

Murtoon kun isa irratti darbuu quba akka qabu dhagaheera kan jettu Dr Milkiin biyyaa bahi jedhamee itti himamus akka didee qe'ee isaatti gootummaan du'e dubbatti.

Har'as Hoteela Daraaraa kan jedhamu maqaa Obbo Daraaraa Kafaniin mogga'e magaalaa Ambo keessatti maqaa guddaa qaba.